Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baayidan deeggarsa ulfa baasuu biyyootaaf kennamu deebisanii eeyyaman
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan dhorkaa maallaqa federaalaa deeggarsa gareewwan idila addunyaa ulfa baasuu yookiin waa’eesaa irratti barsiisuuf kennamu kaasuun deebii'ee akka eegaluuf eeyyamaniiru.
Imaammati 'Meeksikoo Siitii' jedhamu, kan Tiraamp hojiirra oolchaa turan ‘haleellaa fayyaa dubartootaa irratti taasifameedha,’ jedhan Pirezidaanti Baayidan.
Akkasumas imaammatni bara Tiraamp, fandii Ameerikaa kilinikoota tajaajila ulfa baasuu akka hinkennamne taasise akka jiijjiiramu ajajaniiru pireezidanti Baayidan.
Kana malees Baayidan labsii sagantaa inshuraansii fayyaa Obaamaa keer jedhamu babal’isuuf mallatteessaniiru.
Baayidan ‘’seera kongireesiin baasurra aangoo pireezidantummaa isaatti fayyadamuun bulchaa jiru,'' jechuun qeequumsi irratti dhiyaatuuf, ’’seera haaraa baasaa hin jiru,’’ jedhan.
‘’Asitti waanti haaraa raawwachaa jirru hinjiru. Seera Fayyaa hunda qaqqabu kan aangoo Tiraampiin dura ture deebisaa jirra,’’ jedhan.
Seerri ulfa baasuu dhorku addunyaa maalii?
Imaammatni Meeksikoo Siitii jedhamu fi kan pireezidantii duraanii warra Rippaablikaanaa Roonaald Reganiin bara 1984tti raggaasiifame irra deddeebiin Rippaablikaanotaan yoo haarofamu warri Demookiraatii immoo ni haqu.
Waggoota kurna baayyeef Ameerikaan maallaqa ulfa baasuuf biyya alaatti ergitu dhorkaa turtus imaammatni Meeksikoo Siitii garuu tarkaanfii kana caalaa jabeesse.
Biyyoota tajaajila ulfa baasuu, gorsa ulfa baasuu kennaniifi ulfa baasuu seera qabeessa taasisuu deeggaran maallaqni akka hin kennamne dhorka.
Tiraamp maallaqa dhaabota miti-mootummaaf kennamu dhorkanillee dhaaboti kunneen ofii qarshii ramaduun sagantichi babal’achaati ture.
Ibsi Waayit Haawus irraa bahe Baayidan ‘’fayyaa saalaa fi wal-hormaataa dubartoota Ameerikaafi addunyaa deeggaruuf,’’ tarkaanfii fudhataniiru.
Gabaasni Waajira Ittigaafatamummaa Ameerikaa bara darbe dhaabbileen miti-mootummaa sagantaa ulfa baasuu hin dhaabnu gatii jedhaniif qofa doolaara miiliyoona 153 dhabaniiru.
Sababa imaammata kanaan haala garaagaraa 54 keessatti maallaqa fudhachuu hin dandeenye jedha gabaasichi.