Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'eliifi biyyi arabaa kan biraa Morookoo hariiroosaanii fooyyeessuuf waliigalan
Morookoon biyyi miseensa Liigii Arabaa biroo Israa'el waliin hariiroo tolfachuuf waliigalte taate. Kunis, waliigaltee Ameerikaan qooda keessa qabduudha.
Akkaataa waliigaltee kanaanis naannawa Baha Sahaaraa kan Morookoon kiyya jettuf Ameerikaan beekkamtii kenniti jechaadha.
Naannawi kuni Morookoofi garee Polisaariyoo kan Aljeeriyaan deeggaramuufi bulchiinsa of danda'e ijaaruuf qabsaa'aa ture gidduu madda waldhibdeedha.
Erga baatii Hagayyaatii as Morookoon Israa'el waliin hariiroo yoo tolfattu biyya afraffaadha. Kana dura Biyyoota Arabaa Gamtoomanii (UAE), Baahireen akkasumas Sudaan Israa'el waliin araara buusaniiru.
Masriifi fi Joordaan yoo itti dabalaman immoo Morookoon biyya miseensa Liigii Arabaa jahaffaa Israa'el waliin araara buuste taati.
Waliigalteen kun maali?
Seenaa qabeessadha jechuun Israa'eliifi Morookoon hariiroo dippilomaasii eegaluuf waliigaluu isaanii Pirezidantiin US gaafa Kamisaa tiwiitara gubbaatti ibsan.
Hariiroon kunis diinagdeefi aadaa akka dabalatullee mootii Morookoo waliin walii galuu Tiraamp ibsan.
Waajjiraaleen biyyoonni lamaan Tel Aviviifi Raabaatitti qaban bara 2000'tti cufame. Kunis, fincila Paalastaayin keessa eegalen walqabateeti. Amma imbaasiiwwan akka banaman waliigalan.
Qondaaltonni akka jedhanitti, Morookoon balalii xiyyaaraa kallattii lammiilee Israa'elif ni eeyyamti. Kunis, balalii dhaqaa galaadha.
Murtee kana MM israa'el Beenyaamin Netaaniyaahu ''seena qabeessa'' jedhaniiru.
Ibsa gama TV'n dabarsaniin mootii Morookoo galateeffaniiru.
Waliigalteen raawwachuu ifoomsuun ibsi masaraa Moorokoo irraa bahe mootiin biyyattii Tiraamp waliin bilbilaan haasa'un hariiroon dippilomaasii Israa'el waliin osoo hin turin akka eegalu waliigaluu ibse.
Masrii, UAE, fi Baahireen waliigaltee biyyoota lamaanii simachuun ibsa baasaniiru. Qondaaltonni Paalestaayin garuu qeeqan.
Lixi Sahaaraawoo?
Waayit Haawus akka jedheetti, US bakki Lixa Sahaaraa kan Morookoo ta'u beekkamtii ni kenniti jedheera.
Lafi kolonii duraanii Ispeen kuni Morookootti kan dabalamte bara 1975'ttidha. Ergasii Morookoofi ummata Sahaaraawwii bakkicha jiraatanif kan falmu Polisaariyoo gidduu rakkoo daangaa ta'eera.
Morookoon yeroo hundaa lafichi daangaa ishee keessa akka ta'e ibsiti. Gamtaan Afrikaa garuu akka bulchiinsa of dandeessetti fudhachuun beekkamtii kenneeraaf.
Riphee loltummaan waggaa 16'f ture jaarsummaa UN'n bara 1991'tti xumura argate. Rifarandamiin bulchiinsa of dandeesse ijaaruu irratti waliigalamu garuu ammatti hin raawwanne.
Ibsa Tiraamp booda yaada isaanii kan kennan UN'tti bakka bu'aan Polisaariyoo Sidii Omaar ''bu'uurri seeraa Lixa Sahaaraa seera idil-addunyaafi qajeelfamoota UN'n murtaa'a,'' jechuun ibsan.