Google dhuguma gabaa Awustiraaliyaa dhiisuu danda'aa?

Google yoo seerri haaraan walitti dhufeenya inni maxxansitoota waliin qabu hojiirra kan oolu ta'e, gabaa Awustiraaliiyaa keessaa dhiisee akka bahu doorsiiseera.
Ofii wal dhabdiichi waa'ee maaliiti?
Google maaliif Awustiraaliyaa bahaa?
Mootummaan seera waldhabdee yeroo dheeraadhaaf dhaabbanni teknolojii guddichi odeessaalee barbaachaan ykn pilaatformiiwwan isaarratti mul'ataniif kanfaluu qaba jedhu hiikuu baase.
Seerri dhiyaatee kunis Google akka dhaabbilee oduu hunda waliin waliigaltee daldalaa raawwatuufi ykn jaarsummaa dirqii akka seenuuf kan dirqisiisuudha. Googlee ammoo kun ''hin hojjatu'' jedheera.
''Yoo wixiineen kun gara seeraatti geeddarame, 'Google Search'n Awustiraaliiyaa keessatti akka hin hojjanne taasisuun alatti filmaata biraa hinqabnu,'' jedhan Daarektarri Naannichaa Meel Silvaan.
Ministirri Mummee Awustiraaliyaa Iskoot Mooriisan deebii Google kennanii: ''Nuti doorsiisaaf deebii hin kenniinu'' jedhan.
Filannoo attamiitu jira?
Google haaluma biyyoota addunyaa kaanin wal fakkaatuun qooda gabaa 'search engine' %90-95 ta'u Awustiraaliiyaa keessaa qaba.
Haata'u malee filmaanniwwan waa barbaaduu (search) kan akka Bing fi Yahoo akkasumas kan iccitiif xiyyeeffannaa kennu DuckDuckGo fa'is jiru.
Akka dhaabbata marsariitii xinxalu Alexa'tti, Google tora intarneetii baayyee dowwatamu yoo ta'u, Yaahoon sadarkaa 11ffaa fi Bing ammoo sadarkaa 33ffaarratti argamu.
Baduun Google dhugaatti namoota miidhaa?
Bara 2018tti barreessaan barruu intarneetii tokkoo baatiiwwan sadiif Bing qofaatti fayyadamuun yeroo hundaa haala gaariin hojjataa turuu himeera.
Haata'u malee haalawwan baayyee adda ta'aniin, fakkeenyaaf barreeffamoota durii barbaachuuf, rakkataa akka ture himeera.
Google 'search engine' qofaa miti, teknolojiin barbaachaa isaa tajaajiloota akka Gmail, Google Maps fi YouTube fi kkf ni oola.
Sadarkaa kanattis dorsiifni Google dhugaatti appiiwwan kanneen kan miidhu ta'uun ifaa miti.
Filannoo kanneeniitti gargaaramuun ni danda'ama ta'a, garuu ammoo maamiltoonni hedduun appiiwwan Google akka murteessaatti ilaalu.
Wayita waldhabdee mootummaa US wajjin Huawei tajaajiloota Google argachuu dhaabaniitti, bilbilasaanii Awurooppaa keessatti gurguruuf baayyee rakkatan.
Kun taatee idil-addunyaa ta'u danda'aa?
Seeneetarri Awustiraaliyaa Reeksi Paatirik Google tti akka himanitti, ''Addunyaa mara irra deemuuf jira. Dhuguma gabaa addunyaa hunda keessaa bahuuf jirtuu?'' jedheen.
Garuu ammoo Google fi kubbaaniyoonni miidhaman kan biraa kan akka Facebook fa'i kan bu'ureeffatan US keessatti.
Bulchiinsi mootummaa Ameerikaa duraanii Awustiraaliyaan seera haaraa hojiirra oolchuuf ''dhiibbaa badaa yeroo dheeraaf turu qabaachu mala'' jechuun akka hin ariifanneef jechuun gaafatee ture.
Google erga waldhabideen bara 2010tti himannaa Chaayinaan odeeffannoo hatti jechuun, akka fayyadamtoota Chaayinaa hin to'anneef dhaabee kaasee, Chaayinaa keessatti hin mul'atu.
Akkasumas kan biraa haata'uyyu malee Awurooppaa keessattis waldhabideen walfakkaatu jira.

Madda suuraa, Getty Images
Seerri haaraan abbentaa EU akka jedhutti, dhaabbilee 'search engine' fi oduu walitti qaban geessituuwwaniif dhaabbilee odeessaaleef kanfaluu qabu.
Faransaay keessatti sun akkamiin akka hojjaturratti Google torban kana maxxansitoota oduu waliin waliigale.
Haata'u malee gaazeexoota Faransaay baayyeedhaan waliin galtee haala karooraa daangeessaa Awustiraaliyaatiin adda ta'eetiin mallatteessan.
Google Awustiraaliiyaatti galii hagamii argata?
Chaayinaan wal bira yoo madaalchifame, Google'f Awustiraaliyaan gabaa baayyee xiqqaa taatedha.
Google Awustiraaliyaa bara 2019tti galii doolaara Awustiraaliyaa biiliyoona 4.8 galche. Kana keessaa irra jireessi ykn dolaarri Awustiraaliyaa biiliyoona 4.3 kan galii beeksisaan argameedha.
Haata'u malee dhimmichi kan maallaqaan oliiti.
Yaaddoo guddaan yoo Google tarii yoo attamiin dorgomtoota isaatti fayyadamuun qabatamaan akka hojjatu agarsiisuuf kan barbaadu ta'eedha.
Lammiilee Awustiraaliyaa maaliif Google isa US hin fayyadaman?
Google fayyadamtoota Google Awustiraaliiyaa gara Google UStti qajeelchuu ni danda'a. Innis tajaajilchi akka argamu taasisuulleen, garuu bu'aalee naannoosaanii akka hin arganne taasisa.
Akkasumas Google teessoo intarneetii (IP) isaanii irratti hundaa'un fayyadamtoota Awustiraaliyaa ugguruu danda'a.
Gama kanaan malli salphaan tokko Neetwarkii Dhuunfaa (Virtual Private Network, ykn VPN) kan kompitarri keessan bakka biraa akka jiru fakkeessuutti fayyadamuudha.
Haata'u malee innis baayyee harkifataafi dhiyyeessitoota amanamaan akka galmaa'aniif kan gaafatuudha. Bu'aa bahii akkasii ammoo namoonni baayyeen kan hinbarbaadneedha.
Awustiraaliyaan Google maal akka kanfalu barbaadde?
Maallaqni gaafatame hangam akka ta'e hin murtoofne.
Seerri dhiyaatee garuu mariifi jaarsuumaa kan hirmaachisuufi dhimmicha saaquuma kan kaa'eedha. Google seera haaraan waliigaltee irra yoo kan hingeenye ta'e ammoo abbaan seeraa waan 'sirrii' ta'e ni murteessa.
Garuu ammoo motummaan dhaabbilee oduu hojjataniif kanfaltiin ''sirrii'' ta'ee akka kanfalamufiin barbaada jedheera. Kunis waggoota 15 darbaniitti galii beeksiisaa maxxansaa harka sadii afurii oliin gadi buusee jedhameera.
Faallaa kanaatiin ammoo baroota walfakkaatan keessatti beeksiifni dijitaalaa toorawwan akka Google fi Facebook irratti garmalee guddina agarsiisaniiru.
















