Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ashlii Baabbiit: Dubartiin hokkara Waashingiteeniin duute miiseensa Humna Qilleessaa US turte
Ashliin dubartii ganna 35 yoo taatu namoota afur hokkara Waashingiteen DC, Kaappitool Hiilitti uumammeen du'an keessaa tokkodha. Ashlii Baabbiit du'uusheetiin guyyaa tokko dura miidiyaa hawaasummaa irratti hiriira deeggartoota Tiraamp magaalaa guddoo US keessatti gaggeeffamuuf jiruu barreessitee turte.
"Wanti nu dhaabu tokkollee hin jiru," jechuun barreessite.
"Osoo walirraa hin kutiin yaaluu danda'u garuu galaanichi asuma jira waan ta'eef yeroo saatii 24 hin guutne keessatti DC irra galagala."
Ashliin namoota US Kaappitool Roobii humnaan cabsanii seenan keessaa tokko turte.
Namoota afur hokkara sanaan walqabatee du'an keessaa tokko akka taate poolisiin US Kaappitol adda baasuun mirkaneesseera.
Miseensa duranii Humna Qilleensaa US kan turte Ashliin imala marsaa lama gara Afgaanistaaniifi Iraaqitti Humni Qilleensaa US taasise tajaajilteetti.
Boodarra ammoo Naashinaal Gaard waliin Kuwetiifi Kaataaritti babbaatee akka turte abbaan warraa ishee duraanii Timootii Maakentee miidiyaa US'tti dubbateera.
Jiraattuu Saan Diyaagoo, Kaalifoorniyaa kan taate Ashlii Baabbiit dhiyeenya nama biraatti kan heerumte yoo ta'u, abbaa warraa ishee yeroo ammaa Aaron Baabbit waliin kampaanii tajaajila puulii tokko keessa hojjechaa turte.
Aadde Ashliin gara balleettiifi goota akka taate miidiyaa hawaasummaa irratti of ibsti. Irra deddebiyuudhaan deeggartuu cimtuu Doonaald Tiraamp akka taates ni barreessiti.
Himannaa ragaa hin qabne Doonaald Tiraamp filannoo hatameera jedhus irra deebiyuun dhageessifti.
"Amala jaallattu yookaan ammoo jibbitu qabdi," jedha abbaan manaa ishee duraanii Timootii Maakentee.
"Ejjennoosheetiif hin gaabbitu... akkuma biyyashee Ameerikaafi lammii Ameerikaa ta'uu isheetiin boontu ittiin boontiyyu."
Fulbaana keessa, Aadde Ashliin agarsiisa bidiruu Saantiyaagoo Kaalifoorniyaatti qophaa irratti T-shartii "We are Q" jedhu kan irratti barreeffame uuffatee turte.
Ergaan barreeffamaa kun ammoo warra leellistoota siyaasa biyyaafi sanyii ofii dhaadhessan bakka bu'u QAnon jedhamu kan ilaalatudha.
Gareen QAnon deeggartoota Doonaald Tiraamp cimoo yoo ta'an, Tiraamp warrra amala fedhii saal-qunnamtii addaafi gadhiisii qaban Seexana waaqeffatan waliin icciitiin lolatti jira jedhanii amanu. Garuu kanaaf ragga qabatamaa hin qaban jedhamu.
Hiriira torban kana keessa gaggeeffame guyyoota muraasa dura, Aadde Ashliin hiriira deeggarsa Tiraamp irratti argamuuf akka Waashingiteenitti argamtu fuula tiwiitara isheerratti barreessitee turte.
"Amajji 6 DCttin argama!" jechuun barreessite. "Waaqayyo Ameerikaafi WWG1WGA yaa eebbisu!" jette. Gabaajeen WWG1WGA ammoo deeggartoota QAnon waan baramaadha.
Amaatiin ishee Aadde Roobin Baabbiti, buufata Faaks naannootti argamutti akka dubbattetti ilmi ishee hiriirichaaf Ashlii waliin hin turre.
"Kana gochuudhaaf maaliif akka murteessite hin beeku," jette.
Viidiyoo oonlaayin maxxanfame tokko iratti, dubartiin Aadde Ashlii Baabiit taati jedhamee amanamu tokko alaabaa Make America Great Again jedhu qabu qoleerra buufattee garee gamoo Kaappitool keessatti hokkara uumanii karra cabsanii seenuudhaaf yaalaa turan waliin argamteetti. Miseensi Poolisii Kaappitool tokko ammoo garee kanatti qawwee nyaachifatee mul'ateera.
Dubartiin kun keenyan karra cinaan jiru osoo kortuu akkuma argamtee xiqqoo turee sagaleen wanti tokko akka kufee dhaga'ame. Osoo lafatti kufaa jirtuus fiilmiin waraabameera.
Poolisiin Kaaappitool ibsa baaseen, hojjetaan Poolisii Kaappitool kan Yunaayitid Isteet meeshaa tajaajilaaf hidhate dhukaasuun dubartii tokko rukkuteera jedhe.
Kana gochuuf kan dirqames mormitoonni humnaan cabsanii galma miseensonni Kongirasii keessa jiran seenuuf yeroo jedhanitti ture jedha ibsa isaa keessatti Poolisiin.
Aadde Ashlii Baabbiit madaa rasaasaan madoofteef hospitaala geeffamtus galgaluma sana lubbuun darbeera, jedhe poolisiin.
Qondaalli poolisii Aadde Ashlii Baabbiititti dhukaase akka boqonnaa bahu taasifamus eenyu akka ta'e adda baasee hin himne.
Amaatiin Aadde Ashlii miidiyaa US'tti akka dubbattetti, oduu yeroo dhageesse hedduu rifatte.
"Afaankootu na hidhamee waanan dubbadhun wallaale," jechuun Niiwu Yoork Postitti dubbatte. "DC keessaa namni tokkollee ilmakootti kan hime hin jiru, kallattiimaan TV irratti argine."
Hokkara Roobii uumame kanaan namoonni sadii biroon du'aniiru.
Hokkara dhalate kanaan lama warra hospitaala geeffaman dabalatee yoo xiqqaate qondaalonni poolisii Kaappitool 14 miidhamuu poolisiin ibseera.