Zinnaash Taayyaachoo: Giifti-dureen Itoophiyaa maaliif manneen barnoota ijaaruurratti fuulleffatan?

Giifti-dureen Itoophiyaa Aadde Zinnaash Taayyachoo guutummaa biyyattii keessatti manneen barnootaa 18 baasii birrii miliyoona 300n ijaarsisuu direektarri waajira Giifti-duree Obbo Muluqan Fantaa BBCtti himaniiru.

Manneen barnootaa ijaarsi isaanii xumurame keessaa 13 eebbifamanii bulchitoota naannoof kan dabarfaman yoo ta'u, dhiyeenyatti ammoo waajirichi manneen barnootaa shan akka eebbisiisu dubbatan.

Manneen barnootaa ijaarsi isaanii xumuramee fi dhiyeenyatti xumuramanis walumaagalatti manneen barnootaa sadarkaa lamaffaa ta'uu isaanii Obbo Muluqan himaniiru.

Giifti-duree Aadde Zinnaash Taayyachoo galii kitaaba Inda'amuutiin manneen barnootaa ijaaramaniifis dhakaa bu'uuraa kaa'uu jalqabuu himu.

Giifti-dureen manneen barnootaa jalqabaa afur bara 2019 keessa akkuma waajiricha galaniin akka ijaarsisan kan yaadatan Obbo Muluqan, warri hafan ammoo walakkeessuma bara sanaa kan jalqabaman keessaa kan ijaarsi isaanii xumuraman ta'uu ibsaniiru.

Pirojektoonni harki caalan ji'a ja'aa hanga ji'a saddetii keessatti ijaarsi isaanii xumuramuus ni dubbatu.

Pirojektoonni fageenya jiranii fi bakka mijatoo hin taane qofatu waggaa tokko akka fudhatu dabalanii ibsaniiru.

Dabalataanis waajirri Giifti-duree kun kutaa magaalaa Aqaaqiitti mana barumsaa bakka bulmaataa qabu barattoota qaro-dhabeeyyii 300'f gargaaru ijaarsisaa akka jiru Obbo Muluqan dubbataniiru.

Ijaarsa manneen barnootaa kanaaf baasiin bahe walumaagalatti giifti-dureen michoota isaanii biyya alaa jiranirraa kennaadhaan akka argatan himu.

Mana barumsaa ijaaruun maaliif?

Giifti-dureen waajiricha erga seenaniin booda waanti xiyyeeffannaa duraa itti kennan manneen barnootaa waliin ga'uu fi qulqullina barnootaa foyyeessuudha akka Obbo Muluqan jedhanitti.

Manneen barnootaa kunneen guutummaa biyyatti keessatti kan ijaraman ta'uu eeruun, karoora marsaa duraatiin manneen barnootaa ijaaruutu ture jedhu.

Kanaan dura waajira giifti-duree jala sagantaa barattoota sooruu ture.

Giifti-dureen naannolee gara garaa keessa deemanii manneen barnootaa yeroo daawwatanitti manneen barnootaa sadarkaa lamaffaa dhiyeenyaa dhibuu isaarraan kan ka'e barattoonni barumsa isaanii kutaa saddet gahanii addaan kutan jiraachuu isaanii hubachuu himu Obbo Muluqan.

Kun dhiibbaa dinagdee qabuun alatti, maatiin dhala isaa ergee barsiisuu hin dandeenye akka addaan kutu dirqama jedhu.

Kan biroon ammoo miidhaa saalaa ijoollee dubartootaarra ga'udha kan jedhan Obbo Muluqan, yeroo maatii isaniirraa fagaatanii deeman carraan isaan miidhaaf itti saaxilaman bal'aa ta'uu ibsu.

Rakkooleen lamaan kana furuudhaaf manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa hedduu bakka jiranii fi manneen barnootaa sadarkaa lamaffaa hin jirretti manneen barnootaa akka ijaaraman taasisuu himu.

Mana barumsaa meeqa, naannoo kam keessatti?

Manneen barnootaa kan ijaaraman guutummaa biyyattii keessatti ta'uu eeruun, naannolee Amaaraa fi Oromiyaa keessatti manneen barnootaa afur afur ijaaramuu himu.

Naannoo Kibbaa keessatti sadi, naannoo Beenishaangul Gumuz Asoosaa fi Matakkalitti manneen barnootaa lama, naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti manneen barnootaa lama, Affaaritti tokko, Gambeellaatti tokko, Tigiraay Shireetti mana barumsaa tokkotu ijaarame jedhan Obbo Muluqan.

Bara 2020 keessa xumuramanii bulchiinsawwan naannoof kan dabarfamanii kennaman keessaa manneen barnootaa afur kan daree barnootaa 26 qabanii fi tokkoo tokkoo isaaniitiif birrii miiliyoona 20 kan baasii itti ta'e yoo ta'u, weerarri Covid-19 osoo hin uumamiin dura tajaajila jalqabuu isaanii dubbatu.

Manneen barnootaa kunneen dabaree tokkoon barattoota kuma 1 fi 300 keessumeessuu danda'us jedhameera.

Manneen barnootaa kanneen keessatti meeshaalen barbaachisan guutuudhaan, barattotaafis yuunifoormii dhiyeessuun hojii jalqabuu isaanii kaasu.

Manneen barnootaa afran kanaan ala warri jiran ammoo tokkoo tokkoon isaanii daree barnootaa 18 kan qaban yoo ta'u, tokkoo tokkoo isaaniitiif baasii birrii miliyoona 13.8 baasuun ijaaramani.

Manni barumsaa tokkichi dabaree tokkoon barattoota 900 keessumeessa jedhameera.

Manneen barootaa hunda keessatti biiroowwan bulchiinsaa, manneen kitaabaa fi laaboraatooriin sadarkaa isaanii eeggatanii ijaaramuu isaanii kaasan.

Walumaagalatti manneen barnootaa kunneen ijaaruudhaaf birriin miliyoona 300 baasii ta'ee dubbatu direektarichi.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad gurgurtaa kitaaba Ida'amuu yeroo waajira giifti-dureetiif dabarsanii kennanitti, maallaqni kitaabichi gurguramee argamu walitti qabamee naannoo irraa sassaabameef haa oolu akkuma jedhaniin, manneen barnootaa shan Oromiyaa fi Kibbatti dabalataan akka ijaaraman Obbo Muluqan dubbataniiru.

Bu'uurama waadaa galameefiin Oromiyaatti godina Arsii Lixaa aanaa Siraaroo magaalaa Roophiitti mana barumsaa ijaaramuuf Giifti-duree Zinnaash Taayyaachoo dhakaa bu'uuraa kaa'aniiru.

Waajirri giifti-duree manneen barnootaa sadarkaa lamaffaa ijaaruurra darbee dinagdeedhaan dubartoota aangessuurratti akka hojjetu dabalanii ibsaniiru.

Pirojektii kanaan ammoo magaalaa Baahir Daar keessatti dubaroota daldala saal-qunnamtiirratti bobba'an irratti akka hojjetu kan ibsan Obbo Muluqan, dubartoonni 695 fayyadamtoota taasisuudhaaf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Dabalataanis qaro-dhabeeyyii fi meeshaalee barnootaa dhiyeessuu, miidhama qaamaa warra qabanii wiilchariin deeggaruu keessatti waajirichi qooda fudhaa jira jedhan.