Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ijoolleen 'Maaraadonaan abbaa kiyya' jedhan baayyannaan sirni reeffa gubuu tursiifame
Gameessa kubbaa miilaa kan ture lammii Arjeentiinaa Diiyaagoo Maaroonaan sababa ijoolleen abbaa keenya jedhan baayyataniif sirni gaggeessaa reeffaa inni dhumaa akka turu taasifamuun himame.
Manni martii qacceen sanii (DNA) Maaraadoonaa qorannoof waan barbaadamuuf 'haaluma jiruun eegamee' haa turu jechuun murtee dabarseera.
Ammattis reeffi Maaraadoonaa bakka reeffi olkaa'amu kan nama dhuunfaa tokko keessa taasifameera. Kunis sirna reeffa gubuu akka harkifatu godheera jedhame.
Maaraadoonaan baatii darbe keessaa umurii waggaa 60tti dhibee onnee waliin wal qabee du'unsaa ni yaadatama.
Abbaan seeraa reeffii Maaraadoonaa 'haala gaariin eeggamee akka turu' haa taasifamu jechuun ajaja kan dabarsan, sababii dubartii tokko Maaraadonaan abbaa kiyya ta'unsaa hinoollee jechuun mana murtiitti iyyata dhiyeeffateef.
Dhugaa Maaraadoonaan abbaa ishee ta'u adda baasuuf ammoo DNA isaa fudhatamee qoratamuun dirqama waan ta'eef reeffii akka turu taasifameera.
Maaraadoonaan gaa'ila isaa keessatti ijoollee durbaa lama argateera. Erga haadha ijoollee kanneenii adda baheen booda garuu yoo xinnaate ijoollee jaha 'kan kiyya' jechuun fudhateera.
Haata'u malee kanneen haala jireenya isaa beekan ijoolleen inni dhalfate kana akka caalu danda'an tilmaamu.
Du'a isaa hordoofees abbaa kiyya jechuun kan iyyatan baayyee yoo ta'an, shamarreen ammatti mana murtiitti iyyata dhiyeeffatte ammoo Maagaalii Giil kan waggaa 25 ti.
Maaraadoonaan wayita lubbuun jiruutti Maagaaliin intala tiyya jedhee beekamtii kenneefii hinbeeku ture.
Isheenis haala guddifataatiin kan guddattee yoo taatuu, waggaa lamaan dura wayita haadha deesseen wal agarteetti abbaan ishee Maaraadoonaa ta'u danda'a akka jetteen himti.
Viidiyoo Instagram irratti gadiifteenis namoonni maallaqaaf jettee kan gaaffattee jedhanii akka yaadan eeruun, garuu abbaa ofii baruun mirga adeemsa idil-addunyaati jette jirti.
Maaraadoonaan Sadaasa 25 du'usaa hordoofees bakka awwaalchaa Boonas Ayiirasiitti argamutti akka olkaawwamu taasifamee ture.
Haata'u malee manni murtii Sadaasa 30 taa'een waa'ee du'a isaarratti hanga qorannoo gaggeeffamuutti reeffi isaa akka hingubannee ajaja dabarse ture.
Namoonni baayyeen Maaraadoonaan dogongora wallaansaatiin malee hindu'u ture jedhan yaadaniitu jiru. Kanaafu hakiima dhunfaa isaarratti poolisiin qorannoo gaggeessuunisaa ni yaadatama.
Guyyaa kaleessaa ammoo dubartiin intala Maaraadoonaati jettu waan iyyata galfatteef manni murti ammas ajaja kana dabarse.
Haa ta'u malee qacceen sanii saa duraan fudhatamee waan olkaa'ameefu sirna gaggeessaa dhumaa tursiisuun akka hinbarbaachifne himu rooyitarsi abbookaatoo Maaraadoonaa eeruun gabaaseera.
Haalli qabiinsa maallaqaa Maaraadoonaa sirna gaarii kan hinqabne waan tureef, ijoollee seeraafi kanneen abbaa keenya jechuun dhufan jiduutti adeemsi seeraa dheeraa jiraachu akka malu tilamaama.