Sudaan: Filannnoon hatattamaa ji'oota sagal gidduutti gaggeefamuuf

mormii Sudaan

Waraanni Sudaan waggoota sadii keessatti bulchiinsa Siiviliitti dabarsuuf erga mormitoota waliin waliigalee booda dhibbaa fi rakkoolee amma uumaman irraa kan ka'e filannoo atattamaa gochuuf murtees.

Haleellaa kaleessa warannii biyyattii mormitootarratti baneen lakkoofsi namoota du'anii 30 gaheera. Dhibbaa amma umamaa jirurraa kan ka'es ji'oottan sagal keessatti filannoon akka gaggeefamuuf waamicha dhiyaateera.

Waldaan Doktaroota Sudaan namoota 30 ajjeefaman keessa mucaan waggaa 8 akka jiruufi lakkoofsi namoota du'anii dabaluu akka danda'u ibsaniiru.

Hogganaan Kaawunsilii Waraana Ce'umsaa (TMC)Jeneraal Abdel Fattah al-Burhan , filannoon kun hordoffii "naannoofi idil addunyaan" gaggeefama jedhaniiru.

Erga pirezidaantiin biyyatti Omaar al Baashir aangoorraa buufamanii kaasee biyyattiin Kaawunsilii Ce'umsaa Waraanaatiin ogganaa jirti.

Kaawunsilichis eddoo mormii gadhiisiisuuf humatti fayyadamu haalee jira.

Biyyootni Lixaa tarkaanfi humnoonni nageenyaa Sudaan mormitoota irratti fudhatan balaaleffataniiru.

Imbasiin Ameerikaa Kaartuum jiru tarkaanfiin mormitoota irratti fudhatamu dhaabbachuu qaba yoo jedhu Gamtaan Awurooppaa mormitoonni mormii isaanii karaa nagaan akka ibsatan hayyamamuufi qaba jedhaniiru.

Bakkeewwan mormitoonni taa'aa tures humnoonni nageenyaa galuu isaanii namoota argineerra jedhaniifi Arabic TV rageefachuun Reuters gabaaseera.

Mormiitoota bittimsuuf yaali taasifamaa jirudha jechuun rogeessoonni dubbataniiru.

Mormitoonni humnoota kana ofirraa dhorkuuf goommaafi wantoota adda addaa gubuutti turan.

Mormiin callisaan taa'uu waajjira muummee humna waraanaa magaalaa Kaartuum fulduratti taasifamuun itti fufee ture. Hoggantoonni uummmataa Kaawunsilii Waraana Ce'umsaa (TMC) waliin hanga filannoon dimookraatawaa gaggeefamutti haala bulchiinsa biyyitti irratti mari'ayatamaa ture.

mormii Sudaan

Madda suuraa, AFP

Gaazexxeesituun BBC Anne Soy, bakka mormii taa'uu obboroo eegalame kana humnoonni Rapid Security Forces (RSF) jedhaman humnaan galuu isaani dubbatti.

Kaawunsilii Waraana Ce'umsaa Sudaan (TMC) garuu mormiitoota humnaan hin bittimsine jechuun haaleera.

"Humni waraana mormitoota wajjira muummee dura ta'aa turan humnaan hin diigne, kan ta'eeru nannooleen dhiyeenyarra turan nagaa lammileef soddochisaa waan dhufaniif achiratti xiyyeefatera," dubbi himaan TMC Lt Gen Shams al-Din Kabbashi Sky News Arabia Tv'tti himaniiru.

Mormiitonni da'oof baqachaa jirachuufi namootni midhaaman jiraachuun isaani gabaafameera. Qindeessitoonni mormiicha " Waldaan hojjeetota Sudaan SPA ( Sudanese Professionals Association) mormiitota humnoota RSF irraa eeguuf jidduu galummaan humna waraanaaf gaaffii dhiyeessaniiru.

Namni ijaan arge haalli jiru hedduu hamaa ta'uufi dingata humnootni hidhatan kun mormiitoota nagaa irratti rasaasa dhukaasu jalqabuu isaani dubbata.

Mormii Sudaan

Madda suuraa, AFP

Mormiituun Fabiyaa Kalaaf waamicha mormii uummaataaf SPA'n qopheesse booda gara karaatti ba'uu ishee BBC Newsday'tti himteetti.

Bakkaa mormiitti namootni yeroo rasaasan dhahaman tamsaasa kallatti Facebook irratti arguu ishee Aadde Kalaaf dubbateetti.

"Hanga kawuunsiliin waraanaa bu'utti mormii keenya itti fuufna," jetti.

"Namoota lubbuu isaanii argaa godhaniif jechaa mormii koo hin dhaabu"

Ebla keessa Pireezdaant Omar al Bashiir erga angoorra buufamanii booda Kaawunsilii Waraana Ce'umsaa (TMC) biyyittii bulchaa tureera.