Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hogganaan Google dhimma Timnit Gabruu irratti dhiifama gaafatan
Hogganaa olaanaan dhaabbata Google Sundaar Pichaayi akkaataa qorattuun hubannoo nam - tolchee (AI) dhaabbaticha gadhiiste irratti dhiifama gaafatan.
Haa ta'u malee, ari'amuu ishee hin dubbanne.
Dhalattuun Itoophiyaa Timniit Gabruu garuu ergaa imeelii dhaabbati Googlee ''sagalee warra dhageetti dhabanii hacuuca'' jedhu hojjetootaaf waan ergiteef ari'amuu himte.
Ergasii hojjettoonni dhaabbatichaa dhibba hedduu ta'an ishee deeggaruun mallattoo walitti qabaniiru.
Obbo Pichaayi dhaabbatichi ''akkatti gadhiiste qoratamuu qaba'' jechuun himani. Akkatti isheen gadhiise jette irratti yaada biraa dhiheessan.
Osoo dhaabbatichaa hin gadhiisin dura Timniit hooggansa garee hubannoo nam - tolchee (AI) Google keessa qooda qabdi.
Dabalataan, waraqaa qorannoo waa'ee hubannoo nam - tolchee dalagdeetti. Ta'us, qorannoo kana akka itti dhiistu gaafatamu himti.
Qorannoon isheen dalagde tekinolojiin afaanii AI kan Google ijaare dabalatee dogongora akka qabu akeekte.
Waraqaan qorannoon kuni maaliif akka dhiifame gaafatu namoota 4,500 qorattoota beekamoo Google, Microsoft, Facebook, Amazon, akkasumas DeepMind dabalatee mallattaa'eera.
Imeelii hojjettootaaf erganiin Obbo Pichaayi ''hojjettuun beekamtuu, gurraattii, akkasumas dubartii kennaa hedduu qabdu Google irraa gadditee bahuu isheetin itti gaafatamummaa fudhachuu qabna,'' jechuun barreessan.
Timniit deebii kenniteen kuni dhiifama gaafachuu miti jette.
Dhimmi kuni dhaabbata Google'f maqaa gaarii itti hin horu.
Tokko heddumina kessumsiisuu dhabuun qeeqamaa ture. Lammatammoo tekinoloojiin AI hojii dhaabbatichaa hedduu keessa hojiirra oolaa jira.