Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Deeggartoonni Tiraamp hokkora dabalataa kaasuu malu jedhe FBI
Biiroon Qorannoo Federaalaa Ameerikaa (FBI) guyyaa pireezidantiin haaraa Joo Baayidan kakuu raawwatan dura mormiin meeshaa waraanaan deeggarame jiraachuu akka malu akeekkachiise.
Gabaasoti bahaa jiran gareewwan hidhatan Waashingitan Diisii dabalatee isteetiiwwan 50 keessatti hanga Amajjii 20(guyyaa simannaatti) akka waliitti qabaman himu.
Jila simannaaf eegumsi jabaachaa dhufuun yaaddoo kana fideera.
Gaafa Wiixataa Baayidan gamoo Kaappitaal alatti kakuu raawwachuuf sodaa akka hin qabne rippoortarootatti himaniiru.
Joo Baayidaniifi itti aantuun isaanii Kamalaa Hariis ala gamoo Kaappitaalitti kakuu isaanii akka raawwatan eegama. Kuni egaa kan tahu erga deeggartoonni Tiraamp bu’aa filannoo mormuun hokkora kaasanii torbee lama booda dha.
Gaafa Amajjii 6 gochaan raawwatame akka irra hin deebineef qondaaloti eegumsaa mirkaneessaniiru. Deeggartoonni Tiraamp gaafa gara gamoo sanaatti seenan miseensonni Kongireesii bu’aa filannoo raggaasisuuf sagalee kennaa turan.
Hogganaan yeroo, nageenyaa, US Department of Homeland Security, Chaad Woof guyyaa simannaa dura Tajaajila Icciitii Ameerikaadhaaf qajeelfama kennuun oppireeshinii guyyaa jahaa dursanii akka jalqaban taasifneerra jedhan. Kunis haala nageenyaa torbee darbe mul'achaa turerraa kaanetis jedhaniiru.
Qondaaloti akka jedhanitti loltoonni(eegdotni)15,000 tahan eegumsa cimsuuf qophaa’aniiru.
Wiixata boodarra garuu Woof ofiisaaniyyuu aangoo isaaniirraa bu’uun nama sadaffaa tahaniiru.
Woof gadhiisuun simannaa Baayidaniif yeroo haalli eegumsaa cime kanatti waajirichatti burjaajii uumeera. Woof Tiraamp hokkoricha akka balaaleffatan waamicha dhiyeessanii ture.
Itti gaafataman aangoo isaaniirraa gadhiisan kun rakkoo tibbanaa fi manni murtii filatamuu isaanii sirrii tahuu shakkuun tarkaanfii fudhatame dha.