Baatii Muddee keessa qofa Itoophiyaatti balaan ibiddaa meeqa akka qaqqabe beektuu?

Magaalaa Sooddootti lafa gabaa 'Markaatoo'tti balaa ibida qaqabe

Madda suuraa, Wolaita Zone chief Administrator's

Itoophiyaatti bara kana baatii Muddee keessa qofa magaalota adda addaa keessatti balaawwan ibiddaa hedduun qaqqabeera. Sababa kanaanis qabeenyi birrii miiliyoona hedduutti tilmaamamu barbadaa’eera.

Balaan qaqqaban kunneen irra caalaan lafa gabaattii yoo tahu, balaa manneen jireenya irrattis qaqqabeen jiraattoonni qe’ee isaaniirraa haalli itti buqqa'an jira.

Balaawwan ibiddaa BBCn gabaasawwan oduu gargaraa irraa walitti qabe keessaa kan baatii Mudde kana keessa mudatan hedduudha. Sababii isaa tilmaamuuf garuu ni rakkisa.

Ta'us balaawwan ibiddaa baatii kana keessa qaqqaban kanneen qofa ta'uu baatan illeen, kan odeeffannoo argame guyyaa itti mudatan waliin akkanaan qindeessineerra.

Haramaayaa

Baatii Muddee ALI 8, 2013tti balaa ibiddaa dallaa Yunivarsitii Haramaayaa keessatti Gamoo 3 jedhamuufi bakka bulmaata barattootaarratti balaan qaqqabu, Itti gaafatamaan daarektoreetii Sabaa himaan yunivarsitichaa beeksiisanii turan.

Balaan sunis bakka to'annoo elektirikiin irraa ka'utuu himame. Balaa sanaanis qabeenyaarra miidhaa qaqqabuun ala namni akka hinmiidhamne himameera.

Magaalaa Buraayyuu

Magaalaa Buraayyuutti balaa ibiddaa Muddee 9 bara 2013tti qaqqabeen, qabeenyaan qarshii miliyoona 10tti tilmaamamu barbadaa'uu miidiyaaleen gabaasaniiru.

Tibba sanattis komishiniin hoggansa hojii balaafi ibiddaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ibiddichi guyyaa sa'aatii 8 irratti ka'u ibse jira. Balaa ibiddaa qaqqabeenis qabeenyaa qarshii miliyoonaan lakkaa'amu barbadaa'uu beeksiise.

Balaan kun magaalaa Buraayyuu Gafarsa Nonnoo ganda maqaan addaa Gabireel jedhamutti yoo ta'u, suuqiiwwan 16, manneen jireenyaa sadiifi manneen dhugaatiifi resitoraantiin sadii gubeera.

Itti gaafatamaan koomishinichaa balaa kanaan namarratti miidhaan akka hin geenye eeruun, ibiddicha to’annoo jala oolchuuf sa’aa tokkoofi walakkaa fudhachuu dubbatanii turan.

Walaayittaa Sooddoo-Gabaa Markaatoo

Walaayittaa Sooddoo ‘Gabaa Markaatootti’ ibiddi sababiinsaa hin beekamne kan ka’e Dilbata Muddee 11 bara 2013 ture.

Yeroo sanatti ibiddicha dhaamsuuf gareen ittisa balaa magaalaa Walaayittaa Sooddoo tattaafatus qilleensi jabaa waan tureef saffisa olaanaan tamsa’uu danda’eera.

Balaan kun suuqiiwwaniifi dhaabbilee biroo barbadeesseera.

Ibidda ganama ka’e to’achuun kan danda’ame sa’atii 6:20 irratti tahuu bulchiinsi magaalichaa beeksiseera.

Bulchaan olaanaa Walaayittaa Sooddoo Dr Indiriyaas Geetaa balaa mudate to’achuuf hawaasa, hoggansaa fi godinaaleen wal-daangessan qooda fudachuun miidhaa qaqqabuu danda’u hir’iseera jechuun koomnikeeshiniin godinichaa gabaaseera.

Magaalaa Sooddootti balaan akkanaa kan qaqqabe yeroo shanaffaaf yoo tahu, furmaata waaraa fiduuf wiirtuu kana ammayyessuun akka barbaachisu himaniiru.

Balaa ibiddaa Walaayittaa Sooddootti qaqabee

Madda suuraa, Wolaita Zone Chief Administrator's

Magaalaa Baahirdaar

Magaalaa Baahirdaarittis Muddee 13 bara 2013 ganda 3 Gooroo Baahir jedhamuutti balaa qaqabeen manneen jireenyaa 22 irra miidhaan qaqqabuun barame.

Itti gaafatamaan Qajeelcha Poolisii bulchiinsa Magaalaa Baahirdaar Inspeektarii mummeen Asaffaa Nugusee, ibiddichi wayita buddeena tolchaniitti wantoota boba'aniin kan ka'e ta'u midiyaaleetti himan.

Balaa qaqqabeenis abbootiin warraa 22 manni jireenyaasaanii kan jalaa barbadaa'ee yoo ta'u, kunis maallaqaan gara qarshii kuma 300tti kan tilmaamamu ta'u inspeektarichi dubbataniiru.

Jiraattoonni mannisaanii jalaa gubatees ibiddichi guyyaa keessaa sa'aatii 7:00 irratti akka ture himan.

Magaalaa Jigjigaa

Magaalaa Jigjigaa ganda 02 naannoo Dibaaraashuu jedhamutti Mudde 14, 2013 guyyaa keessaa sa’atii sagalitti balaan ibiddaa qaqqabee ture.

Ibddichi sababa maaliin akka ka’e beekamuu baatus suuqii tokko keessatti jalqabuunsaa himamee ture.

Namarratti miidhaan qaqqabuu baatus iddoo daldalaa torba waliingahuusaan balaa olaanaa geessiseera.

Balaa kanaan walumaagalatti qabeenyi birrii miiliyoona 1.2 tahu barbadaa’uun ibsamee ture.

Walloo Kibbaa aanaa Maqdalaa

Godina Kibba Walloo aanaa Maqdalaa magaalaa Maashaatti Muddee 14 bara 2013 sa’atii 3:30 balaa ibiddaa sababa elektiriikiitiin ka’een sheediiwwan lama miya keessa jiru hunda waliin manca’uun kominikeeshiniin aanichaa ibseera.

Balaa kanaan qabeenyi namoota dhuunfaa 23 fi kan dhaabotaa miiliyoona tokkoo ol tahus barbadaa’eera.

Godina Kibba Walloo aanaa Maashaa buufata konkolaataa haaraatti balaa qaqabe

Madda suuraa, Mekedela Woreda Communucation

Godina Halaabaa

Mudde 18 bara 2013 Godina Halaabaa aanaa Weeraatti balaa ibiddaa qaqqabeen manneetiin jireenyaa 11 gubachuu ejansiin raadiyoo fi TV naannichaa ibsee ture.

Ibiddi kun ganama sa’atii 5:00tti kan ka’e yoo tahu, manneetiin jireenyaa 11 gubachuufi qabeenyi barbadaa’uu bulchaan aanichaa himaniiru.

Bulchiinsichi waqtiin bona gatii tureef hawaasni akka of eeggatu akeekkachiisa kenneera.

Godina Hadiyyaa

Godina Hadiyyaa aanaalee lamatti Mudde 18 fi 19 2013 balaa ibiddaa qaqqabeen miseensonni maatii 510 tahan qe’ee isaaniirraa buqqa’uu waajjirri yaaddoo balaa godinichaa ibseera.

Itti gaafatamaan waajirichaa Obbo Saamu’eel Shugguxee aanaalee godinichaa Eeraa Gemeedoo,Kunaafaa fi Gunaa Meegaachoo akkasumas aanaa Leemoo, Oomoo Shooraa gandoota afur keessatti balaa ibiddaa qaqqabeen manneetiin jireenyaa qorqorroo lamaafi godoon 45 guutummaatti barbadaa’aniiru jedhaniiru.

Balaa kanaan miidhaan namarra gahe hin turre.

Haa tahu malee hindaaqqoowwan 128, gosa midhaanii garaagaraa kuntaala 143 fi gaagurri kannisaa 48, miya manaa fi kuduraa fi muduraa, walumaagalatti qabeenyi birrii miiliyoona 23 tahu badeera.

Godinichatti baatii Mudde keessa qofa magaalaa Hosaa’inaafi aanaaleetti suuqiiwwan 15 fi manneetiin jireenya 47 yoo gubatan qabeenyi qarshii miiliyoona 33n tilmaamamu barbadaa’uu koominikeeshiniin naannichaa ibseera.

Godina Lixa Oomootti kan mudate

Naannoo Kibbaa godina lixa Oomoo aanaa Beeroo, ganda Shoolaa gaafa Mudde 19 bara 2013 balaa ibiddaa mudateen qabeenyi birrii miiliyoona 586 baasu baduun himameera.

Bulchiinsi aanaa Beeroo Obbo Doontas Baayikan miidiyaa naannichaatti balaan kun Mudde 19 bara 2013 qaqqabuu himan. Ganda Shoolaa jedhamuttis miidhaa olaanaa geessiseera jedhan.

Balaa kanaan jiraattonni 16,000 ol tahan mana jireenyaa isaaniirraa buqqa’uu bulchaan aanichaa himaniiru.

Naannichatti tajaajilli baankii waan hin jirreef maallqa dabalatee manneetiin jireenyaa 1000 ol tahaniifi dhaaboti daldalaa guutummaan barbadaa’uu Obbo Daantos himaniiru

Sababiin balichaa qoratamaa jiraachuu yoo himan, waldaaleen 37 warqee baasuun of deeggaran qabeenyi isaanii hundi barbadaa’eera.

Balaa kanarraa dhaaboliin hafan muraasni kannneen akka manneetii amantaa fi manneetiin barumsaa warreen qabeenyi isaanii jalaa gubateef dahoo akka tahan hojjechaa jiraachuu ibsanii turan.

Dabira Maarqoos

Balaa ibiddaa magaalaa Dabira Maarqoos ganda 05 lafa gabaa 'Guulliit Gabaa' jedhamutti Muddee 22 bara 2013tti qaqqabeen qabeenyi badeera.

Balaa kanaan namarratti miidhaan akka hin geenye kantiibaan itti aanaa magaalattii Malaakuu Mulaat sab-quunnamtii naannoo Amaaraatti himaniiru.

Balaan kun galgala sa’atii 3:00 irratti kan qaqqabe yoo tahu suuqiiwwaniifi baayyeen barbadaa’aniiru.

Ibidda kana hawaasaa fi caasaan nageenyaa waliin tahuun to’achuun danda’ameera jedhan.

Sababiin balaa ibidda kanaa qoratamaa akka jiru Obbo Malaakuun himaniiru.