Wadaajii, Sirbaa fi Gombisa Fardaa - Qabiyyeewwan aadaa Ayyaana Cuuphaa

Madda suuraa, Merid Tullu/Facebook
Ayyaanni Cuuphamuu Iyyasus Kiristoos yaadachuun waggaa waggaan kabajamu, Ayyaanni Cuuphaa qabiyyee amantaan cinatti taateewwan aadaa garaagaraa raawwachuun kabajama.
Qabiyyee aadaa Aayyaana Cuuphaa ilaalchisuun kan haasofsiisne Godina Shawaa Kaabaa Waajjira Aadaa fi Tuurizimii aanaa Giraar Jaarsootti dursaa garee tuurizimii kan ta’an Obbo Birhaanuu Isheetuu ayyaanichi taateewwan amantaa cinaatti taateewwan aadaa kan itti calaqqifaman ta’uu himu.
Abbaan Gadaa Tulluu Salaale Kabbadaa Bayyanaa “Ximqatni (cuuphaan) waan guddaadha. Bareedanii taabota deemuutu jira. Taabota sana yeroo deeman ni ragadu, wal kaadhimatu” jedhan.
Qophiin ayyaana Cuuphaa dursee akka eegalu kan himan Obbo Birhaanuu Isheetuu, kunneen maallaqa qaban uffata haaraa bitachuun kan hin qabnemmoo uffata qaban miiccachuun akkasumas laga dhiqannaa deemun qaama isaanii dhiqachuun ayyaanichaaf akka qophaa’an himu.
“Dargaggeessi ulee/shimalafi shaashii wadaajii ykn qabdoo isaarraa fuudhe qabatee, goofareesaa filatee deema. Shamarreenis shurrubbaa adda-jalee jedhamu dhahattee babbareeddee shaashii yookin naxalaa qabdu qabattee deemti” jedhan.
Kana malees shamarran wadaajii isaaniitif karameellaa qabatanii deemunis baramaa ta’uu himu.
Guyyaa ayyaana Cuuphaa sirni amantaa xummuramee taabotni dirree bule gara bataskaanaatti yeroo deebi’u dargaggootnifi shamarran garee gareedhaan ta’uun sirboota aadaa sirbu.
“Dargaggootni sirba aadaa kaawoo jedhamu yeroo tapahatan, shamarran immoo gosa sirba aadaa Shoboxee jedhamu taphatu” jedhan Obbo Birhaanuun.
“Boodarra dhiirotni Kaawoo dhiisanii gara shamarraniitti makamuun ragaduu jalqabu. Ragada sana keessatti inni fi isheen gamanaaf gamasitti wal ilaaluun walitti ragadu."
"Sana booda galgaltuu yemmuu xummuranii galan iddoo maanguddootni hin jirre nama safeeffachuun iddoo akka bosonaa jala taa’uun wal dhungatu” jechuunis Obbo Birhaanuu Isheetuu himu.
Wadaajii (qabdoo)
Dargaggeessifi shamarri wadaajii walii ta’an dhungoodhaan jaalala walii ibsatu. Guyyaa ayyaana Cuuphaa erga waliin turanii boodas guyyaa biraatti wal arguuf wal beellamu.
“Guyyaa biraatti beellama akka qabduuf shaashii irraa fudhata. Guyyaa inni itti beellame sanatti isheenillee hin diddu. Guyyaa beellamaa karameellaa yookin shittoo/urgooftuu fiddeefii dhufti. Sana boodas isa dhungattee shaashii ishee fudhattee galti” jedhu Obbo Birhaanuun.
Walitti dhufeenyi wadaajii/qabdoo kun daangaa kan qabu ta’uu kan himan Obbo Birhaanuun “wadaajiin kun qabdoo yookin dhungoodha malee waan biraa keessa waan galan miti. Aadaadha, duudhaadha, dhungoodha, wal hammatu, wal dhungatu. Kanaaf wanta biraa keessa waan galan miti,” jedhan.
Gama biraatin waliti dhufeenyi jaalalleewwan wadaajii walii ta’anii gara gaa’elaatti ce’uus dhiisus ni danda’a.
“Namni tokko wadaajii qabatee namni biraan jalaa kadhachuu/fuudhuu danda’a. Innis akkasuma kan namni biraa wadaajii qabate fuudhuu ni danda’a. Kanaaf walitti dhufeenyichi dhaabbataa miti."
"Dargaggeessi wadaajiisaa fuudhuuf haalli mijachuufi dhiisuu danda’a. Kanaaf kan haalli mijateeftu fuudha” jechuun Obbo Birhaanuun ibsu.
Kana malees dargaggeessi tokko shamarri inni wadaajii/qabdoo qabatee ture wayita heerumtutti wantoota akka shaashii, saamunaa, kophee fi kunneen biroo akka bituuf himu.
Wadaajii yookin qabdoon aadaa bara dheeraa ammallee haalaan baratamaa ta’uusaa Obbo Birhaanuun dubbatu.
Gombisa Fardaa
Ayyaanni Cuuphaa ayyaana waggaa waggaan hawwiidhaan eeggamu ta’uu kan himan Obbo Birhaanuu Isheetuu, qophiin fardaa dursee akka eegalamu dubbatu.
"Dargaggootni faradoo isaanii waqtii gannaarraa eegalee haalaan sooruun qopheessuu eegalu" jedhu.
Guyyaa ayyaana cuuphaa ganamaan abbootiin fardaa farda fe'atanii taabota bakkee bule itti marsanii dabaaluun gara bataskaanaa galchu.
Taabotni bataskaana erga galee booda dirree naannawa jirutti bahuun gombisa taphatu.
Gombisni ykn kaachisni fardaa bifa wal dorgommiis kan qabu yoo ta'u, yoo xiqqaate fardeen lama kan ari'uu fi kan baqatu jidduutti taphatama.
Fardi collee wayita baqatu kan fiigee jalaa bahu, wayita ari'u ammoo kan fiigee dhaqqabu ni injifata.
Kanneen gombisa fardaa taphatan wayita wal ari'anii wal dhaqqaban ulee qal'oo soqamee tolfame walitti darbatu, kan baqatu ol ka'ee ofirraa qolata.
Gombisni fardaa guyyaa ayyaana cuuphaa qofa osoo hin taane ayyaanawwan akka Masqalaa fi Qilles ni taphatama.
Kana malees ayyaanni cuuphaa ayyaana umurii fi saalaan daangeeffame kabajamu osoo hin taanee kan namni marti kabaju ta’uu dubbatan.
“Ayyaanni Cuuphaa kan dargaggeessaaf dargaggeettii qofaa miti. Kan hundaati. Namni mana oolu hin jiru. Horiinillee mooraa galanii oolu. Maanguddoonni taabota erga galchanii booda manatti deebi’anii horii yaasu” jedhan.














