Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maalaawiin Paastar Bushiiriin Afrikaa Kibbaaf akka dabarfamee kennamu murteessite
Hogganaan waldaa amantii Kiristaanaa lammii Malaawii Paastar Sheefird Bushiirii yakka ittiin shakkameef akka gaafatamu Afrikaa Kibbaaf dabarfamee akka kennamu Malaawiin murteessite.
Ministirri dhimma biyya keessaa Maalaawii Riichaard Baandaa, namni amantii biyyattii Paastar Bushiirii fi haati warraa isaa Maary, Afrikaa Kibbaaf dabarfamanii akka kennaman mallatteessuu miidiyaaleen biyyatti gabaasan.
Afrikaan Kibbaa nama amantaa fi daldalaa kan ta'an Paastar Bushiiriifi haadha warraa isaa yakka maallaqa seeraan ala daddabaarsuu fi waliin dha'uun waan himatteef Maalaawiin dabarsitee akka kennituuf gaafatte.
Abbaan warraa fi Haati warraa garuu yakki dalagne hin jiruu jedhu.
Manni Murtii Maalaawii kanaan dura Afrikaan Kibbaa namootni lameen dabarfamanii akka kennamaniif waan hin gaafanneef akka bilisa ta'an murteessee turus, amma gaaffiin waan dhiyaateef dhimma isaanii ni laala jedhameera.
Akka barruun 'Daily Times' jedhutti manni murtii olaanaa Maalaawii dhimma isaanii Mudde 22 ni ilaala.
Paastar Bushiiriin ji'a darbe Afrikaa Kibbaatti himatamee mirgi wabii eegameefi jennaan gadhiifame.
Mirgi wabii eegameef Afrikaa Kibbaa keessaa akka hin baane kan dhorku ta'us, paastarichiifi haati warraan isaa dhokatanii biyyaa baqataniiru.
Paastarichi lubbuun isaa haala yaadessaa keessa waan tureef biyya gadhiisee bahuuf murteessuu himeera.
Pireezidantiin Malaawii Laazaarus Chaakiweeraa daawwannaa hojiif Afrikaa kibbaa kan turan yoo ta'u, Paastar Bushiiriin akka miliqu gargaaraniiru jechuun komiin irratti ka'eera.
Komii kana hordofees mootummoonni lameen ibsa baasaa turan.
Abbaan qabeenyaa fi Paastarri biyya Maalaawii Bushiiriin tajaajila wangeelaa kan eegale bara 2002'tti waldaa 'Enlightened Christian Gathering Church' banuun yoo ta'u, Waldaan isaa Malaawiin alattillee biyyoota Afrikaa hedduu keessatti damee banateera.
Namni wangeelaafi daldalaa ganna 37 Paastar Bushiiriin hojii kaampaniiwwan isaa Maalaawii, Afrikaa Kibbaa fi biyyoota Afrikaa biroo keessaa qabuun qabeenya doolaara miiliyoona hedduun lakkaawamu horateera.