Yuuniversitiin Walaayittaa Sooddoo naamusa uffataa fi rifeensaa irratti seera cimaa baase

Yuuniversitiin Walaayitaa Sooddoo ALI Muddee 13 jalqabee barattoota naamusa uffataa fi rifeensaa badaa agarsiisaniif bakka akka hin qabne ibseera.

Barataas ta'e hojjetaan yuuniversitichaa rifeensi sirnaan yoo hin sirreeffannee fi uffannaa naamusaan alaa uffatee yoo argame seeraan akka gaafachiisu bulchiinsi yuuniversitichaa akeekkachiiseera.

Dhimma kanarratti kan gaafanne Pirezidaantiin yuuniversitichaa Pirofeesar Taakalaa Taaddasaa, Kana dura diinii barataa ta'ee dhimma kanarratti yeroon hojjechaa ture yoo qullaa deeman maaltu sidhibe jedhameera jedhan.

''Lammiileen Itoophiyaa maaliif qullaa deemu? Naamusa badaa akka horatan maaliif ta'a? Wanti guddaan

xiyyeeffannoo itti kennaa hojjedhaa jedhamne naamusa barattootaa ijaarurrattidha. Beekumsa hawaasa keessa jiru

barumsa ammayyaa waliin wal simsiisnee hubachiisuu qabna.''

Dhimma naamusa uffannaa hawaasa yuuniversitichaa irratti sakatta'iinsa taasisaniin amaloonni adabaan ala ta'an mooraa keessatti hundee godhachaa jiraachuu adda baasuu himan Pirofeesar Taakkalaan.

''To'annoo gaafa Sambataa taasifameen dubartoonni qoloo paantii agarsiisu hanga gubbaatti tarsaasanii osoo yunivarsiitii seenanii argamaniiru. Barataan maatii, jaarsolii biyyaa, abbootii amantiifi barsiisaa isaa hin kabajne akkamiin biyya fayyada'' jedhan.

Pirezidaantiin Gamtaa Barattootaa Yuuniversitii Walaayitaa Sooddoo Zagayee Gabramadin, seera haaraa ba'erratti komiin ture sirrateera jedha.

''Waardiyyaa waliin wal falmuun ture. Isa furaa dhufne. Rifeensi barattoota dhiiraa eeyyamame sentimeetira 1 dha. Isarrattis falmiin ture.''

''Gidduu keessa barataafi manejimantii waliin mari'achuun komiiwwan ka'an sirreessineerra. Waan bara darbe hojiirra ooleef, barana waan ulfaatu hin qabu.''

Barataan dirqama fudhatee bor hawaasatti waan dabalamuuf gamanumaa naamusa gaarii horachuun dirqama jedha.

''Boru baane hawaasatti dabalamna. Kanaaf naamusa qabaachuu qabna. Ta'us, bakkeewwan tokko tokkotti sababa aadaatin rifeensa kan guddisan jiru. Yoo yaadni isaani fudhatame rakkoo hin qabuun jedha. Kuni hundi kan taasifamu barataadhumaafi. Waan biraaf miti.''

Seerri ittiin bulmaataa kun maal jedha?

Yuuniversitichi gochaawwan adabbii naamusaaf nama saaxilan jechuun kan tarreesse akka armaan gadiitti ibseera.

Dubartoonni beekaa uffata bututaa fi qaamasaanii kanneen akka qomaa fi taa'aa sirriitti adda baasee mul'isu yoo uffatan ni adabamu.

Qoloo/wandaboo jilbaa olitti uffachuu, rifeensa qalamii dibuu, urgooftuu foolii jeequ qabu dibachuu, kophee sagaleedhaan nama jeequ uffachuun daree barnootaa, mana kitaabaa fi laabraatoorii seenuun nama adabsiisa.

Waliigalatti qulqullina dhuunfaa eeggachuun dirqama ta'uu yuuniversitichi seerateera.

Dhiironni ammoo rifeensa isaanii saantimeetira tokko kan hin caalletti sirreeffachuu qabu, rifeensatti danaa adda addaa baasuu fi bacancarsanii deemuun seeraan nama adabsiisa.

Beekaa uffata bututaa uffachuu fi huccuu qama keessaa mul'isu uffachuunis akkasuma.

Koofiyyaa uffachuu fi rifeensatti qalama dibuunis dhorkaadha.

Seerri ittiin bulmaataa kun ALI Muddee 13 irraa eegalee kan hojiirra oolu yoo ta'u, hojiirra oolmaasaa qaamoleen nageenyaa yuuniversitichaa itti dhiyeenyaan hordofu.