Maanguddoo Indiyaa mallattoo mormii qonnaan bultootaa ta'an

Suurri miseensi Poolisii Indiyaa maanguddoo amantii Siikih hordofan irrattii ulee poolisii osoo aggaamuu kaafame agarsiisuu mormii qonnaan bultoota Indiyaa tibba kanaa ta'e.

Suurri gaazexeessaa suuraa miidiyaa 'Press Trust of India' kaafame kun miidiyaa hawaasummaarratti dubbii ijoo ta'eera.

Dhaabbileen mormituu suura kana qabiinsa mormitootaa mootummaa ittiin qeequufi dhaabni MM Naarendiraa Moodii jaarsi itti aggaamame kan hin rukutamne akka ta'e isa ibse balaaleffataniiru.

Indiyaatti guyyoota muraasa darban qonnaan bultootni kumaan lakkaawaman daandii gara magaala guddoo biyyattii Deelhiitti geessu cufuun mormii jabaa dhageessisaa bahan.

Qonnaan bultootni kun seera haaraa ''fedha keenyaan ala'' jedhan balaaleffachuuf bahani.

Mootummaan seerrii sektara qonnaa haaromsu kun abbootiin qabeenyaa dhuunfaan hojii qonnaarratti akka hirmaatan kan hayyamu yoo ta'u qonnaan bultoota hin miidhu jedhee amana.

Murtee fi ibsa mootummaa kanaan kan hin gammanne qonnaan bultootni kumaan lakkaawaman mormii isaanii ibsuuf gara magaala Deelhii yoo yaa'an humni nageenyaa biyyattii ammoo toora galuu fi daangaa hojjechuun daandii itti cufeera.

Qonnaan bultootni kun miillaafi tiraaktaraan magaalittiitti kan yaa'an yoggaa ta'u, imala isaanii kana dhaabsisuufi bittimsuuf qaamoleen nageenyaa biyyattii kumaan lakkaawaman hiramaatanii qonnaan bultootaan walitti bu'aniiru.

Bakka hedduutti, poolisiin gaazii imimmaanessu fi bishaan humna guddaa qabuun qonnaan bultoota kana bittimsuuf yaaleera.

Suurrii maanguddoo kanaas Jimaata darbe Kaaba Lixa magaala Deelhiitti wayita qonnaan bultootni daangaa akka hin ceene kaahame diiguun magaalittii seenan kaafame.

Gaazexessaan suuraa Ravi Choudhary, suura amma dubbii ijoo ta'e kaase kun marsariitii dhugummaa odeeffannoo qoratu, Boomlive, akka himetti wayita suura kana kaasu, qonnaan bultootni daangaa kaahame diiguun konkolaataaniis miidhameera.

Poolisiin mormitoota rukuchuu eegaluufi maanguddoon itti aggaamamees rukutamuu isaanii dabalee himeera. Suurri kun tiwiitara, inistaagraamiifi Feesbuukiirra gadhiifamee namoota kumoota hedduun qoodameera.

Nama suuricha kaase dabalatee namootni hedduun dhaadannoo bara 1965 beekamu "Jai Jawan, Jai Kisan"(Loltuu dinqisiifadhaa, Qonnaan bulaa dinqisiifadhaa) jedhu suura waliin dabaaluun gadhiisaniiru.

Dhaadannoon kun bara 1965 MM Indiyaa duraanii Laal Bahaadur Shaastirii lola Indiyaafi Paakisataan wal lolan irratti gahee biyya ijaaruu keessatti loltuufi qonnaan bulaan qaban ibsuuf itti fayyadaman ture.

Qondaalli gameessi dhaaba mormituu Rahuul Gandii ''suura baayyee nama gaddisiisudha. Dhaadannoon keenya "Jai Jawan, Jai Kisan" har'a garuu ofittummaa MM Moodiirraa kan ka'e loltootni qonnaan bultootarratti ka'ani. Kuni baayyee hamaadha jedhan.

Qondaalli IT dhaaba biyya bulchaa jiruu BJP Amiit Malviyaa viidiyoo sekoondii sadii miidiyaa hawaasaarratti qooduun wanti qondaalli mormituu jedhan dhugaa miti jaarsi hin dhaanamne piroopagaandaadha jedhan.

Marsariitiin dhugummaa odeeffanno qoratu viidiyoo dheeraa gadhiisee fi jaarsa irratti aggaamame suurri isaanii mul'atu dubbisuun, maanguddoon kun inumaayyuu qaamolee nageenyaa lamaan dhaanamuufi qamni isaanii miidhamuu gabaaseera.

Wiixata darbe MM Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo haala Indiyaan mormii kana keessummeessaa jirtu isaan yaaddessuu ibsuun, ''biyyi isaanii mirga namoota nagaan mormii ibsatanii yeroo mara akka deeggartu'' himan.

Ministeerri Haajaa Alaa Indiyaas deebii attatamaa yaada kana irratti kenneen odeeffannoo gahaa malee yaada kennameefi kan bu'uura hin qabne jedheera.