Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp gamoowwan mootummaa federaalaa haaraa ijaaraman 'bareedaa' ta'uu qabu jedhan
Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp qajeelfama haaraa mallatteessaniin, gamoowwan mootummaa federaalaa gara fuuladuraatti ijaaraman ''miidhagaa'' tahuu qabu jedhan.
Keessattuu haala ijaarsa Giriik fi Romaa durii fi kan walfakkaatuun midhaaffamuu qabu jedhan.
Labsiin mallatteessan (executive order) waan jedhu, gamoowwan federaalaa hedduun dizaayina 'gara-jabeessummaa' jaarraa darbee agarsiisu.
Akka labsii kanaatti, gamoon haaraa ijaaraman, mallattoo ''jaalatamaa'' Ameerikaa kan ta'e, gamoo Waayit Hawus fakkaachuu qabu jedha.
Murtee kana kanneen aadaa jabeessan kan jaalatan oggaa tahu, hedduun garuu gammadoo miti.
Institiyuutiin Arkiteektotaa Ameerikaa murtee kana ''guutummaan guututti ni mormina'' jedheera.
Labsii kanaan manni maree haaraa ni hundaa'a - manni maree kunis pireezidantii biyyattii gamoowwan federaalaa ijaaraman irratti ni gorsa.
''Dizaayinoonni gamoo federaalaa haaraa, mallattoo jaalatamoo Ameerikaa fakakachuu qabu. Akkasumas iddoo hawaasaa midhaassuufi guddisuu qabu, hafuura namaattis kan abdii horan tahuu qabu. Yunaayitid Isteetif ulfina kennuu qabu....'' jedha labsiin haaraa bahe kun.
Pireezidant Traamp kan qabeenya isaanii manneen ijaaranii gurguruun horatan, erga filmaata marroo lammeessoo mo'amanii booda, aangorra turuuf torban muraasatu hafa.
Labsiin 'executive order' Tiraampiin mallattaa'e kun akka jedhutti, gamoowwan magaalaa DCtti dhiyeenya kana ijaaraman ''dizaayinoota duriifi jabanaa waldidan'' uumaniiru.
Muraasarraa kan hafe, ''mootummaan gamoowwan babbareedoo ijaaruu dhiiseera,'' jedha.
Malootni arkiteekchara kilaasikaalaafi aadaa ''busheeffamuu mannaa, jajjabeeffamuu qaban,'' jedha labsiin Tiraamp mallatteessan kun.
Wixineen labsii kanaa ji'ootaan dura uummatatti gadu ba'ee kan ture oggaa tahu, dhaabbilee dhimma kanarratti hojjetan American Institute of Architects fi National Trust for Historic Preservation jedhaman irraa mormiin mudatee ture.
Guyyaa Wiixataa institiyutichi akka jedhetti ''hawaasni mirgaafi ittigaafatamummaa dizaayina arkiteekcharaa kamtu fedhii isaanii guutuu akka danda'u ofii murteeffachuu qabaachuu qabu,'' jedhe.