Filannoo Yugaandaa: Odeeffannoo sobaa waa'ee Joo Baayideniif kanneen biraa

Deeggartoota pirezidaanti Museeveenii kan marsaa 6ffaaf dorgomuuy, Mudde 4 bara 2020

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoota pirezidaanti Museeveenii kan marsaa 6ffaaf dorgomuu

Filannoo pirezidaantummaa Yugaandaa ji'a Amajjii keessa gaggeeffamuuf duulli gaggeeffamaa jiraatus odeeffannoowwan sobaa baay'eenis qoodamuun jeequmsa uumaa jiru.

Pirezidaanti Yuweri Museveenii erga bara 1986 as aangoorra kan jiran yoo tahu, amma kaadhimamtoota 11 irraa morkiin isaan eeggata. Isaan keessaa weellisaa dargaggeessi Boobii Waayin isa tokko.

Duula gaggeeffamu keessatti odeeffannoon sobaa baay'een kan hammatame yoo tahu viidiyoon tokko tokkos qabiyyee isaaniin ala fudhatamaniiru.

Joo Baayidan mormitoota deeggaraa hin jiru

Suuraa sobaa Tiwiiteraa ''soba'' tahuu adda bahe

Madda suuraa, Getty Images

Fakkeenyi jalqaba miidiyaa hawaasaa irratti bal'inaan qoodame, viidiyoo pirezidaantii Ameerikaa haaraa Jooy Baayidan, weellisaa Boobii Waayin akka gadhiifamu waamicha taasisudha.

Gariin isaanii inuma Baayidan filannoo dhufaa jiru irratti pirezedaantummaa Yugaandaaf akka isaan kaadhiman himu.

Namni mataa harrii kun viidiyoo irratti yeroo akkas jedhanii dubbatan dhagahamu. ''Hundi keenya mirga amantaa barbaanne hordofuu ni kabajna. Tokkumaan waliin dhaabbanna. Yugaandaa keessattis dimokiraasii barbaanna.''

Garuu namni dubbataa ture Jooy Baayidan miti. Viidiyoon isaas waggaaf lama kan turedha.

Vidiyoo kana yoom akka waraabame yoo xiinxallu, hidhamuu Boobii Waayin hordofee addunyaa bakka garaagaraatti akka gadhiifamuuf mormiin yeroo gaggeeffame bara 2018 keessa ture.

Taateen kun kan raawwate Ameerikaa Bostan keessattidha. Namni dubbii taasisaa ture ammoo nama siyaasaa paartii Domokiraatotaa filannoo naannoo irratti hirmaachaa ture Niik Kaarter jedhamudha.

Dubbii viidiyoo daqiqqaa sadii taasise irrattis mana maree Maasaachuuseet galuuf deeggarsa akka taasisaniif uummata naannoo isaa yeroo gaafataa ture.

Akkasumas garee miidiyaa Jooy Baayidan irraa qulqulleeffanneerra. ''Pirezidaantiin filataman karaa tiwiiteraas tahe ibsa dhimma ykn filannoo Yugaandaa irratti kennan hin qaban'' jedhan.

Ergaan Tiwiiteraa dhiyoodha jedhamu kan Baayidan Yugaandaa ilaalchisee maxxansan bara 2019 yoo tahu, sunis dhimma mirga jaalattoota saala wal fakkaataati.

Baaraak Obaamaanis harka keessaa hin qabu

Ji'a darbe keessa pirezidaantiin duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaan garee mormitootaa akka deeggaranitti miidiyaa hawaasaa irratti haasa'amaa ture.

Screengrab of Twitter post labelled "fake

Obaamaan Tiwiitera isaanii irratti haashtag gochuun #Boobii waayin gadhiisaa, jechuun akka barreessan mul'ata.

Garuu maxxansa Obaamaa guyyaa sanaa keessa waan akkanaa yoo ilaalamu inumaa hin jiru. Suuraa kaafamuun tiwiiterri maxxanfame garuu gara miliyoona tokkootti kan siqu tiwitera irratti deebifamee maxxanfameera.

Dogogora qubee jecha ''iphone'' jedhu irratti qubee guddaa fayyadamuun ''Iphone'' jechuun maxxanfameera.

Akkasumas abbaa qabeenyummaa fayyadamaa sanaa kan adda baasu Tiwiitera irratti halluu cuquliisaan kan taa'uu qabus halluu adiin mul'ata.

Suuraan kaafamee maxxanfame kunis karaa interneetaa oduuwwan sobaa maxxansuuf fakkeessanii baasuun kan itti fayydaman fakkaata.

Boobii Waayin haala adeemsa siyaasaa isaa dubbachuu dideeraa?

Miidiyaan hawwaasaa mootummaatti hidhata qabu kaadhimamaan paartii mormituu Boobii Waayin gaaffiif deebii raadiyoo tokko irratti taasiseen waa'ee adeemsa siyaasaa isaa haasa'uu dide kan jedhu maxxanfamaa ture.

Suuraa miidiyaa hawaasaa irra deemaa ture, Soba tahuu adda baafame

"Keessumeessaa, raadiyoo kana irratti amma yeroo gahaa hin qabu, gara gaaffii biraatti darbina,'' kan jedhu deebii Boobii Waayin kenne jedhame.

Garuu dhimmoota hedduutu as keessatti dogogoradha. Suuraan miidiyaa irratti qoodamaa ture kan Raadiyoo Wa 89.8FM kan Kaaba Yugaandaa jiruuti.

Haa tahu malee inni kan miidiyaa sana irratti dhiyaate ji'a Sadaasaa keessa yoo tahu maxxansi amma mul'atu garuu walakkaa ji'a Muddee keessa kan turedha.

Akka jedhanitti gaaffiif deebii Boobiin taasise naannoo Kabale jedhamu Kibba Lixa Yugaandaattidha. Achi miidiyaan jiru ammoo Hiilsi FM 100.4 dha.

Dhugaadha miidiyaa kana irratti Boobii Waayin dhiyaatera. Garuu buufatichi akka jedhetti dhimma siyaasaa isaa yeroo mana maree ture kaasee haasa'eera. Waan hojjetes himeera jedhan.

Kun wallakkaa ji'a Muddee kana keessa ture.

Eeyyee, gaaffii kana gaafatameera. pirojeektota keessatti hirmaate kaasuun waan hojjetaa ture ibseera.,'' jedhan hogganaan buufata Raadiyoo sanaa Niik Kanyesigiye.

Qondaalli paartii Boobii Waayin irraas kana BBC'f mirkaneessera.

Kun waraqaa sagalee itti kennan miti

waraqaa filannoo fakkeeffamee hojjetame

Komishiniin filannoo biyyittii waraqaan filannoo amma baase kana qofa miti.

''Komishiniin filannoo waraqaa filannoo pirezidaantummaa bara 2021 amma hin maxxansine. Mee dhiisaamee'' jedhe komishinichi.

Agarsiiftuun waa akka dogogorame himu jira.

Filannoo darbe irratti waraqaan filannoo maqaa kaadhimamtootaa irraa gadi tarreeffaman qaba. Akkasumas suuraa fi mallattoo paartii isaanii fi bakka qullaa gara xumuraatti bakka sagaleen kennamu ofirraa qaba.

Kan amma miidiyaa hawasaa irra jiru ammoo jalqaba irratti kan ofirraa qabu suuraa kaadhimamtootaati.

Dubbii himaan komishinichaa Pool Bukenyaa, guyyaa filannoo dursinee filattoota barsiisuuf fakkeenya kan tahu kan maxxansine jira jedhan.

Haa tahu malee maqaa sirrii kaadhimamtootaa ,suuraa fi mallattoo paartii hin fayyadamne jedhan. Fakkeenyaan barsiisuuf qofa jedhan.