Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Tigraay Itoophiyaa: 'Itoophiyaan naannoo Tigraayitti olaantummaa seeraa kabachiisuu qabdi' - UN
Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraayitti ''haala mirga namoomaa eegeen, hatattamaan olaantummaa seeraa kabachiisuun akkaan barbaachisa,'' jedhan Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteerez.
Ibsa guyyaa Wiixataa baheen Aabba Guteerez ''haalli wayitaawaa naannichaa daran yaaddeessaadha'' jedhan.
Lolli mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi humnoota TPLF waliin Sadaasa 04 eegale, erga humnoonni mootummaa federaalaa torban darbe magaalaa Maqalee galuu isaanii hordofee, MM Abiy Ahimad lolichi xumuramuu ibsan.
Kanneen 40,000 ol tahan lola kanaan qe'eesaanii dhiisuun Sudaanitti kan baqatan yoo tahu, kanneen dhibbaan lakkaa'aman ammoo lubbuusaanii dhabaniiru.
Erga lolli kun ji'a dabre keessa eegalee as bakka hedduutti qunnamtiin adda citee waan jiruuf, odeeffannoo mirkanaa'aa argachuun daran rakkisaadha.
Aabba Antooniyoo maal jedhan?
Ibsa gabaabaa UN baaseen, Aabba Antooniyoo Gutereez haala naannoo Tigraay keessa jiruun ''guddoo yaadda'uu'' ibsu.
Kanneen daangaa cehanii Sudaan kan galaniin alatti, achuma naannoodhuma Tigraay keessatti namoonni hedduun qarqaarsi namoomaa akka barbaachisa jedhameera. Kanaafis qondaalli Olaanaa UN kun ''ulaan qarqaarsa namoomaa danqaa malee akka banamu'' gaafataniiru.
Torban dabre keecha, aangawoonni Itoophiyaa, hojjettoota qarqaarsaaf ulaa akka banan waadaa galanii turan.
Aabba Antooniyoo dabaluun: ''UN kaka'umsa Gamtaan Afrikaa fudhatee ka'e gargaaruuf qophiidha. Kana malees humna keenya guutuu fayyadamuun baqattootaaf, kanneen buqqa'aniif akkasumas hawaasa muddama keessa jiran hundaaf qarqaarsa gochuuf yeroo kamuu caalaa qophiidha,'' jedhan.
Ibsa dhiyeenya kana baasaniin MM Itoophiyaa Abiy Ahimad, karoorri mootummaa federaalaa naannichatti ''seera kabachiisuufi hoggantoota TPLF seeratti dhiyeessuudha,'' jedhan.
Irra deebiinis yaada hooggantoota TPLF waliin taa'anii mari'achuu kuffisaniiru.
- Lolli Tigraay Itoophiyaa keessaa maali? Oduu gabaabaafi dheeraa
- Sabaan fo'amuu waldhibdee Itoophiyaa keessaa hammeessa jedhamee sodaatamu
- Gabaasa dhugummaa suuraalee lola Tigraayin walqabatan mirkaneessu
- Lolli Tigraay keessaa riphee loltummaatti deemuu malaa?
- Pireezidantiin Naannoo Tigraay Dabratsiyoon GabraMikaa'eel eenyu?
- Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad eenyudha?
Ka'umsi lola kanaa maali?
Waldhibdeen kuni Sadaasa 04, eegale. Yeroo Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota naannoo Tigraayitti lola ajaje.
Ministirri Muummee kan kana godhanif haleellaa buufata waraanaa loltoonni mootummaa buufatanitti raawwatef deebii kennuuf akka ta'e ibsan.
Lola kana dura garuu ji'oota hedduuf mootummaa MM Abiy gidduufi paartii Tigraay bulchu gidduu waldhibdeen ture.
Waggoota 30'tti dhihaataniif TPLF aangoo biyyattii guddaa qaba ture, hanga Abiy mormii ummataan bulchiinsi durii ka'ee aangoo qabatanitti.
MM Abiy rifoormii gaggeessan, Tigraay garuu fudhachuu didde jennaan rakkoon siyaasaa jabaachaa dhufe.