Filannoo US: Tiraamp Joorijiyaatti injifannoo Baayidan garagalchuuf sagaleen akka barbaadamuuf gaafatan

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp wayita qondaala filannoo olaanoo Joorjiyaatiin bu'aa filannoo Baayideen garagalchuuf sagalee ''gahaa'' akka barbaadaniif gaafachuun ergaa sagalee waraabamee tureen beekameera.

Tiraamp ''sagalee 11,780 qofa akka naaf agartuun barbaada'' jechuun Barreessaa Ripablikaanoota Biraad Raafenspeergeer yoo gaafatan sagaleen dhagaahamu Washington Post' argateera.

Raffensperger garuu bu'aan filannoo Joorjiyaa sirriidha wayita jedhu dhagahama.

Joo Baayidan bulchinsoota kaan waliin Joorjiyaa irratti mo'ateera. Walumaagalattis sagalee elektoraal kolleejjii 306 yoo injifatan, Tiraamp ammoo 232 argatan.

Erga filannoo Sadaasa 3 asi, Tiraamp ragaa qabatamaa tokkoolleen osoo hindhiyeessiin filannichi waliin dhahamu himachaa turan.

Bulchiinsoonni 50nu kaan erga irra deebiin lakkaa'aniifi iyyannoo seeraatiin booda bu'aa filannoo mirkaneessaniiru. Hanga ammaattis manneen murtee biyyatti himannaa injifannoo Baayidan irratti dhiyaatan 60 kuffisaniiru.

Kongirasiin Amajjii 6 ifatti bu'aa filannichaa mirkanneessa.

Paartii Dimokraatii irraa kan ta'e Baayidan Amajjii 20 pireezidantii biyyattii ta'uun muudamu..

Filattoonni Joorjiyaa bulchinsichaaf seenaataroota lama irra deebiin Kibxata filachuuf. Bu'aan kunis madaalli aangoo Seeneetii keessaa kan murteessu ta'a. Yoo dorgomtoonni Dimokraasii lama mo'atan, lakkoofsi Ripablikaanootaafi Dimokraatootaa wal qixa ta'a.

Dimokraatoonni Baayidan mana maree bakka bu'ootaa to'ataniiru.

Wayita bilbilaniitti maaltu ta'e?

Waraabbii sagalee 'Washington Post'n gadhiifameen Tiraamp wayita qondaala filannoo Joorjiyaa irratti dhiibbaa taasisan dhagahaman.

Joorjiyaa keessatti filannicha injifachuu irra deebiin kaasuun qondaala bulchinsichaatiin ''yoon irra deebiin lakkaa'ii siin jedhe rakkoo omaa hinqabaatu'' jedheen.

Raffensperger garuu ''Pirezidaantii qormaatni ati qabduu, daataan ati qabdu dogongor ta'uudha,'' jedhee deebiseef.

Tiraamp waanti haasa'amaa jiru saanduqni sagalee saaqamuun, maashiniin filannoo ammoo kaawuntii Fulton keessaa akka kaafameedha jedhan. Abookaatoon qondaala filannoo bulchaansichaa garuu himannaan kun soba jedhan.

Isaan boodas pirezidaantichi seeraan gaafatamu akka danda'u qondaalicha doorsiisan.

''Waan raawwatan ni beekta, garuu hingabaafne. Inni sun yakkaati. Sun akka ta'u hayyamuufii hinqabdu turte. Innis siifi abukaatoo kee Ryaaniidhaaf balaa guddaadha'' jedhan Tiraamp.

Kanaafuu Raffensperger bu'aa filannoo bulchiinsichaa irra deebiin akka xiinxalu itti himan.

''Irra deebiin xiinxalu dandeessa. Garuu namoota deebii barbaadan waliin xiinxali, namoota kanneen deebii hinbarbaadne walii miti'' jedhan.

"Mr Pirezidaanti, namoota odeeffannoo galchan qabda, Nutis namota odeeffannoo galchan qabna. Kanaafu mana murtiitti haa dhiyaatuutii manni murtii irratti haa murteessu,'' jechuun deebiiseef.

''Lakkoofsi keenya sirrii akka ta'an waan amannuuf ejjanoon keenya sanuma.''

Tiraamp tiwitara guyyaa Dilbataa barreessaniin, waliin dha'aa filannoo pirezidaantiin raawwatamu himataniif Raffensperger gadi fageenyasaa hinkenniine jedhan. ''yaadumasayyyuu hin qabu jechuun barreessan.

Raffensperger deebii ittiin kennaniin akkas jedhan: "Kabaja waliin, Pirezidaanti Tiraamp: Kan jechaa jirtu dhugaa mit. Dhugaan ni baha.''