Saayintistiin ganna 15 barruu Taayimsiin filatamte 'rakkoo adunyaan fura' jette

Madda suuraa, Time/PA Wire
Saayintistii fi kalaqxuun ganna 15 Gitaanjaalii Raayoo jedhamtu ijoollee cimtuu bara kanaa tahuun yeroo jalqabaaf barruu Taayimsi irratti baate, yaada ‘rakkoo addunyaa kanaa furuu danda’u' fiduun namoota hedduu akka dinqisiifachiistu himte.
Gitaanjaalii Raayoon teeknolojiiwwan kanneen akka meeshaa bishaan keessaa sibiila liid jedhamu adda baasuu danda’uu fi appii doorsisa intarneetaa adda baasu kalaqxeetti.
Baruullee kanarratti kan filatamte dorgomtoota Ameerikaa 5000 tahan keessaati.
‘’Yoon ani danda’e, atis gochuu dandeessa, namni kamiyyuu ni danda’a,’’ jette.
Af gaaffii taatoo beekamtuu Anjeeliinaa Joolii waliin taasisteen Raayoon, ‘’warra saayintistii jedhaman badaa hin fakkaadhu,’’ jette.
‘’Kaniin TV irratti yeroo baay'ee argu nama dulloome fi bifa adii qabu dha,’’ jette.
‘’Kaayyoon kiyya meeshaa mataa koo kalaquurra, rakkoo addunyaa furuutti ce’eera. Namoonni kaanillee akkasuma akka godhan barbaada jette. Sababiinsaa immoo nama gara biraa si fakkaatu hin argitu taanaan salphaa miti,’’ jetti.
Raayoon magaala US, Kolaraadoo kan jiraattu yoo tahu, rakkoon furamuu qabu baayyeen jira jetti.
‘’Dhalootni keenya rakkoo kana dura hin turre hedduutu mudachaa jira. Kana malees rakkoon kana duraa hin furamiin jirus jira,’’ jechuun baruullee Taayimsitti himte.
‘’Yeroo ammaa kana weerarri otoo jiruu, sarbama mirga namoomaas ni argina. Rakkoowwan nuti hin uumne nu mudachaa jiru, garuu amma isaaniin furuu qabna. Kanneen akka jijjiirama haala qilleensaa, doorsisa intarneetaa fa’a teeknolojii fayyadamuun furuu dandeenya,’’ jette.
Raayoof badhaasni kun kan dhiyeenya kana argatte dha.
Kana duras ‘Saayintistoota dargaggoo filatamoo Ameerikaa’ keessatti maqaan ishee dhahameera. Kanas meeshaa bishaan keessaa sibiila Liid jedhamu adda baasu kalaquun argatte.
Bara darbe Gireetta Tanbarg-shamarree lammii Siwiidiin jijjiirama haala qilleensaa irratti warraaqsa idila-addunyaa uumtetu barruu Taayimsiin filatamee ture.
Baruulleen Taayimsi badhaasni kun ‘’dargaggoota Ameerikaa biroof bu’uura dha'' jedhe. Barruun Taayimsi nama filatamaa bara 2020 torbe dhuftu nan beeksisa jedheera.













