Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Finfinneetti kondomiiniyeemiin kumni 21 ol seeraan ala qabaman argaman
Magaalaa Finfinneetti manneen kondomiiniyeemii 21,695 karaa seeraan alaa qabaman argamuu isaanii Aadde Adaanech Abeebee himan.
Kantiibaa Itti-aantun Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee bu'aa qorannoo saamicha lafaa seeraan alaafi gamoowwan abbaa hin qabne, akkasumas kondomiiniyeemiifi manneen gandaa ilaalchisuun har'a ibsa kennaniiru.
Akka ibsa kanaattis, lafti heektaarri 1,338 seeraan ala weeraramuu, manneen kondomiiniyeemii 21,695 haala seera qabeessummaa hin qabnerra kan jiran, gamoowwan 322 kan abbaa hin qabne ijaarsi isaanii hin xumuramiiniifi kan xumaramanii argamuu isaanii, manneen gandaa 4,641 mana jireenyaafi daldalaa karaa seeraafi seeraan alaatiin qabamanii akka jiran barameera.
Aadde Adaanech ibsa Wixata kennan kanaan, walumaagalatti Finfinnee keessatti lafti kaaree miliyoona 13 kuma 389,955 ykn hektaara kuma 1 fi 338 seeraan ala qabamuu isaa iftoomsaniiru.
Aadde Adaanech ibsa isaanii kanarratti akka jedhanitti, manneen jireeynaa kondominiyeemii seeraan ala qabataman kuma 21,695 keessaa 15,891 kan ta'an ragaan abbaa qabeenyummaa irratti hin dhiyaanne.
Manneen 850 ammoo cufaa ta'anii kan jiran yoo ta'u, kuma 4 fi 530 ammoo qullaa ta'anii argamaniiru jedhan Itti-aantuu kantiibaa.
Akka ibsa kanaatti taanaan 424 kan ta'an karaa seeraan alaa namoota dhuunfaan qabamanii kan jiran yoo ta'u, carraadhaan osoo hin taane tooftaa gara garaatiin namoota dhuunfaaf kan kennaman ammoo manneen kuma 51 fi 64 argamaniiru.
Aanaalee Finfinnee keessatti argaman 121 keessaa aanaalee 88 ta'an keessatti weerara lafaa gaggeefameen lafti hektaara kuma 1fi 338 weerarameera jedhan Aadde Adaanecha.
Lakkoofsa gamoowwanii gaggeeffameenis gamoowwaniifi manneen 322 ta'an abbaa kan hin qabne ta'anii argamaniiru jedhan.
ALI bara 1997 irraa kaasee magaalattii keessatti karaa adda addaatiin saamichi lafaa karaa seeraan alaa gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, ALI bara 2010 keessa jijjiiramni biyyaa osoo hin dhufiin weerarri lafaa bal'inaan deemaa kan ture fi jijjiiramaa booda ammoo hooggansi waliigalaa al-seerumaa kana sirnaan ittisuu dhabuun rakkoon kun akka daran bal'atu taasiseera jedhan.
Manneeniifi gamoowwan abbaa hin qabne jedhamuun adda baafamanis walumaagalatti 322 yoo ta'an, bal'inni lafa isaan qabatanii ammoo kaaree kuma 229 fi 556 ta'uun ibsameera.
Akka ragaa waajiraalee misooma manneenii aanaarraa argametti walumaagalatti bulchiinsa magaalichaa jalatti manneen gandaa kan jireenyaafi daldala kuma 150 fi 737 jiru jedhan Itti-aantuun kantiibaa kun.
Qorannoo kanaan qaqqabuun kan danda'ame manneen jireenyaafi daldalaa kuma 138 fi 652 ta'uun isaas ibsameera.
Magaalattii keessatti manneen gandaa kuma 10 fi 565 ta'an furtuu bituun, cabsanii itti galuuniifi malawwan biroo seerri hayyamuun alaatiin qabamanii jiru jedhan Aadde Adaanecha.
Akka qorannoon bira gahametti manneen gandaa kuma 7 fi 723 kan ta'an namoota waliigaltee hin qabneen qabamanii jiru.
Manneen gandaa kuma 2 fi 207 ta'an ammoo gara dhuunfaatti kan naanneffaman yoo ta'u, 265 ammoo qaama sadaffaan qabamaniiru. Manneen 64 ammoo namoota kondomiiniyeemiin isaan gahe/mana ofii isaanii qabaniin kan qaban jiru.
Manneen gandaa jireenyaaf oolan gurgurtaan gara dhuunfaatti dabarfaman 137, saamsamanii/cufamanii kan jiran kuma 1 fi 243, kan diigaman kuma 5 fi 43, manneen gandaa teessoon isaanii dhabame/badan ammoo 180 jiraachuun mirkanaa'eera.
Manneen gandaa daldalaaf oolan ilaalchisee ibsa kennaniin, walumaagalatti manneen daldalaa kuma 25 fi 96 yoo ta'an, isaan keessaa karaa seeraan alaa kan qabaman manneen daldalaa kuma 4 fi 76 ta'u.
Lafti mootummaa seeraan ala weeraramuun kan qabame yoo ta'u, gochi akkasii kun ammoo sadarkaa dhuufaatiifi dhaabbilee amantaa dabalatee kan raawwatame ta'uu amala weerarri lafaa ittiin gaggeefame ibsan Aadde Adaanech.