Sudaan: Daarfuritti humni nagaa kabachiisu dirqamasaa raawwatee bahuuf, maaltu itti aana?

Ergama Mootummoota Gamtoomanii jalatti Itoophiyaan humnoota waraanaafi poolisii hedduu kan irratti bobbaaftee turte ergamni nagaa kabachiisuu Daarfur xumurameera.
Itoophiyaan ergamawwan nagaa kabachiisuu biyyoota adda addaa keessatti taasifamuuf waraana hedduu jedhamu 8,300 ol kan gumaattuu yoo ta'u, kanneen keessaayis lakkoofsa olaanaa kan qabu Sudaan keessa bulchiinsawwan Daarfuriifi Abiyee keessatti kan bobba'an akka ta'e maddeen ni mullisu.
Maqaa gabaajee UNAMID jedhamuun kan beekamu humni Sudaan Daarfuritti nagaa kabachiisuuf bobba’e kana booda Sudaan keessa akka hin turre manni mare nageenyaa UN beeksisuun ni yaadatama.
Manni marichaas haala nageenyaa hanga ta'e Sudaaniifi Daarfuur keessa jiruu, waliigalteewwan nagaa mootummaan ce’umsaa finciltoota waliin mallatteessee akkasumas jijjiirama waliigalaa dhufe hubannoo keessa galchuun murtoo kanarra gahu ibseera.
Haala waliigaltee kanaanis UNAMID guyyaa Kamisaa Muddee 31, 2020 irraa qabee Daarfur keessatti itti gaafatamummaa kamiyyuu hin fudhatu. Nagaa kabachiisuu dabalatee dalagaawwan biroo yeroo dhumaaf kan raawwatamu guyyuma sana.
Ji’a jaha itti aanan keessattis hojiiwwan akka loltoota gara biyyasaanii ykn gara biyya biraatti dabarsuu, konkolaatoota waraanaafi meeshaalee Dhaabbata Motummoota Gamtoomaniif deebiisee galchuu fa’i ni raawwatamu.
Haala kanaan loltoonnii fi hojjettoonni sivilii UNAMID biiroo Waxabajjii 2021 irratti guutummaan ni bahu jedhameetu eegama.
UNAMID akkamii fi yoom hundaa’e?
Wal waraansi bara 2003tti Daarfuritti dhalate lubbuu lammiilee kuma baay'ee kan dabarsee yoo ta'u, namoonni miiliyoona lama tahan immoo qe’ee isaaniirraa akka buqqa’an ta'eera.
Lola waraana mootummaa fi gareewwan hidhattootaa baay'ee jidduutti gaggeeffameen yakki baayyee sukaneessaan raawwateera jedhama.
Namoonni baay'ee yoo ajjeefaman, dubartootaa fi ijoolleen gudeedamaniiru, lammiileen nagaa mirgi isaanii sarbameera.
Baruma sana manni mare nageenyaa UN hawaasni addunyaa dhimmichaaf xiyyeeffannoo akka kennuuf akeekkachiisee ture.
Waltaasisummaa Gamtaa Afriikaa yeroo sanaatiin akkasumas deeggara Motummoota Gamtomaniitiin bara 2006tti waliigalteen nagaa mallattaa'e. Haa tahu malee waliigaltee kanarra kan gahii kan turan muraasa qofa turan.
Kanumaaf jaarsummaa dhaaddilee lamaan kanneenitiin Kuwaataar Dohaatti waliigalteen lammataa mallattaa’e.

Sadaasaa bara 2006tti marii Finfinneetti taa’ameen immoo UN fi Gamtaan Afrikaa humna nagaa kabachiisu Daarfuritti bobbaasuuf waliigalan.
Yeroos barreessaan Olaanaa UN Baan Kii Muun fi hogganoonni biyyoota addunyaa kan biroo hojii walii taasisuu raawwataniin, Suudaan bara 2007tti humni nagaa kabachiisu biyyattii akka galu eeyyamte.
Haaluma kanaanis oppireeshiniin Gamtaa Afrikaa fi UN Adoolessa 2007 kan hundaa’e yoo tahu, maqaa gabaajee UNAMID jedhuun akka waamamu murtaa’e.
Itti gaafatamummaawwan ijoo:
- Lammiilee nagaa loogii tokko malee eeguu
- Deeggarsa namoomaa UN fi dhaabilee gargaarsaa biroorraa argamu tiksuu fi raabsuu akkasumas nageenya hojjettoota dhaabilee gargaarsaa eeguu
- Haaluma waliigaltee Dohaatti taasifame bu’uureffachuun mootummaa fi finciltoota waligaltee hin mallatteessine mariisisuu.
Ergamni kun teessoon isaa kaaba Daarfur Eel al Faashir keessa yoo tahu, bulchiinsoota Daarfur shan keessatti wiirtulee bobbaasaa 35 qaba.
UN Adoolessa 2007 ergamasaa nagaa kabachiiftoota uffata danbii qaban 25,987 gara Sudaan galchuuf eeyyama kan argate yoo tahu, kunneen keessaa kumni 19,055 loltoota yoo tahan, 360 taajjabdoota, 3772 gorsitoota poolisii fi 2660 immoo gareewwan poolisiiti.
Daarfur maaliif lafa waraanaa taate?
Daarfur keessa sabooti 80 jiru. Jiraattonni kunneen baay’inaan tikfattootaa dha. Finciltooti naannichaa hawaasaa sadii keessaa kan bahanidha.
Naannichi haala qilleensaa fi teessuma lafaa sochiif hin mijanne gatii qabuuf finciltoonni isa filatu. Waggoota baay'eef lolli irraan fagaatu, sababa kanaan jiraattonni naannicha dhiisanii baqatu.
Sabooti ganamaa (Fuur fi sabooti biroo) hawaasa Arabaa waliin waggoota baay'eef rakkoo malee jiraatanillee hanqinni qabeenya uumamaa yoo mudatu wal dhibdeen mudachuu jalqabe. Inumaayyuu lolichi haala jijjiiratee lola sabaa tahe.
Daarfur durumaa naannolee Sudaan biroo irraa fagoo fi mijataa hin taanedha. Yerooma nagaallee mootummaan akka garaa naannicha hin qaqqabu ture.
Jiraattonni Daarfur baay'een Musliimota yoo tahan lammii Sudaan tahuu isaanii akka jabeessanii amanan ni ibsama.
Sabooti muraasi moggaatti baafaman garuu Sudaanirra biyya ollaa kan akka Chaad fa’itti maxxanu.

Bara 2003 gareewwan hidhatan lama Daarfur keessatti mootummaa Sudaan irratti waraana labsan.
Gareewwan kunneen Waraana Bilisa Baasaa Sudaan(SLA) fi Warraaqsa Haqaa fi Walqixxummaa (JEM) dha. Waraana kana kan jalqaban magaalota tokko tokko keessa, waajiraalee mootumma fi namoota nagaa irratti haleellaa raawwachuun ture.
Yeroos haleellaa raawwateen poolisooti dhibba baay'ee kan ajjeefaman yoo tahu buufataaleen poolisii 80 barbadaa’aniiru.
Haala kanaan caasaan naannichaa guutummaatti waan badeef akka garaa sochoo’uu jalqaban.
Finciltoonni Daarfur jiran baay'een kan lollu loogii mootummaa Sudaaniin nurra gahudha jedhu. Naannichi akka hin misoomneef mootummaan shira xaxeera jechuun waraana filataniiru.
Mormii itti ka’e to’achuuf mootummaan tikfattoota Arabaa hidhachiisuun tarkaanfii fudhate. Tikfattoonni kunneen 'Jaanjaawiid' jedhamuun kan beekaman yoo tahu mootummaan Sudaan maallaqa gaarii isaanii kaffalaa ture.
Lola Sudaa-Daarfur
- Ebla 2003 Daarfuritti lolli jalqabe
- Adoolessa 2007 manni mare nageenyaa UN humni nagaa kabachiisuu akka bobba’u murteesse.
- Bitooteessa 2009 Manni Murtii Yakkaa Idila Addunyaa (ICC) pireezidant Omaar al-Bashiriin yakka waraanaa raawwateera jechuun ajaja hidhaa itti baase.
- Ebla 2019 loltoonni Sudaan pireezidant al-Bashiriin aangoorraa kaasan.
- Guraandhala 2020 mootummaan pireezidant al-Bashir Mana Murtii Yakkaa Idila Addunyaatti akka dhiyaatan waliigale.
- Hagayya 2020 mootummaan Sudaan garee finciltootaa shan waliin waliigaltee mallatteesse.
Torbee darbe keessa immoo al-Bashiir yeroo aangoorra turan yakki Daarfuritti raawwate qoratamuu jalqabe.
Duguggaa sanyii Daarfuritti raawwate, yakka waraanaa fi sarbama mirga namoomaa raawwachuun ture ajaji mana murtii kan itti bahe.
Waggaa 30 aangoorra kan turan al-Bashir mormii uummataa biyyattiitti ka’een ture aangoo isaaniirraa kan bu’an.
Sudaan yeroo ammaa kana miseensota garee mormii hogganaa turanii fi hoggantoota waraana biyyattii irraa garee walitti baheen mootummaa cehumsaan bulaa jirti.
Humni Daarfuritti nagaa kabachiisu kana booda Sudaanitti akka itti hin fufne beeksisuun nageenyi lammiilee yaaddessuu akka danda’u ibsamaa jira.
Kibba Sudaanitti waliigaltee nagaan ni goolabama jedhamee kan eegamu waraanni waggaa 17f jireenya lammiilee goolaa ture, jiraattonni Daarfur baay'een qe’ee isaaniitti akka deebi’aniif sababa ni taha jedhameetu abdatama.
Waggoota kunneen keessatti lubbuun namoota 300,000 kan darbe yoo tahu kunneen miiliyoona 2.5 tahan immoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.
Mootummaan Sudaan humni nagaa kabachiisu kun yoo deemu nagaa lammiilee tiksuuf garee bakka bu’uu danda’u qopheessaa akka jiru beeksiseera.














