Paartiin chaansilarii Jarman Angelaa Merkel CDU'n hoogganaa haaraa filate

Armiin Laashet paartii Chaansilara Jarman Angelaa Merkel kan ta'e Christian Dimocratic Union(CDU)'tti dura taa'aa ta'uun filataman.

Kaaba bulchiinsa Rhine-Westphalia'tti ministira muummee kan turan Armiin Laashet walga'ii paartichaa karaa interneetii gaggeeffamee turee fi filannoo dura taa'ummaa gaggeeffamerratti morkattootasaanii lama injifachuun irra aanan.

Waggoota 16'f aangoo qabatanii kan turan chaansilarri Jarman Angelaa Merkel, wayita Fulbaana dhufu yeroon aangoo isaanii goolabamu namni kun bakka bu'uu danda'u jedhamanii abdatamu.

Armiin Laashet weerara koronaavaayirasiin walqabatee hudhaalee hedduun isaan mudachuu malu sodaan jedhu jira.

Ga'eessi gannaa 59 Laashet , nama biizinasii kan aadaa durriitti cimanii cichan (conservative) Fireedirik Meerzi sagalee 521'n kan mo'atan yoo ta'u , kaadhimamaa sadaffaan Norbert Rotgan marsaa jalqabaarratti dorgommii keessaa ba'e.

Armiin Laasheet ammaan booda, nama waggaa lama dura, dura taa'aa paartichaa ta'uun Chaansilara biyyattii Angelaa Merkeliin bakka buufaman, Aneegreet Kiraampi Kireenborgi bakka bu'u jechuudha.

Namni kun itti gaafatamummaasaanii sirnaan ba'uu dadhabuun komatamu.

Jarman Fulbaana dhufu filannoo biyyaalessaa gaggeessiti.