Michummaan Israa’elii fi biyyoota Arabaa maaliif dhimma ijoo ta’e?

Israa’elii fi Yunaayitid Arab Imireetis (UAE) guyyaa har’aa (Kibxata Fuulbaana 15, 2020) walii galtee nageenyaa seena qabeessa ta’e waliif mallatteessuuf jedhu.

Walii galteen kun Waayit Haawusitti kan raawwatu yoo ta’u jaarsummaa US’n gaggeeffama.

Sirna kanarratti Bahreenis argamuun Israa’el waliin walii galtee ni mallatteessiti.

Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi torbee darbe hariiroon Israa’elii fi Bahreen fooyya’uu akka qabu dhaamanii turan.

Maalumaafuu michummaan Israa’elii fi biyyoota galoo galaanaa(biyyoota Arabaa) maaliif dubbii dhimmamsiisaa ta’e?

Sababoonni shaman kanneen armaan gadiiti.

Biyyoota Galoo Galaanaa(Gulf)’f carraa daldalaa fi kaan banaaf

Michummaan akkanaa yoo uumame biyyoonni kunneen(Arabaa) carraa humna waraanaa gabbifachuu fi diinagdeesaanii fooyyeffachuu ni argatu.

Carraa kanaan Ameerikaan hariiroo kana keessa seenuunshee Yunaayitid Arab Imireetis teeknooloojii waraanaa duraan harkaa hin qabne akka harka galfattuuf ishee gargaara.

UAE’n humna waraanaa qabdu fayyadamuun Liibiyaa fi Yaman keessatti olaantummaashee agarsiisuuf yaaltus, diinashee ijoo kan taate Iraan garuu teeknooloojii meeshaa waraanaan fagaattee waan deemteef mataa itti jabaatti.

Dhimma kanarratti US UAE deggeruuf kutattuudha.

US, Israa’elii fi Bahreen akkuma UAE Iraan irraa shakkii fi soda guddaa qabu.

Iraan hanga bara 1969tti Baahreen akka waan qaamashee taateetti fudhachaa turte.

Gareen Shi’aa Bahreen keessa jiranis biyyattii akka qaama Iraanitti ilaalu.

Amma biyyoonni galoo galaanaa kunneen hariiroo Israa’el waliin cimsannaan gama teeknooloojiitiinis daran fayyadamu.

Israa’el guddina teeknooloojii ammayyaatiin addunyaarratti sadarkaa qabdi.

Israa’el ko’oommachuurraa gara michuuwaan horachuutti…

Israa’eel hariiroo UAE fi Bahreen waliin uumuunshee akka michuu hedduu qabaattuuf ishee gargaara.

Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamin Netanayaahuu, biyyasaanii akka dallaa sibiilaa ‘Iron Wall’ ta’etti fudhatu.

Kun tarsimoo bara 1920oota keessa ba’eedha.

Kunis Israa’el biyya jabduu yoomuu of dandeessee jiraattu akka taate biyyoota Arabaa barsiisuuf yaada kalaqameedha.

Israa’eel biyyoota Baha Giddu-galeessaa keessaa kophaatti adda baatee jiraachuu hin barbaaddu.

Akkasumas biyyattiin Iraan akka diinasheetti waan ilaaltuuf biyyoota Iraan waliin wal hin feeneen michummaa uumtee duula irratti banuu barbaaddi.

Raawwii imaammata dhimma alaa Tiraampi ni guddisa

Hariiroon kun waan hedduuf Pirezidaantii Ameerikaa fayyada.

Iraan irratti dhiibbaa uumuuf tarsimoo jabaadha, haala kanaan Pirezidaanti Tiraamp nama jabaa hariiroo biyyootaa cimse jedhamuun filannoo baranaaf dhageettii argata.

Pirezidaantichi yaaliin isaan Israa’elii fi Paalastaayin walitti fiduuf taasisaa turan hin milkoofne.

Warri Paalastaayin miira ganamuu keessa seenu

Warri Paalastaayin ammallee harka qullaa jiru.

Kanaan dura hariiroon Israa’el uumtu kamiyyuu nu hin dhibu jechaa turan, warri Paalastaayin.

Amma garuu Israa’el mana isaan seenteetti.

Paalastaayin ammallee weera daangaa Baha Jerusaalem fi West Baank jiru waliin wal’aansoo qabdi, Israa’eel garuu sanarra dabartee gola warra Arabaa seentee michuu heddummeessaa jirti.

Biyyoonni galoo galaanaa Paalastaayin irra darbanii wayita Israa’el michoomfatan biyyattiin akka waan ganamteetti of ilaaluu eegalte.

Iraaniif mataa bowwuu biraadha

Walii galteen kun dhimma bulchiinsa iraan dadhabsiisuus of keessaa qaba.

Qoqqobbiin Pirezidaanti Tiraampi biyyattiirra kaa’an ammumayyuu diinagdeeshee gaaga’aa jira.

Tarsimoon kun ammoo daranuu ishee dhiphisaara.

Israa’eel, US, UAE fi Bahreen yoo michummaa gabbifatan Iraan akka duraanii qilleensarraa fi lafoo akka garaashee imaluun haleellaa hin raawwattu, karoorrishee ni gufata.