Gamtaan Afriikaa Sudaan sochii gamtichaa keessaa uggure

Madda suuraa, Reuters
Gamtaan Afrikaa hanga Mootummaan ce'umsaa sivilii hundaa'utti Sudaan sochii gamtichaa kamiyyu keessaa dhorkuu isaa beeksiseera.
Murteen kunis atattamaan akka hojiirra oolullee ibseera.
Manni Maree Nagaafi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa akka jedhetti falli Sudaan rakkoo amma keessa jirtu keessaa ittiin baatus kanuma jedheera.
Guyyoota muraasa darban mormitoonni hedduun rasaasa loltoota mootummaan galaafaamaniiru.
Namoota 100 ta'an ajjeefamaniiru, reeffi namoota 40 ammoo laga Naayilitti darbatameera jedhu rogeeyyiin Sudaan.
Aanga'oonnii Sudaan ammoo namoonni 100 milishootaan ajjeefamaniiru dubbiin jedhu sirrii miti, lakkoofsi namoota du'anii 46 hin caaluu jedhan.
Mormii leellistootni Dimookrasii gaggeesaa turaniin walqabate dhukaasa banameen namoonni 100 ajjeefamaniiru jedhu, hakiimonni mormitootaa waliin hidhata qaban.
Kibxata reeffii namoota 40 laga Naayil keessaa baafamuus dubbattu.
Angawoonni dhimma kanarratti callisuu kan filatan ta'uus, booda aangawaan Ministeera Fayyaa tokko lakkoofsi namoota ajjeefamanii 46 ta'uu dubbateera.
Rogeessi mootummaa qeequ waamicha marii manni maree waraanaa biyyattii dhiyeesse haala amma ta'aa jiruun waan amanamuu mitii jedhu.
Magaala guddoo biyyattii keessatti jiraattotni BBC'n dubbisee sodaa guddoo keessa jiraachuu himu.
Hoogganaa ittaanaan mana maree waaraanaa biyyattii waayee tarkaanfii mormitoota irratti fudhatamee ilaalchisee mormitoota gidduu namoonni baala sammuu hadoochu daddabarsaniifi jeeqxotni waan turaniifi jechuun tarkaanfii fudhatameef dhaabataniiru.
''Jeequmsi akka dhalatu hin hayyamnu, waan dhaabbeneef irraas boodatti hin deebinu. boodatti deebi'uun hin jiru. Kabaja biyyaaf qabnu seeraan mirkaneessina'' jedhan Mohaammad Hamadaan.
Gabaasaalee hedduun Kaartuumii bahan milishoonnii fi gareen addaa hedduu sodaataman Rapid Support Forces (RSF), daandiilee magaalitti qullaa jiran irratti namoota nagaa adamsuutti akka jiran ibsu.
Maqaa isaa duraanii Janjaweed jedhamuun gareen beekamu RSF, lola Daarfuur bara 2003'tti dhumaatii qaqqabe duuba jiraa jedhama.













