'Jiraachuun mana hidhaa Guwaantanaamoo Ameerikaaf qaaniidha'-UN

Guwaantanamoo

Madda suuraa, Reuters

Gareen ogeeyyii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii bulchiinsi haaraan atattamaan mana hidhaa Guwaantanaamoo akka cufu gaafatan.

Manni hidhaa US qarqara galaanaa Kibba Kuubaatti argamu, Guwaantanaamoon, bakka namootni US shororkeessummaan hiitee itti dararamaniidha.

Waggoota darban dhiibbaa akka cufamu godhamaa tureen hidhamtootni baayyeen achii kan bahan ta'us, ammas hidhamtootni hafan qabiinsa mana hidhaa san keessa jiru, miidhama qaamaa fi xiinsammuu fi umrii irraan kan ka'e du'aaf saaxilamaniiru jedha gareen ogeeyyii mirga namoomaa UN.

''Guwaantanaamoon bakka akka feetee fi sarbama mirgaati, bakka dararaafi qabiinsi akka hin malleee itti raawwatu, ijaarama dhaabbataa qabu ta'ee kan itti fufedha'' jedhee komata.

''Bakka olaantummaan seeraa hojiin ala itti godhamee fi haqni itti jallate'' jechuunis ibseera.

Jireenyi bakka dararaa kanaa Ameerikaafi hawaasa idila addunyaa maraaf qaaniidha jechuunis ibseera.

Guwaantanaamoon yeroo hedduu dura(qaata) cufamuutu irra tures jedha Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii.

Bara 2013 Pireezidantiin duraanii US Baraak Obaamaan manni hidhaa kun cufamuu qaba jechuun duula eegalanii turan.

Haasaa dhimma kanarratti godhanii tureenis manni hidhaa kun ''faallaa eenyummaa keenyaati'' fedha US's ni miidha jedhanii turan.

Wixinee Obaamaan mana hidhaa kana cufsiisuuf baasanii tures Kongireesiin harkatti kuffisee irra deebiin yaalaa turan.

Kun kanaan osoo jiruu bara 2018'tti Pireezidant Doonaald Tiraamp wixinee manni hidhaa kun banaa ta'ee akka itti fufu ajaju mallatteessaniiru.

Manni hidhaa kun erga haleellaa 9/11 bara 2001 as namoota Waashingitan shorokeessummaan himattu itti dararaman ture.

Bara 2018 keessas hidhamtootni 41 mana hidhaa kana keessa akka jiran amanama.