Filannoo Yugaandaa 2021: Yoweerii Museeveenii akka itti ganna 35’f angoorra turan

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Yugaandaa umuriin wagga 35 gadi ta’aniifi harka 3/4ffaa ummata biyyattii ta’an, pirezidantii tokko qofa beeku.
Fincila hidhannoo taasifameen bara 1986 gara angootti kan dhufan Yoweerii Museveenii dursitoota biyyootaa naannichaa kan yeroo dheeraaf bulchaa turaniin addatti angoorra turuuf danda’anii jiru.
Turtiin angoo nama ganna 76 kun nageenyaafi guddina guddaan kan dabaalame ta’uusaatti kan galateeffataniin jiru.
Aangoosaanii kanarra kan turan garuu amala adda addaa walitti makuun, dhaabbilee walabaa biyyattii hacuucuu fi mormitoota maqsuudhaani.
Filannoo ganna shan dura geggeeffame irratti waa’een aangoo gadhiisuu yoo ka’u akkas jechuun gaafatani: "Akkamittan biqiltuuwwan muuzii ani dhaabe wayita firii buufatanitti dhiisee deema?’’
Aang'aa warraaqsaa kanaaf firii sassaabbachuun ammallee hin xumuramne.
Pireezidanticha yeroo jalqabaaf kanin bare 1990 keessa diraamaa mana barumsaa keessatti raafama biyyattiii Miiltan Obootee fi Idi Amiiniin ga’aa ture dhumuu mul’isu keessatti turee jetti gabaastuun BBC Kaampaalaa jirtu Patience Atuhaire.
Diraamichi wayita waraanni Museeveenii biyyattii wal-dhabdee fi ajjeechaa hin barbaachifne keessaa baasaa turetti Amajjii 26, 1986 dhiyaate.

Lammiileen Yugaandaa hedduunis waa’ee nama bilisummaafi nageenya biyyattii fide kanaa carraa argameen dhaga’aa akka guddatan ta’e.
'Puushaappii' pireezidantummaa
Maanguddoon kun abbummaafi akaayyummaanis nibeekamu.
Dargaggoonni Yugaandaa hedduun ‘‘Seevoo’’ jedhanii waamuuni, isaanis jaalalaan Baazukuuluu jedhanii dargaggoota kana waamu (akaakilee koo jechuudha, Afaan Lugaandaatiin).
Namni maatii kun garuu akka nama dulloomaa jiruufi kursiirra taa’uun ijoolleefi akaakileen marfamuu qabaniitti of hin ilaalani.
Akkuma yeroon filannoo darbe dhumateen, marroo 6ffaaf waajjira isaanii keessa turuuf duulli nafiladhaa biyyattiirra naanna’uun warshaalee eebbisiisuu, daandiiwwan saaquufi gabaawwan banuun eegalame.
Amma ijjisaanii morkataasaanii ganna 38 fi wallisaa duraanii Boobii Waayin irra wayita jiru kanatti, Abba Museeveeniin jaboo ta’uu agarsiisuu fedhu.
Eebla darbe wayita sochiin dhorkamee turetti namoonni sochii qaamaa akka taasisan jajjabeessuuf yaadanii ‘puushaappii’ osoo hojjatanii waraabamanii ture. Sadaasuma darbe keessas barattoota fuulduratti sana irra deebi’ani.
"Abbaankee yoo sijaalate, akka jabaattu sitaasisa. Waggoota shan dhufanitti wayita barumsa xumurru hojii akka argannu ‘Seevoon’ nugargaara,’’ jetti dargaggoon ganna 25 Anjeelaa Kaariiboo, waa’ee hoji dhabdummaa dargaggootaa yaaddoo guddaa ta’erratti yaada yoo kennitu.
Ikonomiiksiin kan eebbifamte namni kun, ‘Muzukuuluu’ ykn akaakilee boontuu maatii paartii ‘National Resistance Movement (NRM)’ deeggaru keessatti guddatte. Yunivarsiitii keessattis seelii paartichaa dura teessuu itti aantuu ta’uun tajaajilaa turte. Ammas waggoota 35 booda pireezidantichi waan hedduu hojjachuu danda’u jettee yaaddi.
Pireezidantummaaf filatamuurratti daangaa kaahame jijjiiruu
Hiriyyaan Museevenii dhiyoofi gorsaa isaanii kan ta'an Joon Nageendaa pireezdantii ofittummaa hin qabne jedhanii ''inni Yugaandaaf du'uuf qophii dha. Isa qabaachuu keenyaan abbootii carraati jedheen yaada'' jedhan.
Pireezidantoonni ani beeku wanta godhan mara ofiif jedhanii hojjetu, beekamtii barbaadu Museveeniin garuu biyya isaafi aardii kanaaf hojjeta. inni nama quuqama Afrikaaf qabu jedhaniis ibsu.
Haata'uutii akka heera bara 1995 isa jalqabaatti Pireezidantichi bara 2005 booda filannoorratti hirmaachuu hin qaban ture.
Namootni dhiyeenyatti isaan beekan bara 2005 dura Museveeniin aangoorra turuu hin fedhan ture, hojii qonnaa fi horsiisa loonii jaalatanitti deebi'uu barbaadu jedhu.
Gazexessaan hariiroo gaarii pireezidanticha waliin qabu Wiiliyaam Piike aangoorra turuu feetuu jedhee wayita isaan gaafatee ture aariin itti dhagaahamee akka ture yaadata.
''Museveeniin lakkii hin barbaadu'' jedhanii akka ture yaadannoo katabee ture irratti gaazexessaan kun eeree jira.
Haata'uutii bara 2004'tti taateen wayii yaada isaanii akka jijjirsiseefi sana boodas miseensotni Paarlaamaa turtii aangoo Pireezidantii dheeressuuf heera biyyaarratti fooyya'insi akka ta'u amansiisan jedhama.
Yaada miseensonnii Paarlaamaa fiixaan baasaniifiin hanga waggaa 75 guutanittii aangoorra akka turan ta'e. Wantii bara 2004'tti yaada isaanii jijjiirsise garuu ammallee ifa miti.
Achiis bara 2017 heera biyyaarra turtii aangoo pireezidantiirraa daangaan kaahamee ture kaafame.
Taateen sun hokkora uumee Paarlaamaan poolisiin akka to'atamu dirqisiisee ture.
Murteen kun Dhaabni biyya bulchu 'National Resistance Movement' Museveniin bara jireenya isaanii guutuu pireezidantii akka ta'an hayyamuu akka fedhu agarsise.
Morkattoota muraasa
Deeggartootni Musevenii hedduun misoomaa fi nageenya biyyattiin waggoota darban galmeessifte Museveniin aangoorra akka turan sababa ta'uu dubbatu.

Madda suuraa, Getty Images
''Kaaba fi Baha biyyaarraa yoo dhufte injifannoo nageenyi fide hubachuu danseessa. waggoota 20 naannoleen kun waraana keessa turan'' jedha dargaggoon waggaa 28 Mana Maree Dargaggootaa biyyattii hoogganu.
Faallaa kanaan garuu dhaabbilee walabummaa mootummaa qabaachuu qaban akka sirna haqaa kaadireewwan mootummaa filatamaniin guutamuun rakkoo ta'uus dubbatu.
Mootummaan Musevenii miidyilee akkaan lalisaa jiran irraan dhiibbaa gahaa jiraachuu ammoo hogganaa garee miidiyaa biyyaalessa kan ta'an Daani'eel Kalinakii ni dubbatu.
Mootummaan obsu dhabuun miidiyaaleefi hojjettoota miidiyaa hiraarsaafi hidhaa akka jirus dubbatu.
Gama namoota siyaasaa mormituun ammoo hedduun hidhamanii deeggartootni isaanii ammoo ajjeefamaniiru.
Weellisaan duraanii biyyattii maqaa Boobii Waayiin jedhamuun beekamuufi maqaan isaa inni sirriin Roobert Kiyaagulaanyi jedhamu filannoo bara kanaa irratti morkataa Musevenii isa jabaa ta'eera.
Duula na filadhaa ji'oota dura gaggeessee tureen seera ittisa Covid-19'f bahe jedhamee cabsuun qaamolee nageenyaa waliin walitti bu'eera.
Hidhameera, mana hidhaattis dararameera. Itti dhukaafamee konkolaachisaan isaa kan ajjeefame Boobii Waayin, deeggartootni isaa hedduun qaamolee mootummaan ajjeefamuu komata.














