MM Kaanaadaafi pirezidantiin Firaansi erga qeequmsa tibbanaatii reefuu waliti dubbatan

Ministirri Muummee Kaanadaa Jastiin Tiruudoo yaada dhiheenya kana dhimma bilisummaa yaada ibsachuu irratti taasisaniin qeequmsa irratti ka'e ilaalchisuun pirezidaantii Firaansi Imaanu'eel Maakroon waliin mari'atan.

Ministirri Muummee Jastiin Tiruudoon haleellaa dhiheenya Firaansi keessatti mudate ilaalchisuun ''ummata Firaansi'' waliin ta'uu ibsanii ture.

Tibba darbe barsiisaan Firaansi tokko mana barnootaa magaalaa Paarisiin ala jiru tokkotii osoo barsiisuu, fakkii Nabiyyuu Mohaammad(SAW) haala hin taaneen barattoota isaa muraasaatti erga agarsiisee booda ajjeefame.

Jastiin Tiruudoon torbee darbe keessa yaada dhimma bilisummaa ofii ibsachuu irratti kennaniin Kaanaadaa fi Firaansi keessatti qeeqamanii ture.

Akkasumas fakkii ilaalchise yaadni pirezidaantiin Firaansi imaanu'eel Maakroon dubbatan muslimoota biratti mormii kaasee ture.

Biyyoota kaan keessatti ammoo omishaaleen Firaansi akka lagatamaniif waamichi taasifamaa ture.

Tiruudoon maal jedhanii?

Ministirri Muummee Jastiin Tiruudoo haleellaa dhiheenya Firaansi kessatti qaqqabe, ajjeechaa albeen waldaa keessatti raawwatame dabalatee, balaaleffatanii ture.

Dhimma fakkii Nabiyyuu Mohaammad(SAW) irrattis, ''mirgi of ibsachuu daangaa maleessa miti'' jedhanii ture.

"Warra kaan kabajuudhaan fi namoota hawaasaa fi ardii waliin qooddannu akka tasaatti ykn haala hinbarbaachifneen hinmiineef gocha keenya hubachuu qabna.'' jedhan.

Itti dabaluunis: ''Fakeenyaaf yeroo hunda daangeeffamni waan jiruuf lafa namoonni walitti qabamanii tiyaatira ilaalaniitti ibidda jechuun iyyuuf mirga hinqabnu'' jedhan.

Deebiin Maakroon maal ture?

Guyyaa Kibxataa,haasaa Mr Maakroon karaa bilbilaatiin MM Kaanaadaa waliin taasisaniin, ergaa deeggarsaa tibba haleellaatti dabarsaniif galateeffataniiru.

Ministirri Muummee Jastiin Tiruudoon ergaasaanii duraa akkas jechuu ibsaniiru, ''yaada bilisummaan ibsachuu fi bilisummaan dubbachu eeguu itti fufuu qabna'' jedhan.

Bilbilli kaleessaa hoo maal ture?

Ministirri Muummee Jastiin Tiruudoo fi pirezidaanti Maakroon Kamisa kaleessaa bilbilaan waliin kan haasa'an yoo ta'u, kunis dubbiiwwan kana duraarratti komii ture waliirraa kaasuu fakkaata jedhame.

Akka barreeffama waajira MM tti, Jastiin Tiruudoon ''haleellaafi jeequmsa Firaansiitti dhiheenya mudateef waliin dhaabbanna lammiilee Kaanaadaa ibsuufiidha.''

Akkasumas aanga'oonni lamaan, ''barbaachisuummaa bilisummaan yaada ofii ibsachuu fi kabaja mirga namoomaa eegsiisuurratti akkaasumas kutannoo shororkeessuummaafi jeequmsa mankaraaressummaa lamaanuu itti amanan irratti walii galaniiru'' jedha.