Awustiraaliyaan loltoota ishee Afgaanistaanitti yakka waraanaa raawwatan himachuufi

Awustiraaliyaan yakka waraanaa loltooti ishee Afgaanistaan keessatti raawwataniiru jechuun himataman irratti qorannoo gaggeessuufi.

Erga yeroo dhiyoo as loltootni Awustiraaliyaa kan Afgaanistaan jiran namoota nagaa fi hidhamtootarratti ajjeechaa seeraan alaa raawwachuun gabaafamaa jira.

Bu'aan qorannoo waraanaa waggoota afran darbaniis torban dhuftu maxxansama jedhamee eegama.

Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Iskoot Moriisan bu'aan qorannoo kanaa Awustiraaliyaaf ''oduu ulfaataa fi badaa'' ta'a jedhaniiru.

Yaada Kamisa kennaniin ''taateewwan hedduun fuula duratti qorataman jiru, qorannoon kunniin ammoo walxaxoo ta'u'' jedhan.

Waajirri qorannoo addaa yakka humni waraanaa raawwateera jedhamu ilaalu kun aangoo ragaalee Raayyaa Ittisa Biyyaa qorachuun taateewwan himatni yakkaa irratti dhiyaatu filachuu qaba jedhaniiru Moriisan.

Erga bara 2016 tii Rayyaan Ittisaa Austiraaliyaa balbala isaa cufatee humni waraanaa isaa Afagaanistaan keessatti yakka raawwate qorachaa bahe.

Ragaa torban darbe baheen Humni Ittisaa kun taateewwan yakkaa 55 bara 2005-2016 gidduutti raawwataman irratti ragaa namoota 336 dhagaheera.

Himatni harki hedduun ammallee kan ifa hin godhamne ta'uus, miidiyaaleen Awustiraaliyaa garuu gabaasota tokko tokko qabatanii bahaa jiru.

Himata kunniin keessa inni ijoon lammiilee Afgaan seeraa ala ajjeesuu fi qabiinsa hidhamtootaa waraanaa hammaataadha.

Bitootessa darbe Korporeeshiniin Birodkaastii Awustiraaliyaa viidiyoo tamsaase tokko irratti loltuun Tajaajila addaa humna qilleensaa Awustiraaliyaa lammii Afgaan hidhannoo hin qabne rasaasaan adda keessa yoo dhahu mul'ateera.

Moriisan gabaasni kun torbee darbe mootummaaf dabarfamee kennamuu himaniiru.

Ministirri Muummee kun waliigalatti humna ittisaa isaanii cinaa dhaabachuun dubbataniis, wantootni ta'uun irra hin jirre garuu raawwatamuu ibsaniiru.

Gabaasni kun rakkoo guddoon Raayyaa Ittisaa Awustiraaliyaa keessa jiraachuu agarsiisa aadaan kun akka jijjiiramu waajirri haaraan qorannoo gaggeessuu akka hojjetullee himan.

Humni addaa UK's bara 20212'tti ajjeechaa dargaggoota Afgaan Afurii dhuksuuf yaaluun miidiyaaleen himataniiru.

Ministirri Ittisaa biyyattii qaamni addaa qorannoo gaggeessu walabummaan iftoominnii fi itti gaafatamni akka jiraatu godhaa jedhaniiru.

Awustiraaliyaan Afaaginsaan keessatti michota ishee akka Ameerikaa fi kaan waliin loltoota ishee 400 ta'an bobbaasuun nageenya naannichaaf gumaataa jirti.