Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xiyyaarri imaltootaa Indoneeshiyaa kufee cacabuu akka hinollee shakkameera
Xiyyaarri Indoneshiyaa imaltoota gara 62 ol ta'an qabatee balali'uu akkuma eegalee achi buuteensaa dhabame tarii kufee cacabuu akka hinollee shakkameera.
Xiyyaarri Booyingi 737 kun magaalaa guddiitti Indooneeshiyaa Jakaartaa irraa akkum ka'ee balalii eegaleen ture kan achii buuteen isaa dhabame.
Xiyyaarri Boeing 737 abbaan qabeenyummaa isaa kan Daandii Qilleensa Sriwijaya ta'e kun gara magaalaa Pontiyanak imalaa utuu jiru akka dhabame aanga'oonni ibsaniiru.
Marsariitiin balalii hordofu 'Flightradar24.com' jedhamu xiyyaarichi daqiiqaa tokkoo gad keessatti gara meetira 3,000 gadi bu'ee akka ture ibseera.
Namoonni ijaan argu himanis yoo xinnaate dhohinsa tokko dhageenyeera jedhan.
Qurxummuu kiyyeessa kan ture Solihin akka BBC Indoneshiyaatti himeetti, cacabu arguufi innis gara lafaatti lafaatti deebii'uuf murteessuu hime.
''Xiyaarichi akka bakakaatti galaana keessatti kufuufi bishaan keessatti dhowee'' jedhee.
"Baayyee nutti dhihoo ture, irraa caabaan isaatu bidiruu kiyya rukuteeti oolee.''
Jiraattoonni odoola dhiheenya bakka xiyyaarichi itti bakka buteen isaa dhabameetti argaman hedduunis, meeshaa kan xiyyaaricha irraa bahe jedhan argachu BBCtti himan.
Ministeerii Geejjibaa hojiin barbaaduufi baraaruu akka jalqabame himaniiru.
Daandii Qilleensa Sriwijaya dhaabbata tajaajila biyya keessaa kan kennu yoo ta'u, odeefannoo xiyyaara achi buuteen isaa dhabamee kanaas sassabbachaa akka jiru ibseera.
Akkaa galmee irraa barametti xiyyaarri Boeing 737-500 kun xiyyaara waggaa 27f tajaajiledha.
Maatiifi firoonni imaltoota xiyyaara kanarra turanii bakka buufata xiyyaaraa inni itti imalaa turetti eeggachaa turan 'oduu maal dhageenya' jechuun dhiphachaa jiru.
Moodeliin xiyaara amma achi buuteen isaa dhabame kun Boeing 787 Max kan kanaan dura achuma Indoneeshiyaafi Itoophiyaatti balaan irra ga'ee akka hin ta'iinis ibsameera.
Suuraleen wantooota xiyyaara irraa caccabanii fakkatan TV fi miidiyaalee hawaassummaa irrratti mul'ataniiru.
Jiraattonni oddolaa naannoo xiyyaarichi itti badee, wantoota xiyyarachaarraa caccabaniidha jedhani yaadan arguu isaani BBCtti himaniiru.
Balaan xiyaaraa Boeing 787 Max waggoota lamaan dura Indoneeshiyaatti qaqqabe lubbuu namoota 189 galaafatee ture.
Xiyyaarri Boeing 787 Max balaan mudate sun abbaan qabeenyummaa isaa kan Laayen Eyir yoo ta'u, xiyyaarichi galaanarratti ture kan kufe.
Biyya Idoneeshiyaa keessatti kan xiyyaaraa dabalatee geejjibawwan gara garaa balaan mudatu bir-qabaan irra deddeebiin uumamu.
Kanaaf ammoo sababiin dhiyaatu sochiin baay'een jiraachuu, bu'uuraaleen misoomaa dulloomoo ta'uufi sadarkaan nageenya hordofuu laafaa ta'uu isaati.