Sudaan Daarfuur: Erga nagaa eegsistoonni ba'anii, nageenyi Daarfuur akkam ta'a?

Sudaan, Daarfuur keessatti nageenya eegsisuuf bobba'anii kan turan humnootiin nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Afriikaa, UNAMID, naannawa kana erga gadi dhiisanii ba'anii yaaddoon nageenya daran hammaateera.
Nageenyasaaniif qaamolee ergama nagaa eegsisuu qabatanii Daarfuur turan kan abdataa turan jiraattonni naannawa kanaa wayita qaamoleen kunneen naannawa sana gadi dhiisanii ba'an abdii kutatan.
Keessattuu waliigalteen nageenya buusuu naannawa kanatti qaamolee wal-waraanan gidduutti hin mirknaa'u taanaan kan duraa caalaa rakkoo nageenyaa hamaa keessatti kufna jechuun yaaddoo qaban ibsu jiraattonni.
Mooraa baqattootaa keessa namoota jiraatan keessaa tokko kan ta'e Abdullaahiin yeroo ammaa umriinsaa waggaa 14.
Mooraa baqattootaa handaara Kaaba Daarfuur, Abuu Shouk keessatti kan dhalate Abdullaahiin erga dhalatee mooraa kana malee mana biraa argee hin beeku, sababa rakkoo nageenyaaf.
Guyyuu waraana, namatu ajjeefama
Abdullaahiin garee hidhatanii saamicha raawwatanii fi mooraa baqattootaa inni keessa jiru haleeluun beekamanirraa ammallee sodaa qabaachuu hima.
"Dhokachuu malee waan biraa gochuu hin dandeenyu. Hidhattoota kanaan yoo faccifte miidhaa guddaa sirraan ga'u waan ta'eef'' jedhe.
Waraanni Daarfuur kan waggoota 17'f gaggeeffamaa ture lubbuu namoota kuma 300 galaafateera, namoota miiliyoona 2.5 ta'an ammoo qe'eerraa buqqiseera.
Waraana kana gareewwan hidhatanii riphanii lolantu naannoon keenya moggaatti qoodamtee tuffatamteetti jechuun bara 2003 mootummaa waliin lola jalqaban.
Mootummaanis mormii fi gaaffii uummata kanaa qawweedhaan deebise, tikfattee-bultoota hidhachiisee akka mormii sana humnaan cabsaniif kaffaleef.
Yeroo ammaa riphee loltoonni hidhatanii mootummaan lolaa turan hedduunsaanii waliigaltee nageenya buusuu mallatteessaniiru.
Garuu ammallee Abdullaahii dabalatee namoonni akkasaa miiliyoona 1.5 ta'an mooraalee baqattootaa Daarfuur keessa jiran 60 keessatti ugguramanii jiru.

Namoota mooraa baqattootaa keessa jiran keessa namni biraan Zaaraa jedhamtu kan waggaa 17'f mooraa kana keessa turte gara maatiisee(manaa) deemuuf fedhii guddaa qabaattullee, garuu hin dandeenye.
"Ooyruun qonnaa keenya nama biraadhaan waan dhuunfatamee jiruuf garas imaluu hin dandeenyu. Kanneen nu ajjeesantu lafa keenya qabatan, kanneen nu godaansisantu ofii achi jiraatu'' jechuun qe'ee maatiishee ganamaatti deebi'uuf hawwii malee abdii akka hin qabne dubbatti.
Ajjeechaa fi gudeeddiin guyyaa guyyaan waan dhala namaarratti raawwatuuf, sodaa kanaaf jecha qonnaan bultoonni gara ooyruusaanii deemuu dadhabaniiru.
Qonnaan bultoota qofa osoo hin taane jiraattonni magaalaas yaaddoo nageenyaa keessa jiru.
Matiin armaan gaditti argitan kan tibbana hidhattoonni mootummaa, janjaweed, jedhamuun waamaman abbaa irraa ajjeesaniidha.
Kadija Ishaag abbaan manaa fi ilmishee tokko ajjeefamuu fi isheetti dhukaafamuu dubbatti, manni isaanii naannawa Nertiti jedhamtutti argamus meeshaa waraanaan haleelamuu himte. Guyyuu namatu du'a jetti.
"Guyyaan hundi waraana, guyyuu namatu ajjeefama. Mootummaa keenya irraa amantaa hin qabnu. Waraana yookiin poolisiirraas akkasuma. Hunda isaaniiyyuu hin amannu. Dhimma kanatti furmaati dafee hin argamu taanaan yakki sanyii balleessuu naannawa kanatti mudachuuf fagoo miti'' jechuun haala keessa jiran ibsite.

Sababiin Kadiijaa fi namoonni kaan waraana mootummaarraa amantii dhabaniif inni ijoon, caasaan waraanaa garee 'janjaweed' kan lammiilee dararaa ture of keessatti hammatee waan as ba'eefi.
Gareen mootummaadhaan lolaa tures waraana mootummaatti akka makamu murtaa'uun jiraattota kunneenitti yaaddoo fi shakkii uumeera.
Hunda caalaammoo kan abdii isaan kutachiise, humnoonni nagaa eegsisuuf waggoota 13'f Daarfuur turan(UNAMID) gadi dhiisanii ba'uusaaniiti.
Humni nagaa eegsisuuf bobba'anii turan kunneen nageenya uummataa hagas mara eegsisuu baatanis jiraachuumti isaanii jiraattotaaf abdii ture.
Waliigaltee nageenya buusuu

Akkaataa waliigaltee nageenya buusuutiin kanneen osoo mooraa baqattootaa keessa jiranii lafisaanii duraa fudhatame akka lafisaanii deebi'u yookiin lafa biraa akka argatan ni taasifama.
Baqattoota mooraa Abuu Shouk keessa jiraniif kun waadaa sobaa ta'eera.
Osooma argatniis namoota akka Abdullaahii kan mooraa baqataa malee arganii hin beekneef rakkisaadha.
''Wayita qonnaan bultoonni yaaddoo nageenyaa tokko malee gara ooyruusaanii imalanii hojjetatan abjuu kiyyaan natti mul'ata'' jedha Abdullaahiin.
Bakkan jireenya naga qabeessa ta'e itti jiraadhun hawwa, garuu bakki akkasii kanan hanga yoonaatti beekurraan adda waan ta'eef eessa akka ta'e tilmaamuun natti ulfaata'' jechuun yaada abdii kutannaa kenna Abdullaahiin.














