Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Lola Tigraay irratti Ertiraan yaada kennite
Ertiraan paartii Naannoo Kaaba Itoophiyaa, Naannoo Tigraay bulchu Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABBUT ykn TPLF) ''yaadaafi gocha hamminaa'' raawwate jechuun himatte.
Ertiraan misaa'eloonni lama torban darbe Tigraayirraa Magaalaa guddoo biyyattii Asmaraatti darbame boodadha biyyattiin kan yaada kennite.
Mootummaan federaalaa fi humnoonni TPLF'tti hidhata qaban erga lola waraanaa eegalanii torban lama darbeera.
Ministeerri Odeeffannoo Ertiraa Yamaana G/Masqal yaadni Tiwiitar irratti kennan yaada jalqabaa gama Ertiraan erga Itoophiyaan oppireshinii naannoo Tigraayitti eegalu ishee beeksiste kennamedha.
Obbo Yamaanan dubbii ifa hin taanen paartiin TPLF ''gocha eegamu garuu hin barbaachifne'' raawwate jedhan.
Haa ta'u malee, kallattiin misaa'elli TPLF'n Asmaraatti darbatame yookiin oppireeshinii mootummaan federaalaa gaggeessaa jirurratti dubbatu hin ibsine.
Haleellaan TPLF Asmaraatti raawwatte Ameerikaan balaaleeffatteetti.
'TPLF wal dhabdee qondaalota Itoophiyaa waliin qabu gara biyyoota ollaatti ceesisuun naannicha nagaa dhowwachuuf yaaluun guddoo nu yaaddesseera' jedha ibsi Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa marsariitii isaa irratti baase.
Qondaaltonni Tigraay Ertiraan lola Tigraay keessa qooda qabdi jechuun himatu.
Haa ta'u malee, gama Itoophiyaanis ta'e Ertiraan odeeffannoon kuni hin mirkanoofne. Biyyoonni lamaanuu himannaa TPLF balaaleeffataniiru.
Guyyaa kaleessaa qondaaltonni Ertiraafi Masrii Kaayirootti wal arguun dhimma yeroo Itoophiyaarratti mari'ataniiru.
Sudaanittimmoo humnoonni biyyattiifi Masrii Kaaba Sudaan buufata waraanaa Meeroyeetti leenjii waraanaa hanga Sadaasa 26 turu gaggeessaa jiru.
Leenjiin kuni waggoota dheeraa booda yeroo jalqabaaf taasifame.