Koronaavaayirasii: Uktti Dogoggora qorannootiin namoonni 1000 ol koronaavaayirasiin qabamuun itti himame

Dogoggora laaboratooriin UK 'NHS Test and Trace' jedhamu uumeen namootni dhibbaan lakka’aman koronaavayirasii akka qaban itti himame.

Sadaasa 19 fi 23 gidduutti namootni 1,300 ol ta’an koronaavaayirasii akka qaban itti himameera, qorannichi garuu rakkoo qaba ture.

Wajjirri Fayyaa fi Kunuunsa Hawaasaa (DHSC ) akka jedhututti namootni kunneen akka irra deebiin qorannoo taasisan ni godhama.

Dunkan Larkombe, kan intalli isaa bu’aa dogoggoraa argatte, kun “dogoggora salphaa miti” jedha.

Namni kun ijoolleen isaa lamaan ganna 14 fi sagalii dogoggoraan vaayirasichi qabdu jedhaman mana baruumsaa irraa hafanii akka adda of baasaniif manatti waan ergamaniif inni hojiisaa hojjachuu akka hin dandeenye hima.

Hanga Kamisa maatiin bu’aan qoranichaa dogoggora ta’uu baranitti, intalli isaa ganna 14 guyyaa afuriif kutaa isheetii osoo hin bahiin nyaatni balbalarra kaa’amaafi ture jedha. “Nuti sirriimmatti of eeggannoo gochaa turre” jedha.

‘Itti gaafatamummaa fudhachuu’

Gulaalaa gaazeexaa Sun kan ture Larkombeen, dogoggorri kun “sirni qorannoo kun ga’uumsa qabaa isa jedhu irraatti gaaffi natti uuma,” jedha.

“Diinagdeen biyyatti dandeetti laboratoorrii kunneen irratti hirkatee jira, yoo isaan hojii isaani hojjachaa hin jiran ta’e itti gaafatamuu qabu,” jedha.

DHSC akka jedhutti , “kun dogoggoraa of danda’aa sababa rakkoo keemikaala qorannoo UK keessatti raabsameen” uumameedha.

“Kun deebi’ee akka hin uumamneef guutummaatti qorannoon gaggeefamaa jira” jedha.

Intalli Larkombe isheen ganna 14 ira deebiin qoratamuun vaayirasicharraa bilisa ta'uu mirkaneeffatteetti.