Lolli Somaliyaa daangaa Keeniyaa dhiyootti eegale lubbuu namoota 11 galaafate

Lolli hamaan magaalaa Somaaliyaa qarqara daangaa Keeniyaatti argamtuurratti kan eegalame yoo xiqqaate lubbuu namoota 11 galaafachuun, 14 madeessuu namoonni lolicha argan himan.

Lolli magaalaa Kibba Dhiha naannoo Geedoo, magaalaa Balid-Hawootti Sambata waaree booda eegalame kun amma Wixata ganamaatti itti fufe.

Ministirrii Odeeffannoo Somaaliyaa biyyii Keeniyaa, ‘‘mormitoota’’akka humnoota federaalaa haleelaniif deeggarti jechuun himachuun muddamni biyyoota Baha Afrikaa ollaa lamaan gidduutti jabaate.

Keeniyaan amma yoonaatti ibsa Somaaliyaa ilaalchisuun deebii hin kennine.

Haata’u malee, naannoo of bulchitu Jubbaalaanditti pirezedantii itti-aanaa kan ta’an Mohaamud Seeyid Adan BBC Afaan Somaaliitti akka himanitti, humnoonni naannoo magaalichaan ala buufatan humnoota federaalaa magaallicha jiraniin haleelaman.

Jubbaalaandii ta’e, mootummaan federaalaa lachuu injifannoo labsatan.

Ministirri odeeffannoo Somaaliyaa akka ibsetti, humnoonni federaaalaa magaalicha to’ataniiru.

Jiraattoonni akka himanitti namoonni muraasni baqachuu eegalaniiru.

Mootummaan federaalaa fi bulchiinsi Jubbaalaand adeemsa filannoo fi daangaa Keeniyaa to’achuurratti waldhaban.

Ji’a darbee qabee hariiroon dippiloomasii Somaaliyaan fi Keeniyaan qabaan qorraa deemuun, dhimma Jubbaalaand Keeniyaan ‘gidduu seentee’ jechuun Somaaliyaan himatte. Keeniyaan garuu dhimma biyyattii gidduu seenu haalte.

IGAD ergama dhugummaasaa dhimmicha mirkaneessuu eegalus illee amma yoonatti firiin isaa hawaasaafi ifa hin taane.