Humni galaanaa Indoneeshiyaa naannoo xiyyaarri itti kufe bare jedhe

Aanga'oonni Indoneeshiyaa qaama galaanaa Xiyyaarri Indoneeshiyaa Sanbata kaleessaa Magaala guddoo biyyattii Jaakaartaarraa akkuma ka'een itti kufe bira gahuu beeksisan.

Xiyyaarri kun namoota 62 fe'atee buufata Xiyyaaraa Jakaartaa jiru irraa ka'ee daqiiqaa afur keessatti raadaariin ala ta'e.

Xiyaarichi Kibba biyyattii bulchiinsa Kalimantaan jedhamutti imalaa ture.

Dilbata qaamni xiyyaarichaa galmee balalii qabu gariin argameera.

Bakka xiyyaarrii kun kufuu hin oolu jedhamutti dooniiwwan 10 barbaacharra jiru.

''Bakka lamatti mallattoo(signal) arganneerra, black box ta'uu danda'a'' jedhan hoogganaan Ejensii barbaachaafi baraarsaa Baagus Puruhiito.

Barbaacha hanga ammaa godhameen caccabaa qaama xiyyaarichaatii jedhame irratti qorannoo dabalataa gochaa akka jiran qorattootni ibsaniiru.

Dubbii himaan Poolisii Jaakaartaa Yusriin Yunuus, caccaabaan qaama xiyyaarichaati jedhame shaanxaan lama Ejensii barbaachaafi baraarsaarraa fudhatamuu himaniiru.

''Shaanxaan inni tokko meeshaalee imaltootaa qaba, kan biroon ammoo qaama xiyyarichaa qaba'' jechuun gaazexessitootan kan himan yoo ta'u, adda baasuutti akka jiranillee himan.

Barbaachi Sanbata eegale halkan adda citee Dilbata bariin eeegaluufi Xiyyaarotni afur barbaacha kana keessatti qooda fudhachaa akka jiran ibsameera.

Gosti xiyyaaraa kun Boeing 737 haa ta'u malee gosa xiyyaaraa isa Itoophiyaafi achuma Indoneeshiyaatti kufee lubbuu namoota hedduu erga gaaga'e balali'uu akka dhaabu godhame Boeing 737 Max miti.

Xiyyaara kana maaltu mudate?

Xiyyaarri Booyingi 737 kun magaalaa guddiitti Indooneeshiyaa Jakaartaa irraa akkum ka'ee balalii eegaleen ture kan achii buuteen isaa dhabame.

Xiyyaarri Boeing 737 abbaan qabeenyummaa isaa kan Daandii Qilleensa Sriwijaya ta'e kun gara magaalaa Pontiyanak imalaa utuu jiru akka dhabame aanga'oonni ibsaniiru.

Marsariitiin balalii hordofu 'Flightradar24.com' jedhamu xiyyaarichi daqiiqaa tokkoo gad keessatti gara meetira 3,000 gadi bu'ee akka ture ibseera.

Namoonni ijaan argu himanis yoo xinnaate dhohinsa tokko dhageenyeera jedhan.

Qurxummuu kiyyeessa kan ture Solihin akka BBC Indoneshiyaatti himeetti, cacabu arguufi innis gara lafaatti lafaatti deebii'uuf murteessuu hime.

''Xiyaarichi akka bakakaatti galaana keessatti kufuufi bishaan keessatti dhowee'' jedhee.

"Baayyee nutti dhihoo ture, irraa caabaan isaatu bidiruu kiyya rukuteeti oolee.''

Jiraattoonni odoola dhiheenya bakka xiyyaarichi itti bakka buteen isaa dhabameetti argaman hedduunis, meeshaa kan xiyyaaricha irraa bahe jedhan argachu BBCtti himan.