Faransaayitti namoonni 2,500 ol ragada seeraan alaa irratti hirmaatan poolisiin walitti bu’an

Faransaayi wayita koroonaavaayirasiin hubamaa jirtu kanatti namonni 2,500 ol ta'an sagantaa dhichisaa seeraan ala irratti walitti qabamuun barame.

Sagantaan mana kuusaa bakka Liroon jedhamtu kan naannoo Biriitaaniitti argamtu keessatti Kamisa eegalame, ammallee itti fufee jira.

Akka poolisiin jedhutti, warreen ragada kanarratti hirmaatan keessa lammiileen UK fi Ispeen ni argamu.

Hirmaattonni poolisii waliin walitti bu’anii jiru, konkolaataa tokko gubuun poolisoota saganticha dhaabsisuuf yaalanirratti meeshaalee darbachaa turan. Amma yoonaattis yoo xiqqaate poolisoonni sadii miidhamaniiru.

Ibsi angaoota naannoorraa ba’e: "Poolisiin sagantichi akka dhaabbatuuf yaalii taasisus, warreen hirmaatan kan dhaga’an miti," jedha.

Sagantaa kanarratti kan hirmaatan keessaa tokko maqaa Joo jedhuun of waamee yaada AFP’f kenneen, ‘‘nama muraasa qofatu dambii walirraa hiiquu kabajaa ture’’ jedha.

Muraasni isaaniis konkolaataa keessa rafuun gara shubbisaatti kan deebi’an yoo ta’u, hanga Dilbataatti turuuf yaada kan qabanis jiru. Inumaa Kibxatatti osoo achi siqee kan jedhanis hin dhabamani, akka ‘Le Monde’ gabaasetti.

Namni biraa tokko akka jedhetti sagantichi nyaataafi dhugaatiin guutamee ‘‘haalaan kan qindaa’edha’ jedhe.

Ministirri haajaa dhimma keessaa Faransaayi Jeeraaldi Daarmaaniin Jimaata kaleessaa dhimma sagantaa kanaarratti mari’achuuf wal-ga’ii hatattamaa waamanii turan.

Akka isaan jedhanitti, karaa konkolaataan itti ba’u hundi cufamee namoota 200 ol ta’aniif akeekkachiisni afaanii poolisiidhaan kennameeraaf.

Faransaayitti poolisoonni kuma 100 caalanis seera uggura sa’aa cimaa biyyattiin keessatti labsame hojiirra oolchuufi warra kana cabsuun sagantaa ragadaa qopheessan adamsuuf biyyattii guutuutti bobba’anii jiru.