Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haati warraa Joo Baayidan, giifti-duree haaraan US, eenyu?
Haadha warraa Pirezidaantii haaraa US kan ta'an Jiil Baayidan, akkuma injifachuu Baayidan dhagahaniin, kutaa duraan Afaan Ingilizii keessatti barsiisaa turan irraa dimokiraatotaaf haasawa taasisaniiru.
Jiil Baayidan bara 1990'oota keessa barnoota Afaan Ingilizii barsiisaa turan, kan haasawa jalqabaa taasisanis kutaadhuma keessatti barsiisaa turan irraati.
Erga Baayidan akka filatamuuf ragaa baatee booda, abbaa warraashee kan giiftii duree ta’uu akka gahumsa qabdu baayyee maqaashee leelisu waliin duula gaggeessuu eegalte.
‘‘Isin kanneen biyyattiitti argamtan hundaaf, barsiisaa eenyummaa keessanitti akka boontaniif amantaa isiniif kennu yaadaa. Sunis giiftii duree Jiil Baayiidan.’’ Jedhe.
Garuu Waa’ee dubartii dhiheenyaa abbaa warraa ishee waliin Waayit Hawus galuuf jirtuu maal beekna?
Seenaa dhuunfaa
Jiil Jaakoobs US isteetii Niiw Jeersii keessatti Waxabajjii 1951tti dhalatte. Angafa obboloota shanii kan taatee Jiil, Filaadelifiyaa keessa qarqara Wiilon Giroovetti guddatte.
Osoo Joo Baayidanitti hin heerumiin duras, tabataa kubaa miilaa kolleejjii duraanii Biil Isteevansaniitti heerumte turte.
Joo Baayiidan ammoo haadha warraafi intalasaa waggaa tokko balaa konkolaataatiin 1972tti dhabe. Ijoolleensaa dhiiraa lama Bee’u fi Haantar balaa sanarraa hafan.
Jiil bara 1975tti karaa obboleessa isaatiin Joo Baayidaniin wal baru dubbatti. Yeroo sanattis, isheen koolleejii keessa kan turte yoo ta’u, Baayidan ammo seenaatara turan.
‘‘Kooleejjii wayitan tureetti gurbaa jiinsiifi tiishartii uffatu tokko waliinan wal beelamee wal arga ture. Innis hanga karraatti dhufee. Uffata ispoortii uffata ture. Anis ‘Waaqayyoo kun gonkumaa hinta’u. Waggaa miliyoona miti.’ Innis waggaa sagaliin na caala!
‘‘Garuu nutis Dhiiraafi Dubartii tiyaatirii irraa Filaadelfiyaa keessaa ilaaluu bane. DHugaattis waliin baanee dowwanneera,’’ jechuun akkamiin guyyaa jalqabaa akka wal argan dubbatte.
Akka isheen jetteetti osoo tole hinjedhiin dura Joo Baayidan yeroo shaniif gaafateen. ‘‘Ijoolleen Baayidan haadhasaanii biraa akka dhaban hinbarbaadu. Kanaafu, %100 mirkanneeffachuun qaba ture’’ jechuun ibsite.
Boodas bara 1977 keessa Niiw Yoorki keessatti wali fuudhan. Intallisaanii Ashileen bara 1981tti dhalatte. Bee’u Baayidan ammo bara 2015tti kaansarii sammuutiin du’e umuriisaa waggaa 46.
Mrs Baayidan waa’ee maatii isheefi bu’aa bahii isaan keessa darban walgahii abbaan warraashee irratti pirezidaantummaaf kaadhimatame sanarratti dubbatte turte.
‘‘Osoo Joo amantanii filattanii waan gaarii maatiisaatiif taasisee hunda isiniifis ni raawwata. Tokko nu taasisuun guutuu akka taanuuf ni gargaare. Wayita barbaadnuutti gara fuulduraatti nu adeemsisuun waadaa Ameerikaaf galee hunda keenyaaf eege,’’ jettechuun dubbatte.
Seenaa barnootaa
Mrs Baayidan kan umuriin 69, baroota dheeraaf barsiisuummaan dabarsite.
Isheenis digrii jalqabaa fi digirii lammaffaa(masters) lama qabdi. Akkasumas bara 2007tti Yunivarsitii Delaawaareetii doktarummaan eebifamte jirti.
Osoo gara Waashingitan DCtti hindarbiin dura, isteetii Delaawaaree keessatti Kolleejjii hawaasaa, mana barnootaa sadarkaa olaanaa fi hosipitaala xin-sammuu keeaatti ammo gaheessoota barsiiftaa turte.
Haasaa paartii Dimokraasii irratti bara kana taasifteen kutaa dur Delaawaaree Mana Barnootaa Biraandiwaayin keessatti haasaa taasifte. Achittis bara 1991 hanga 1993tti Afaan Inglizii barsisaa turte.
Mrs Baayidan Koleejjii Norzi Hawaasa Varjiiniyaa keessa barsiisaa Ingliffaa barsiisaa turte wayita abbaan warraa ishee itti aanaa pirezidaantii tureetti.
‘‘Basiisuummaan hojii kiyya miti. Eenyumaa kiyyatu isuma,’’ jechuun tiwitara irratti barreessite Hagaa keessa.
Siyaasa
Jiil Baayidan duraan wayita abbaan warraa ishee itti aanaa pirezidaantii ta’un bara 2019 hanga 2017tti tajaajilan sanatti, moggaasa giiftii duree lammaffaa argattee turte.
Tibba kanatti, hojiinshee hawaasa kooleejii jajabeessuu, maatiiwwan loltuutiif mormuufi haala ittisa kaansarii harmaa irratti hubannoo cimsuudha.
Bara 2010 keessa, yaa’ii kolleejiiwwan Haawaasaa Waayit Hawuusii keessumeesite jirti. Yaa’iicha sanaanis waa’ee humna hojii Ameerikaa guddisuu keessatti gahee hawaasa koleejjii kan itti ilaalamee ture.
Akkasumas kaka’umsa Humnoota sagantaa barnoota fi qabeenyaawwan qaccarrii loltoota durii fi maatiisaanii akka argataniif hojjatu irratti Misheel Obaamaa waliin ta’uu beeksiite jirti.
Bara 2012 keessa ammoo, kitaaba daa’iammanii ‘Don’t Forget, God Bless Out Troops’ jedhuufi muxannoo intala akkaawwoo isaanii maatii loltuu irratti bu’uurreeffate maxxansaniiru.
Akkasumas Jiil duula na fildhaa abbaan warrashee bara 2020tti taasisaniin deegartu isaa cimtu turte. Isheenis isa waliin qophiiwwan irratti hirmaachaa fi maallaqa walitti qabaa turte.