Tiraamp 'hokkora kakaasuun' aangoorraa akka buqqa’an himataman

Miseensonni Kongireesii Ameerikaa Pireezidant Donaald Tiraamp torbee darbe Kaappitaal Hiilitti ‘hokkora kakaasan’ jedhamuun aangoorraa akka buqqa’an himatan.

Walmorkii yaadaa gaggeefameen booda sagalee kennameen sagalee deeggarsaa miseensota Koongireesii 232 fi kan mormii 197 argachuun Tiraamp aangoorraa buqqa'uuf himatni isaanii ragga'eera. Duula kana keessatti Rippaablikaanotni kudhan himatamuu Tiraamp deeggaraniiru.

Garuu hanga simannaan pireezidantii haaraa Joo Baayidan adeemsifamutti dhimmi isaanii Seeneetiitti dhiyaatee aangoorraa buqqa'uu kan jedhu gaaffiidha.

Tiraamp pireezidantii Ameerikaa jalqabaa himanni buqqisaa yeroo lama irratti dhiyaate dha.

Manni irra caalaan Demookiraatotaan qabamee jiru, morkii sa’atii lamaa Kaappitaal Hiil eegumsa jabaan taasifamaafi jiru keessatti sagalee kenneera.

BiiroonQorannoo Federaalaa Ameerikaa (FBI) kana dura Waashingitan dabalatee isteetiiwwan shantama keessatti hokkarri meeshaa waraanaan deeggarame akka karoorfame akeekkachiisee ture.

Viidiyoo sagaleen erga kennamee booda baherratti Tiraamp deeggartoonnisaanii akka tasgabbaa’an gaafataniis waa’ee buqqisasaa hin kaasne. ‘’Hokkoraa fi badiin biyya keenyatti iddoo hin qabu, deeggaraan koo dhugaa hokkora siyaasaa hin jajjabeessu,’’ jedhaniiru.

Tiraamp maaliin himataman?

Himannaan buqqisaa Tiraamp kan yakkaa osoo hin taane kan siyaasaati. Pireezidantichi Kongireesiidhaan hokkora Kaappitaalitti dhalate kakaasuun himatameera.

Deeggartoonni isaa ‘nagaafi gootummaan’ sagalee isaanii akka dhageessisan gorsee ture. Filannoo hatame jedhullee akka isaan morman itti himeetu ture.

Jecha Tiraamp kana hordofuun deeggartoonnisaa gamoo Kaappitaal cabsanii seenuun bakka buutonni uummataa bu’aa filannoo raggaasisaa turan akka addaan kutanii hokkorarraa akka dahatan taasisanii turan.

Boodarra gamoon sun akka ugguramu yoo taasifamu namoonni shan hokkora kanaan du’aniiru.

Keewwatni buqqisaa kun Tiraamp’’irra deddeebiin yaada sobaa filannoon hatameera, fudhatamuu hin qabu,’’ jechuu ibsa.

Kanamalees ‘’Tiraamp itti yaadanii deeggaraa isaanii jajjabeessuun gochaan seera maleessummaa kaappitaalitti akka dhalatu taasisan, kunimmoo hokkoraa fi lubbuu namootaa gara dhabuutti geesse,’’ jedha.

‘’Pireezidaantichi haalli nageenyaa US yaaddessa akka ta'u taasiseera, caasaan mootummaa isaas dhugummaa sirna Demookiraasii shakkisiiseera, wal-harkaa fuudhinsa aangoo karaa nagaallee danqeera, qaama mootummaallee balaarra buuseera.’’ jedha.

Torbee darbe Rippaablikaanoti 139 bu’aa filannoo 2020fi mo’muu Tiraamp mormuun sagalee kennaniin turan.

Kana booda maaltu taha?

Kana booda keewwatni buqqisaa kun gara Seneettiitti qajeelfama, Seneetiin pireezidaantichi balleessaa tahuu qorachuun ni murteessa.

Tiraampiin balleessaa dha jechuuf harki lama sadaffaa deeggaruu qaba. Kana jechuun Rippaablikaanoti 17 Demookiraatota waliin teessoo mana maree bakka bu'oota isa olaanaa 100 qixxee hirame keessatti sagalee kennuu malu.

Rippaablikaanoti 20 tahan pireezidanticha balleessaa dha jechuuf eeyyamamoo dha jechuun Niiw Yoork Taayims gaafa Kibxataa gabaasee ture.

Yoo Tiraamp Seneetiidhaan balleessaa dha jedhame, seera tumtootni akka inni lammata filannoof hin dorgomnetti sagalee kennuu danda'u. Tiraamp bara 2024tti filannoof akka dorgoman himaniiru, garuu yeroo waajiraa isaan hafe kanatti qorannoof hin dhiyaatan.

Hogganaan Seneetii Rippaablikaan Miich Maakneel ibsa kennaniin ''Haala seera, hojimaataa fi adeemsa buqqisa pireezidantiitiin otoo Baayidan torbee dhufu waajiratti hin dhufiin carraan buqqisni kun xumuramu hin jiru,'' jedhan.

Kongireesiin wal-harkaa fuudhiinsa aangoo irratti otoo xiyyeefatee fedhii uummata tajaajiles jedhan,

Maakneel akkaataa kamiin filanna kan jedhurratti murtoo akka hin laanne waa'iloota isaaaniitti himaniiru.

Guyyootni jalqabaa Joo Baayidan diraamaa buqqisa jedhuun qabamuuf deemu jechuun hubachisan. Seenaatarooti ''dhimma uummataa hatattamaa'' akka hin daganne jedhan. Kaabinee muuduu,dhimma koronaavaayirasii fi talaallii akka biyyaatti kennamu akka xiyyeefatanis jedhan.

Haa tahu malee dubartiin kongireesii Rippaabliikaanaa, Maajoorii Teeyilar Joorjiyaarraa, Joo Baayidanirratti aangoo akka malee fayyadamuun himannaa buqqisaa akka bantu himteetti.

Kana dura pireezidantiin Ameerikaa buqqisaan aangoorraa ka'e hin jiru. Tiraamp 2019tti waliigaltee Yukreen waliin raawwateen buqqisaaf himatamee ture. Kana dura Biil Kiliintaniifi Andriiw Joonsan akkasuma himatamanii turan.