Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hokkorri Kaappitaal Hiil waa'ee imaammata alaa US maal akeeka?
Hogganootni biyya alaa- keesumaa michuuwwann Waashingitan waan Kaappitaal Hiilitti tahaa jiru akka raajiitti ilaalaa jiru.
Barreessaan olaanaa Neetoo Jeens Istooteenbeerg warreen dafanii deebii kennan keessaa tokkodha.
''Mudannoo rifaasisaa Waashingtan DC. Bu’aan filannoo dimookiraatawaa kabajamuu qaba,’’ jedhan.
Qondaalli dhaaba Ameerikaan adda durummaan miseensa itti taate deebii akkasii kennu jedhee namuu yaadee beekaa?
Yaada akkasii Istootenbarg biyyoota kanneen akka Beelaaruusiifi Veenizuweelaa fa’iitti akka dubbatani dha kan eegamu.
Boqonnaan kun waa’ee bulchiinsa Tiraamp waggaa afur booda, waa’ee Waashigitan waan himu qaba. Ameerikaan gama dhiibbaa fi aangoo laafaatiin qaawwa qabdi.
Waliigaltee waraanaa Iraan keessaa of baaste, kan jijjiirama qilleensaa keessaas akkasuma.
Waraana biyya alaatti bobbaastu hir’isuu barbaaddus, gama dippiloomaasiin filannoon dhiyeessitu garuu xiqqoo dha.
Biyyoonni kanneen akka Israa’el, Sa’udii Arabiyaa fi Tarkiin hanga eegumsa mataa dhuunfachuutti gahaniiru.
Kunis sababa xiyyeeffannoon Tiraamp daangeffamaa taheefi.
Tiraamp hogganoota biyyoota Demookiraatawaa irra kanneen abbaa irree ofitti simata.
Dhimmoonni biyyattii dimookiraasiidhaan fakkeenya taasisan mudaa kan qabani dha, qaawwii kun akka hundinuu ilaallutti mul’ata.
Har’a xiinxalaan Iyaan Biriimar akka jedhutti: ‘’Ameerikaan biyyoota guddatan biroorraa siyaasa naafataa fi wal-qoodaa qabdi.’’
Dhimmi kun murteessaa kan tahu sababii Tiraamp imaammata Ameerikaatu dursa jedhuun sirna haajaa alaa akka miidhamu waan godhaniif.
Chaayinaa fi Raashiyaa bara Tiraamp keessa dhiibbaan isaanii dabaleetu jira.
Dhaabbonni liberaalaa kanneen akka NATO, UN fi ejensiiwwan kaan rakkoo garaagaraatu isaan mudataa ture.
Haleellaa saayibarii, hariiroo tolas lolas jechuuf rakkisan baramaa dhufaniiru.
Addunyaan immoo weerara dabalatee jijjiirama haala qilleensaa bulchiinsa Tiraamp jalatti argiteetti, Ameerikaa tarkaanfii fudhachuu waan barbaaddu hin fakkaattu.
Asitti dhimmi ifa tahuu qabu jira. Kuni olaantummaa Ameerikaan addunyaa irratti qabduu agarsiisuuf miti. Imaammatni alaa Ameerikaa akkuma qaama rakkoo tahee jiru qaama furmaataa tahaa ture.
Haa tahu malee imaammatni humna ittisaa fi nageenyaa isa gaarii jedhamu miti. Yaadni waliigalteen to’annoo waraanaa dhimma yeroo cold war(waraana hololaa) kan dhaalame yoo tahu waliigalteewwan INF fi Open Skies asitti kufaatii agarsiisaa jira.
Tattaaffiin dhumaa waliigaltee Ameerikaa fi Raashiyaan tarsiimoo meeshaa waraanaa irratti danqaraa jiru haaressuuf taasifamu ajandaa Pireezidantii filatamaa Ameerikaa Joo Baayidan taha.
Bara sirnooti waraanaa kanneen akka misaayiloota saffisa olaanaa qabaniifi balaafamoo tahan dabalaa jiaranitti waraana irratti aangoo qabaachuun faayidaa guddaa argachaa dhufeera.
Akkasuma abuurraan hawaa illee dorgommii waraanaatti guddachaa jira.
Biyyoonni lixaa Chaayinaa jabaachaa jirtuufi Raashiyaa hunmaan sodaachiftu waliin dorgomuu qabu. Kanaaf hoggansaafi gidduu galuun Ameerikaa dhimma furuu keessatti murteessaa dha.
Kuni hundi bulchiinsa Baayidan dhufurratti danqaa guddaa fida.
Erga gamoo Kaappitaalitti hokkarri uumameen as diinoti Ameerikaa dammaqinaan jiru.
Bulchaan Ameerikaa yeroo aangootti dhufan diinagdeen Chaayinaa weerara turerraa bayyannachaa kan jiru yoo tahu, Ameerikaan garuu gama Kooviid to’achuun waan hin milkoofneef du’a baayyee fi talaalliin hanga barbaadame hojjechuu isaarrattii shakkiitu jira. Tiraamp erga filannoon mo’amaniin booda dhimma weerara kanaa dagataniiru.
Pireezidantiin Chaayinaan weerarri kun sirni isaanii hangam cimaa akka tahe agarsiiseera jechuun isaanii nama hin ajaa’ibu.
Raashiyaan tarsiimoodhaan osoo hin taane kan Waashingitan waliin dorgomtu, oduu sobaa fi gochaa odeeffannoo haak gochuun gulantaa haaraa Ameerikaa irratti raawwachuuni dha.
Joo Baayidan sirna kompiitaraa ejensiiwwan biyyattii Raashiyaadhaan haak godhamanitti dha dhufu. Gidduugaltummaan kun hangam jabaafi dhaabbata akka tahe namni beeku hin jiru.
Bulchiinisa Ameerikaa dhufu michuuwwan ishee waliin illee hariiroo salphaa tahe fida jedhamee hin eegamu.
Gamtaa Awurooppaa fi garee G7 dhaan anaadhufu jedhamuun hin hafu.
Haa tahu malee Saa’udii, Tarkii fi Isaraa’el imaammata isaanii Baayidan waliin haasaa uumuuf akka tahutti gulaaluu malu.
Garuu hariiroo qixaa’aa tahe qabaachuun yeroo gabaabaa keessatti waan yaadamu miti.
Baayidanis akkuma Tiraamp michoota Awurooppaa irratti dhiibbaa fedhii irratti hundaa’e taasisuu malu.
Waraana ittisaa caalaatti barbaaduufi Iraan, Chaayinaa fi Raashiyaa irratti imaammata jabaa qabaachuu fa’i.
Imaammata kana akka haaraatti jalqabuun akka salphaatti waan ilaalamu miti.
Garaagarummaan imaammataa,hidhata diinagdee fi fedhiin Awurooppaa gama bilisummaa imaammataan qabdu hariiroo Waashingitan waliin jiru wal-xaxaa taasisa. Kanaan alattillee sababiin biraa jira.
Baayidan michooma biyyoota alaa waliin qaban ajandaa dursa kennaniif keessaa kaasanillee michoonni baayyeen garuu bulchiinsi Tiraamp akka hin deebinetti deemeera kan jedhurratti shakkii qabu.
Tiraamp waggaa afur jiraniif qofa haara-galfannaa kennu malee sana booda haalli bulchiinsa Tiraamp deebi’ee dhufa jedhu.
Yeroo ammaatti imaammatawwan biyya keessaaf bahantu hariiroo isa alaaf karaa saaqa.
Kuni gama murteessaa lamaan ilaalama. Dimookiraasii Ameerikaa irra deebiin ijaaruu. Hawaasa aadaa osoo hin taane kan wal-qixxummaa gochuu,biyya alaatti Ameerikaa beeksisuu. Diinotis tahe michuuwwan Ameerikaan roga qixaarra jirti jedhanii yoo amanan qofa hoggansa fuulduraa Waashingitanitti amanu.
Garuu dhimmi kun gama lamaan hojjeta, Baayidan dhimma alaa irratti yoo isaan qana’e uummata biyya keessatti qoodameee jiru haajaa alaarratti amansiisuu qaba.
Fakkeenyaaf Chaayinaa ilaalaa, Baayidan ishee waliin dorgomuus,tumsuus barbaadu. Imaammatni diinagdee buufata waraanaa biyyoota alaatti ijaaruu irra barbaachisaa tahaa dhufeera..
Bu’uurri imaammata diinagdee milkaawaa Chaayinaaf barbaachisu immoo kan namooti idilee Ameerikaa fedhii keenya tajaajila jedhanii amanani dha. Kan carraa hojii uumuufi daldala biyya alaa cimsu.
Gamtaa cimsuun dhimma murteessaa bulchiinsa Baayidan milkeessu dha.