Lola Tigraay: 'Opireeshiniin Tigraay yeroo dhiyootti yakkamtoota seeratti fiduun xumurama' - MM Abiy Ahimad

Opireeshiniin waraanaa mootummaan federaalaa naannoo Tigraay keessatti gaggeessaa jiru yeroo gabaabaa keessatti xumurama jedhan MM Abiy Ahimad.

Barreeffama gabaabaa Kibxata fuula tiwiitarii isaanii irratti barreessaniin amma dura tarkaanfiin fudhatamaa jiru akkatuma karoorfameen deemaa jiraachuu himaniiru.

"Battala gareen yakkamaan hidhannoo hiikkatee, naannicha keessatti bulchiinsi seera qabeessi deebi'ee, kanneen seera jalaa baqatan to'annoo jala oolanii seeratti dhiyaatanitti opireeshiniin kun ni dhaabbata" jedhan.

Kuni hundi ariitiin wanta raawwatamuu danda'u ta'aa jira jedhan.

MM Abiy Ahimad dhiibbaa hawaasa idil addunyaarraa isaanirra gahaa jiru faccisuun tarkaanfii eegalan akka fiixaan baasan dubbataa jiru.

Amma duras tarkaanfiin mootummaan fudhataa jiru kan olaantummaa seeraa kabachiisuuti kan jedhan MM Abiy, Itoophiyaan hokkaraa fi waraana keessatti kufaa jirti jedhanii yaaduun bu'uura kan hin qabne haala biyyattiin keessa jirtu hubachuu dhabuu irraa madda jedhan.

Humnooti mootummaa federaalaa kan naannoo Amaaraa waliin ta'uun humnoota Tigraay waraanuu erga eegalanii torban guuteera.

Lixa Tigraay iddoo lolli jabaan adeemsifamaa turetti loltoonni hedduun ajjeefamuu akka hin oolle gabaasaaleen jiru.

Raayyaan Ittisaa injifannoo goonfachaa akka jiruu fi magaalota gama lixaan daangaa Tigraay keessa jiran akka Daanshaa fi kaan to'annoo jala oolchu beeksiseera.

Gama daangaa naannoo Afaar, Raayyaa akkasumas gama Eertiraan sochiin waraanaa akka jirullee aanga'oonni naannoo Tigraay himaa jiru.

Kanatti dabalataan haleellaa qilleensaan kuusaawwan meeshaa waraanaa fi boba'aa adda addaa barbadeessaa jiraachuu mootummaan federaalaa himeera.

Mootummaan federaalaa tarkaanfii waraanaa fudhachaa jiru yeroo gabaabaa keessatti xumuree naannicha keessatti nagaa buusuuf hojjetaan jira jedha.

Haa ta'u malee UN dabalatee dhaabbileen deeggarsa namoomaa fi xiinxaltoonni garuu rakkinichi kan yeroo gabaabaa keessatti xumura godhatu miti jechuun gaaga'amni lammilee nagaarra gahuu hammaachuu akka danda'u akeeku.

Lammileen miliyoona 9 ta'an balaa qe'eerra buqqa'uuf saaxilamuu malu jedha UN.

Gamtaan Afrikaa fi Awurooppaa lolli dhaabbate qaamoleen lamaanuu rakkoo jiru mariin karaa nagaa akka furan irra deebiin Kibxata waamicha dhiyeessaniiru.