Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aadaafi Eenymmaa: Shamarran Finfinneetti sabboonummaa Oromoo dagaagsuuf hojjechaa jiran
Shamarran Oromoo lakkoofsaan 30 ta'an maqaa 'Waldaa Dubartootaa Finfinnee' jedhu moggaafatanii magaalaa Finfinnee keessatti sabboonummaa Oromoo dagaagsuuf hojjechaa jiru.
Waggaa tokkoon dura ijoollee Oromoo Finfinnee keessatti dhalatanii eenyummaa isaanii dagatan dammaqsuu, uffannaa aadaa Oromoo beeksisuudhaan ture kan jalqaban.
Waldaan kun Finfinnee keessatti maalfaa hojjeta?
Dura Teessuun waldichaa shamarree Tigist Kumsaa, eenyummaan Oromoo Finfinnee keessatti haphate deebi'ee akka dagaagu gochuuf hojii kana jalqabne jetti.
"Oromoon Finfinnee keessatti gahee akkamii qabaachuu qaba kan jedhurratti hojjenna. Shamarran Oromoo Finfinnee keessatti eenyummaa isaanii hin beekneefi Oromummaa isaaniitti mataa ol hin qabannerratti hojjenna. Shamarran rakkatanis nigargaarra," jetti.
Ijoolleen Oromoo Finfinnee keessatti dhalatanii guddatan Afaan Oromoo dubbachuufi uffannaa aadaa Oromoo calaqqisiisu uffachuu akka baraniif jajjabeessaa jiraachuus himti.
"Nuti torban lamatti yeroo tokko miseensi keenya hunduu uffannaa aadaa Oromootiin faayamnee Finfinnee keessa bashannanna. Of muldhisna. Garee nama sadii ykn afuritti walqoodnee kutaa magaalaa Finfinnee adda addaa keessa deemna," jetti Tigist.
Agarsiisni uffannaa aadaa ofiitiin boonuu kuni Oromoon Finfinnee keessatti uffata aadaa guyyaa ayyaanaa qofa osoo hin taane yeroo kaanis uffatee akka bashanannuu qabu, beeksifachuu akka qabu barsiisufidha akka dura teessuun Waldaa Dubartoota Finfinnee jettutti.
Akka isheen jettutti, gurmuun shamarran Oromoo Finfinnee kun aadaa Oromoo beeksisuun cinaattis, namoota Oromoof aarsaa kanfalan bira gareedhaan deemuunis nideeggaru, nijajjabeessu.
"Hanga ammaatti namoota naannoo Somaalee irraa buqqa'anii Finfinnee keessa qubatanii jiran ayyanarratti deemnee gaafanneerra. Kanaan alattis namoota jajjaboo Oromoo kanneen akka Piroofeesar Mararaa, Obbo Daawud Ibsaafi Zarihun Wadaajoo fa'aa mana isaanii deemnee ayyaana isaan wajjin kabajneerra," jetti Tigist.
''Hojiin keenya gartummaa siyaasaa hin qabu''
Shamarran kunneen yeroofi bakka gurmuudhaan socho'an hundattis uffannaa aadaa Oromootiin faayamanii adeemu.
Sababa namoota siyaasaa Oromoo tokko tokko mana isaanii deemnee kennaas kennineefii ayyaana wajjin kabajneef namoonni garee keenya akka deeggaraa siyaasaatti ilalaan jiraatanis, hojiin keenya gartummaa siyaasaa kan qabu mitis jetti.
Waldichi beekamtii seeraa argachuuf hojjehaa akka jiru kan dubbattu Tigist, galiin isaa buusiima miseensotarraa argataniin hojjechaa akka jiran himti.
Waldaan Dubartootaa Finfinnee kun aadaafi eenyummaa Oromoo Finfinnee keessatti calaqisiisuu qofa osoo hin taane humna cimsatee hojii kana gara biyyaafi addunyaatti guddisuuf karoora qabaachuus Dura Teessuun Waldichaa BBC'tti himteetti.
Miseensi waaldicha maal jetti?
Miseensa waldaa kanaa kan taate shamarree Marsiimoo'ii Kumsaa gamasheetiin, waldaan kun hundaa'uun isaa dubartoota Oromoo Finfinnee keessatti dhalataniif carraa gaarii ta'e jetti.
"Ani akka dubartii Oromoo Finfinneetti dhalatte tokkootti osoo waldaan kun hin hundaa'in dura olmaan kiyyas, guddinni kiyyas eenyummaa saba biraatiin ture. Waldaan kun immoo warra akka kiyyaatiif carraa gaarii uume. Eenyummaa keenya akka barru akka ittiin boonnu nugargaaraa jira" jetti.
Miseensonni waldichaa shamarran Finfinnee keessatti carraa qubee Afaan Oromoo barachuu hin arganneefis torbanitti guyyaa lama Afaan Oromoo akka barataniif haala akka mijeesseefis dabaluun BBCtti himti.