Gaafa Masqalaa maaltu nyaatama? Masqalli mootii ayyaanaa maaliif jedhame?

Hancootee fi tussoo(giixxoo)

Madda suuraa, Lelisa Indris

Ibsa waa'ee suuraa, Hancootee fi tussoo(giixxoo)

Ayyaanni Masqalaa/Gubaan ayyaanota Oromoo keessaa tokkodha. Masqalli Oromoof mootii ayyaanaatis jedhama. Ayyaanni kun bu'uura aadaafi falaasama Oromoo ganamaa of keessaa qaba.

Godina Baalee Aanaa Gololchaa ganda Jaarraatti Oromoon dur akkamiin akka Masqala kabaju Obbo Waaqshumee Araarsaa ni dubbatu. Isaaniif guyyaa Masqalaa guyyaa gammachuudha. "Dur Oromoon gamaafi gamanaa walitti yaa'ee maseena qalee nyaataa kabaja," jedhu.

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Meettaatti jaarsa biyyaa Obbo Dhaqqabaa Gammadaa ayyaana Masqalaa kan baranaa gammachuudhaan walitti dhufanii kabaajataa akka jiran dubbatanii, walwaamanii ykn wal hafeeranii waliin akka ayyaneeffatan dubbatu.

Guyyaa duraa dubartoonni qincee qopheessanii booda namni hollaafi firaan walitti yaa'anii nyaatanii dhugu jedhu Obbo Dhaqqabaan. "Guyyaa itti aanu ammoo guyyaa lagatti bahanii farda gulufsiisanidha."

Mootii ayyaanaa...

Yeroo hedduu Masqalli mootii ayyaanaati jedhama. Maaliifi garuu? Obbo Dhaqqabaan waan dur ta'etu jira jedhu.

"Dur jedhan ayyaana Faasikaafi Masqalatu walmorkatu. Faasikaan anatu caala yeroo jedhu, Masqallis anatu caala jedhe jedhan. Dhumarratti Masqalli 'ani dhangaan/midhaan waan lafaa ga'uuf yeroon gara quufaatti adeema, atimmoo dhangaan/midhaan waan manaa dhumaa deemuuf garabeelaatti deemta waan ta'ee anatu mootii ayyaanaati," jedhan Obbo Dhaqqabaan.

Barii birraa waan kabajamuufis yeroo dhangaan/nyaanni lafaa bilchaatee itti tuttufatamudha. Bakkaa bakkatti addaa addummaa qabaatus nyaanni yeroo ayyaana kanaa qophaa'an kan lafaa ga'etu heddummaata.

Mijuufi nyaata yeroo Masqalaa

Mijuufi nyaanni ayyaanota Oromoo keessatti qophaa'an hedduudha. Isaan keessaa kan yeroo Masqalaa:

Ancootee - gara Oromiyaa Dhihaatti nyaata baramaafi kan yeroo Masqalaa baayinaan nyaatamudha. Ancooteen yeroo Masqalaa akkuma dinnichaa/moosee lafaa qotamee bifa garaa garaan qophaa'a.

Ancooteen soorata cabaa dhinsuufi deessuu morgaa jabeessudha jedhama.

Akka fedha abbaatti affeelliisaa qocqocaan ykn affeelamee daakamaa isaa dhadhaa waliin akka ittootti nyaatama.

Raafuu/goommana-raafuunis dhangaa lafaa ga'e keessaa kan gaafa ayyaana Masqalaa nyaatamudha.

Dabaaqula/buqqee-dabaaqullii/buqqeen yeroo Masqalaa kan qancares, huruuruun isaa baadiyaa Oromiyaa keessatti baayyinaan argama. Nyaata yeroo ayyaana Masqalaa kana keessaas isa tokkodha.

Dhangaa lafaa ga'ee alattis ayyaanni Masqalaa qincee garbuufi qamadiirraa qophaa'een akkasumas kitfoodhaan yaadatama.

Isin biratti dhangaa/nyaata maaltu qophaa'a?