Walitti bu'iinsa Suudaan: Namoonni ajjeefaman 60 gahu gareen mormiitootaa himan

Madda suuraa, AFP
Lakkoofsi namoota Suudaan keessatti ajjeefamanii 60 gahuusaa gareen mormiitootaa doktarootaa beeksiise.
Baayyinni lakkoofsa namoota ajjeefamii kan dabalees walitti bu'insa guyyoota lamaan darba keessa gaggeefameen walqabatee halleellaa Kuwunsiliin Loltoota Cee'umsaa (TMC) mormiitoota hinhidhatiin irratti banameen ture.
Miseensoonni garee milishaa sodaatamanii daandiirra adeemuun siviloota irraan miidhaa qaqabsiisaa jiraachu gabaafame.
Loltoonnis halleellaa ajjeechaa kanaaf komii idil addunyaa irra gaheerra.
Haa ta'u amlee, waamichi UK fi Jarman akka gareen loltootaa Sudaan fala barbaachuuf akka hojjaniif UN irratti taasisan Chaayinaa kan Raashiyyaan deegaramteen danqame.
Haa ta'u malee, Kaawunsiliin Loltoota Ce'umsaa Suudaan gareewwan mormitootaa waliin haala dure tokko malee marii taasisuuf qophaa'aa ta'u Rooyitarris Letanaa Janaraal Abdal Fattaah al-Burhaan caqasuun gabaaseera.
Dhimma Sudaan irratti ejjennoon Gamtaa Afriikaa qabu rakkina biyyattii caalaatti hammeessa jechuun mootummaan Eertiraa qeeqe.
Gamtichi dhimma Sudaan akka dhimma idil-addunyaa ta'e fakkeessuun dhiyeessuu fi rakkinoota biyyattii hammeessuurraa of qusachuu akka qabu gaafateera.
Suudaan kjeessatti maaltu ta'aa jira?
Erga baatii Eblaatii kaasee mormitoonni adababayii fulfuda waajjira mummee loltootaa qabachuun, isaan booda guyyoota shaniin booda pirezidaant Omaar al-Baashir kan aangoorra waggoota 30 tire kaafame.
Bakka bu'oonni isaaniis Kaawinsiilii Loltoota Ce'umsaa waliin mari'achuun waggoota ce'umsaa sadii irratti waliigalani turan hanga filannoof qophaa'amutti.
Garuu guyyaa Wiixataa, loltoonni mormiitoota humnaan bittinsuuf tarkaanffii fudhachuu eegalan.
Jiraattoonni mahgaalaa guddittii biyyatti Kaartumis halleellaa Humnoota Gargaarsaa Hatattamaatiin fudhatame komataniirru. gareen milishoonni duraan akka Jaanjaweediitti beekamuus walitti bu'iinsa lixa biyyattii daarfuur keessa bara 2003tti tureen humna akkasii argate.
TMC ammoo filannoon baatii sagal keessatti akka gaggeefamu beeksasee. Mormiitoonni ammoo filannoon haqa qabeessa ta'e akka gaggeeffamu mirkanneessuufi walitti dhufeenya motummaa duraanii waliin ture balleessuun akka barbaachisuuf mormu.

Madda suuraa, Reuters
Siyaasni Suudaan dulloomaan deebii'ee dhufuu
Loltoonni Suudaan halleellee gaggeesseef mormii idil addunyaa mudateera. Garuu ammoo kun akka ta'uuf mallattoowwan turaniiru. Biyyattiinis hayyoota loltuu aangoo qabachuuf barbaadaniin deebiifamte qabamnte.
TMCis walii galtee mormitoota Humnoota Bilisummaa fi Jijjirraa (FFC) waliin irra gahame deeguun, kunis filannoo dimokraatawa ta'e gaggessuuf ni safisiisa jedhaniiru. karoorri sunis tarii soba ta'u mala.
Loltoonnis tarii bu'aa gar abiraa argataa jiru. Bara qoodiinsa idi-addunyyaa kanatti dhuubbaan nhawaasni idil -addunyaa bulchiinsa irratti qabaatu hangas mara miti.
balaan Suudaan kunis siyaasa dhugaa idil addunyaa kan saaxileedha. Kanneen ajjeessa fi dararaa turan aangoof ammas eddoo qabaatanii ittigaafatamummaa tokko malee humnichi ammas daandii mataasaa qabachu danda'a.
Humnooti Bilisummaa fi Jijjiramaa akka humnda mormitoota daandiitti deebii'ee ni dhufa jechuun hindanda'amu. Wanti hinjijjiramiin dhugaatti isuuma hundee gadi faggeeffatee ture ummatichi oggantoota irraa adda bahu dhabuudha.

Mormitoonnis osuma loltootaam dhorkamanuu kabaja Isilaamaa Eid al-Fixiiriin guyyaa Kibxataa fi Roobii daandiirratti kabajuuf waamicha taasisan.
Guyyaa Kibxataas, irra caalaan magaalaa kaartuum kan loltootaan to'atame fakkaata. Vidiyoon bilbilaan waraabaman akka mul'isaniitti, gareen loltootaa daandiiwwan hunda irra deemuun danqaawwan kaasaa fi samiitti ol dhukaasaa turan.
Jiraataan namqaansaa akka hinhimanme gaafate takka BBC'tti akka himteetti, jeequmsi akkuma cimaa adeemuun magaalattiin soodaa cimaa keessatti kuftee jirti.
Eessumn ishee wayita dargaggoonni sadii magaalaa keessatti ajjeefaman argeera, jetti.
''Akka hidhamtootaatti jiraataa jirra, eenyu gadi bahu hindanda'u'' jetti. kana malees intarneetiin cufameera jette jirti.
Loltoonnis Kaartuum keessa bittinaa'aniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa Wiixataa maaltu ta'ee?
Wiixata bariin ture humnootiin tajaajila nageenyaa bakkeewwan mormitoonni argamanitti kan qajeelan, akka roggeeyyiin jedhaniiti. Humnootinis hosipitaala Kaartuum keessaa marsuun kaan irratti dhukaasa bana.
Ibsa TV biyyaalleessa irratti dubbifameen, kaawinsiliin loltootaa tarkaanifii fudhatamuuf 'kanneen rakkina umaniifi hattoota'' irratti kan xiyyeeffateedha jechuun siviloota baraaruuf hjjanna jedhanii ture.
Waldaan Oggeessoota Suudaan (SPA) kan mormicha adda durummaan ogganaa jiruu duulaaf waamuudhaan ''tuffii civiiliif qaban haxaauu fi kawunsiilii loltootaa ajjeessa'' jechuun deebii kenneef.
Daandii gara Ce'umsaatti

Madda suuraa, AFP
·Mudde 19, 2018 - Akkuma daballi gatii boba'aa fi daabboo ibsameen mormiin eegale
·Guraandhal 22,2019 - Pirezidaant Baashi motummaa diigan
·Guraandhala 24 - Osuma loltuunni itti dhukaasanu mormitoonni itti fufan
·Ebla 6 - Roggeeyyooni fuldura waajjira mummee loltootaatti hanga Mr Baashir aangoo gadhiisuutti hindemnu jechuun mormu eegalan
·Ebla 11 - Janaraalonni Waraan Baashir buufameera garuu akkuma fedhii umataatiin oggansi sivil itti fufa jedhan
·Ebla 20 - Oggantoota loltootaa fi bakka bu'oota siviilii jidduutti mariin gaggeefamu eegale
·Caamsaa 13 - Halleellaan waajjira mummee loltootaa fuldurratti gaggeefame lubbu namoota jahaa balleesse
·Caamsaa 14 - Loltoonnifi siviloonni yeroo ce'umasaa waggaa sadiirratti waliigahu ibsan
·Caamsaa 16 - Loltoonni danqaawwan akka kaafaman gaafachuun walqabate marichi dhaabate
·Waxabajjii 3 - Rogeeyyiinnis laangoorra turuuf humnatti fayyadamu jechuun oltoota waliin mariin adda citusaa himan.












