Tiraampi: Naansii Peelosii dhimma Yuukireen irratti qorannoon akka gaggeeffamuuf gaafatte

Madda suuraa, Getty Images
Paartiin Dimokiraatotaa pirezidanti Tiraampi dhimma morkattoota isaa cabsuuf humnoota alaa gaafate jedhu irratti akka qoratamuuf gaaffii dhiyeessan.
Hoggantuu ol-aantuun Dimokiraatotaa Naansi Pelosii pirezidaantichi itti gaafatamuu qaba jedhan.
Tiraampi himannicha haaluun kun ''falfalaa ykn moortuu gatii hin qabnedha jedhan.''
Akka pirezidaantichi aangoo isaanii irraa dhorkamanii qoratamaniif warra dimokiraatotaa irraa deeggarsi guddaan jira.
Yoo qorannichi akka jalqabuuf itti deemame seeneetii miseensota Rippaabilikaanotaan guutame irratti darbuun garuu ulfaachuu danda'a.
Wal dhabdeen kun kan jalqabe gabaasa fi komii qaamni basaasaa Ameerikaa haasaa bilbilaa Tiraampi pirezidaantii Yuukireen Volodimiir Zeeleniskii waliin taasisan irratti dhiyeessan ilaalchisuuni.
Waan isaan waliin haasa'an ifatti waan beekame hin jiru. Garuu Dimokiraatotni Tiraampi akka Yuukireen malaammaltummaadhaan Joy Baayidenii fi ilmi isaanii qoratamaniif deeggarsa yoo hin taasiftu tahe akka humna waraanaa isaanii hin deeggarre doorsisan jedhan.
Tiraampi pirezidaantiin Yuukireen Zeleniskii fi Joy Baayiden waliin mari'achuu amananii garuu humna waraanaa dhorkuun Awurooppaa irraa deeggarsa argachuuf haala mijeeffachaa ture jedhan.
Naansii Peloosii maal jette?
Tiraampi seera cabsaniiru. Gochichas itti gaafatamummaa heeraa isaanii cabsaniiru jechuun ibsite.
''Torban kana keessa pirezidaantiin Yuukireen tarkaanfii siyaasaa isaan fayyadu tokko akka fudhataniif gaafataniiru jette.'' Pirezidaantichi itti gaafatamuu qabu jette.
Peelosiin nama siyaasaa gameettii fi dubbii himtuu Dimokiraatotaa yoo taatu waamicha hundmaa dhiyaateef dhiisuun pirezidaanticha aangoo irraa kaasuuf yaada dhiyeessite.
Joy Baayiden akka Tiraampi aangoo irraa kaafamuun qorataman akka deeggaran ibsuun kanaan ala qorannicha keessatti deeggarsa taasisuu qabu jedhan.
Tiraampiin aangoo irraa kaasuun waan gaddissiisaadha. Garuu gadda harka isaan hojjetamedha'' jedhan. Joy Baayiden filannoo bara 2020 irratti Tiraampoiin nama jalqaba irratti morkatanidha jedhamu.
Tiraampi fuula tiwiiteraan walitti aansuun warri Dimokiraatotaa beekaa imala gara UNtti taasisu gufachiisuuf ''natti falfalaa jiru'' jedhan.
Inumaa iyyuu waan haasa'ame osoo hin ilaaliin akka'' falfalaa waan gatii hin qabne'' dubbatu jedhan.
Amma waan isaan jedhan kan aangoo irraa isaan kaasisu yoo tahe akka qoratamuuf hojiin akka jalqabuuf waamicha taasisaniiru.















