Seeneetii duratti Doonaald Tiraampiin himachuun Wiixata eegalama jedhame

Doonaldi Tirampi waadaa galuu Baayiden dursuun Waashingitanii bahan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doonaldi Tirampi waadaa galuu Baayiden dursuun Waashingitanii bahan

Haleellaa Kaappitaal Hiila Amajjii 6 kakaasuun Koongireesiitti kan himatni irratti kan raggaasifame Pireezidantii duraanii US Doonaald Tiraamp, Seeneeetii biyyattiirrattis adeemsi himatamuusaa Wiixata eegala jedhan Dimookraatotni.

Wiixata dhufu Manni Maree Bakka Bu'ootaa bu'uuraalee himannaa Doonaald Tiraamp ittiin himatamu Seeneetii miseensota 100 qabuuf dhiyeessa.

Miseensotni Seeneetii dhaaba Tiraamp(Rippaablikaanota) adeemsa himannaa kanarratti qophaa'uuf yeroon akka dheeratu gaafatanii turan .

Himannaan Tiraamp irratti dhiyaatu kan torbee dhufuu kun erga pireezidantiin aangoo irraa bu'ee kan adeemsifamu ta'uun seenaa US keessatti kan jalqabaa ta'a.

Tiraamp deeggartootni isaa Kaappitaal Hiil akka weeraran godhaniiru jedhamuun jeequmsa kakasuun aangoorraa akka kaafaman himataman.

Manni Maree dimokiraatotaa himata Tiraamp irratti dhiyeessan seeneetiif dabarsuuf qophaa'aniiru.

Donaald Tiraamp aangoo gadi dhiisanillee aangoorraa akka kaafaman yoo irratti murtaa'e lammata aangoo mootummaa kamiyyuu akka hin qabannee dhorkamuu malu.

Tiraamp yeroon turtii masaraa keessaa akka xumurameen gaafa Roobii sirna dabarsa aangoo pireezidantummaa Baayidaniif qophaa'erratti osoo hin argamiin gara Filooriidaatti imale.

Amajji 6 bara 2021 deeggartooti Waayit Hawwus cinatti ''karaa nagaa fi gootummaan'' sagalee isaanii akka dhaggeesisanii fi gara Kaappitaal Hiil akka deeman gaafatan.

''Hamma du'aatti akka falmatan'' gaafatan.

Namootni hirira bahan Kaappitaal Hiil bakka miseensotni mana maree mo'achuu Joo Baayiden mirkaneessuuf walgahanitti humnaan seenan.

Namootni mormiif bahan afuriifi poolisiin tokko guyyaa sana du'an.

Haleellaan Kaappitaal Hiil irra gahe adunyaa rifaasisee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan Kaappitaal Hiil irra gahe adunyaa rifaasisee ture

Tiraampi pireezidantii Ameerikaa yeroo lammaffaaf akka aangoo irraa buqqifamu himatamedha.

Erga aangoo gadhiisee qorannoo Seeneetiin taasisu ammoo kan jalqabaa tahuu isaati.

2px presentational grey line

Aangoo irraa buqqisuu

  • Fonqolchi aangoo maali? Yeroo pireezidantiin hojii irra jiru yakkaan himatamu kan gaggeeffamudha.
  • Maaltu tahe? Miseensonni Mana Maree Amajji 13 Tiraampiin aangoo irraa kaasuuf yeroo lammaaf sagalee kennan. Adeemsicha seeneetiin akka qoratuuf dabarsaniif.
  • Maal jechuudha? Qorannichi yeroon aangoo pireezidaantichaa xumuramus itti fufee gaggeeffamuun akka kana booda aangoo uummataa hin arganne dhorkuu danda'u.
2px presentational grey line

Rippaabilikaanotni maal gaafatan?

Dursaan Senaaterii harka xiqqaa kan tahan Miich McConnel hanga Amajji 28tiitti Dimokiraatotni keewwata aangoo irraa kaasuu pirezidaantichaa akka tursiisan gaafatan. Kun tarkaanfii qorannoo marsaa jalqabaati.

Akkagabatee yeroo jiruutti Tiraampi ittisa isaa dhiyeeffachuuf torban lama qaba. Hanga Guraandhala 11tti. Falmiin walakkaa Guraandhaalaa keessa eegala.

Rippaabilikaanotni Roobii irraa eegalanii harka caalmaa Seeneetii dhabaniiru. Amma dursaan miseensota harka caalmaa paartii Dimokiraatotaa Chaak Shuumer yaadichatti waliigaluu barbaada.

Rippaabilikaanotni 10 tahan gaafa Amajji 14 aangoo irraa kaafamuu Tiraampi kana deeggaraniiru.

Harka caalaa seeneetii paartiin Dimokiraatotaa qabatanis Tiraampi irratti qorannichi itti fufee aangoo irraa buqqisuu kan jedhu kana milkeessuuf deeggarsa paartii Rippaabilikaanota nama 17 barbaadu.

Dimokiraatotni yeroo jedhametti waliigaluu?

Waajjirri Mr Shuumer ibsa hin baasne. Naansii Peelosiis akkasuma gaaffii gaazexessitoota irraa dhiyaateef deebii hin kennine.

Garuu Tiraampi ''carraa mana hidhaa galuu jalaa miliquu'' argachuu hin qabu jette.

Senaterri Kiriis Koonsi warri Dimokiraatotaa aangoo irraa buqqisuu jalqabme kana tursiisuu yaada jedhu yoo Rippaabilikaanotni kaabinee Tiraampi dhiyeessu irratti deeggaran fudhachuu qabu jedhan.

2px presentational grey line

Tiraampi eessa jira?

Donaldi Tiraampi Roobii darbe Waayit Haawus bahuun xiyyaara humna qilleensaa Air Force One' jedhamtuun bakka kilabni tapha golfii jiru Filooriidaa deeme.

Dbaaltotni saa motoraan imalaa turan namoota hawwii gaarii qabaniif darbuun achi gahan. Tiraampi yeroo Jooy Baayiden Waashingitan DCtti waadaa seenuuf daqiiqaan muraasni hafu achi gahe.

Tiraampi kana booda Riizoortii inni ''Winter White House'' jechuun waamu keessa jiraata jedhamee eegama. Ollaan isaa garuu tiraafikaa fi eegumsi cimuu danda'a jedhanii yaadda'u.

Akka gabaasaaleen eeranitti Doolaara biiliyoona lama [$2bn] tahu mana kitaabaa pirezidaantii ijaarsisuufi paartii haaraa 'Patirio Party' jedhamu hundeessuuf yaadaa akka qabu ibsama.

Tiraampiif eenyu ittisa?

Tiraampi abbaa seeraa Kibba Kaariliinaa Buuch Bowersi himata aangoo irraa buqqisuu jedhu irratti dhiyaate kana isa bakka bu'ee akka falmu bakka buufateera.

Akka marsariitiin isaa irratti ibsametti waajjira haqaa Ustti gorsaa dhimma filannoo tahuun bulchiinsa Joorji W Buush jalatti hojjeteera.

Bulchitoota Kibba Kaarooliinaa kan turan Niikii Haalii fi Maarki Saanfoordi jalattis gorsaa tahuun tajaajilaa tureera.