Walitti bu'iinsa Sudaan, Daarfur keessatti mudateen namoonni 80 caalan du'an

Garee nagaa eegsistootaa dhiyeenya Daarfuur dhiisanii ba'an keessa loltoonni Itoophiyaa turaniiru

Madda suuraa, AFP

Sudaan, Lixa Daarfuur keessatti dubbii walitti bu'iinsa namoota lamaa irraa ka'een yoo xiqqaate namoonni 80 ta'an ajjeefaman.

Tajaajilli oduu Sudaan Waldaa Hakiimota biyyattiirraa odeeffatee akka gabaasetti walitti bu'iinsichi kan eegale Samabata darbe magaalaa guddoo Daarfuur El Geneina keessatti.

Namoonni lama, gosa arabaa fi kaan keessaa ta'e, wal-loluun inni arabaa wayita albeedhaan waraanamee ajjeefamu dubbiin ka'e.

Walitti bu'iinsa kana booda yeroon sochii uummataa daanga'eera, Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook garee rakkocha qoratu garas erganiiru.

Walitti bu'iinsa kanaan namoonni dhibba hedduutti lakkaa'amanis madaa'aniiru.

Waraana Daarfuur bara 2003 keessa eegaleen namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.

Wayita sanarraa eegalee qaamoleen nageenya eegsisan gidduu seenanii tasgabbeessaa turan.

Qaamoleen waldhaban akka waliigalaniifis mariin yeroo dheeraaf mari'atamaa tureera, garuu ammallee sanuma.

Taateen Sambata darbe mudates Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii fi Gamtaan Afriikaa ergama nageenya eegsisuu waggoota 13'f erga raawwatanii booda dirqamasaa Sudaanitti dabarsuun erga deemaniiti.

Sudaan, Daarfuur keessatti nageenya eegsisuuf bobba'anii kan turan humnootiin nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Afriikaa, UNAMID, naannawa kana erga gadi dhiisanii ba'anii yaaddoon nageenya daran hammaateera.

Nageenyasaaniif qaamolee ergama nagaa eegsisuu qabatanii Daarfuur turan kan abdataa turan jiraattonni naannawa kanaa wayita qaamoleen kunneen naannawa sana gadi dhiisanii ba'an abdii kutatan.

Bara darbes Daarfuuritti walitti bu'iinsa saboota arbaa fi kaan gidduutti uumameen dhiigi lammiilee hedduu dhangala'eera.

Walitti bu'iinsi Sambata darbee kan lubbuu namoota 80 olii galaafatee fi namoota 106 caalan madeesse jalqaba mooraa baqattotaa keessatti kan ka'e yoo ta'u boodarra garuu milishoonni hidhatan itti seenan jedha gabaasi Ajaansi Firaansi Pirees.

Waliigalteen nageenyaa humnoota Daarfuurii fi naannawashee jiran kanneen fedhii garaagaraa qaban gidduutti kan mallaattaa'e bara darbe ture.

Haata'u malee waliigaltechi qaamolee wal-morkn hunda kan hammate miti jechuun komiin ka'aa tureera.

Addunyaarratti taateewwan lammiilee baqaa fi qe'eerraa buqqa'uuf saaxilan keessaa tokko waraana Daarfuuri. Waldhibee faayidaarratti gosoota arabaa fi kaan gidduutti mudatuun lubbuun namoota hedduu badeera.

Saboota sanyii arabaa ofkeessaa qaban irraa ijaaramuunsaa kan himamu gareen hidhattootaa Janjaweed jedhamuun beekamu, namoota kuma dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuusaatu hima, namoonni kunneen hanga yoonaa haqa hin arganne.

Wayita Omar Hasan al-Bashir pirezidaantiin turan walitti bu'iinsa uumameen namoonni kuma 300 ta'an ajjeefamanii kanneen miiliyoona lamaa fi walakkaa ta'an ammoo qe'eerraa buqqa'aniiru.

Al-Bashir Mana Murtii Yakkoota Waraanaa Idil-addunyaa (ICC)'dhaan akka himataman kan godhes taatee kana.