Bulchiinsi al-Bashir goolabamuufi tilmaamni jedhu guddataa jira

Mormitoota Sudaan

Madda suuraa, Reuters

Tilmaamni bulchiinsi Omar Hasan al-Bashiir goolabamuufi jedhu guddatee dhaga'amaa jira.

Magaalaa guddoo biyyatti Kaartumitti ibsi humni Waraanaa biyyatti ni kenna jedhame eegamu bulchinsa Al- Bashiir waggoota 30'f ture goolabuu mala jedhame tilmaamamaa jira.

Lammileen Kuma kudhanitti lakka'aaman Sambata duraa irraa eegalee Waajira Muummee Humna Ittisa biyyatti fuulduratti hiriira bahuun Al-Bashiir aangoorraa bu'uu akka qaban gaafata jiru.

Loltooti Raayyaa Ittisa Biyyaa mormitoota kanarra harka qabaa akka turan himamaa ture.

Jeneraalonni biyyatti koree Humna Waraanaa eenyu hogganu akka qabu Biiroo Muummee Humna Ittisa biyyatti keessatti mariyachaa jiraachu gaazixeessitoonni Sudaan himaniiru.