Lammiileen Indiyaa kaan caalaa maaliif Covid-19 dandamatu?

India slum

Madda suuraa, AFP

Lammiileen Indiyaa miiliyoonaan lakkaa'aman nyaataa fi bishaan qulqulluu hin argatan. Qilleensa faalamaa akkasumas naannoo namni itti hedduummaatu keessa jiraatu.

Haalli jireeyaasaanii kunis dhukkuboota dadarboo hintaane kan akka dhibee onnee, dhibee hargansuu, kaansariifi dhibee shukkaaraaf akka saaxilamoo isaan taasisee qorattoonni ni mul'isu.

Akka gabaasni motummaa mulisuutti faalamni qilleensaa qofti wagga waggaan lammiilee Indiyaa miiliyoonaan lakkaa’aman du'aaf saaxila.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n nyaataa fi bishaan qulqulluu argachuun ittisa Covid-19’f barbaachisaadha jedha.

Qorannoon WHO fi Unicef’n taasifame tokko ammoo, namoonni biiliyoona sadii ta’an kan hedduunsaanii biyyootii hin guddanne keessa jiraatan, bakka harka dhiqannaa bu’uraa hin qaban jedha.

Odeeffanoon kun qofti Indiyaa keessatti koronaavayirasiin du’a lammilee miiliyoona hedduuf sababa ta’e yaaddoo jedhu kaasuuf ga’aa ture.

“Weerarri Covid-19 biyyoota diinagdee gadi aanaafi giddu galeessa keessatti miidhaa uuma kan jedhu waan eegamedha,” jedhu Daarektarri Waliigalaa Kaawuunsilii Qorannoo Saayinsii fi Industirii CSIR Dr Sheekar Mandee.

Indiyaan addunyaa keessatti baayyina lakkoofsa uummaataafi lakkoofsa namoota koronaavayirasiin qabamaniin sadarkaa ja’affaarra jirti.

Ta’us garuu, lakkoofsa namoota addunyaa irratti koronaavayirasiin du’anii keessa kan Indiyaa %10 qofa.

Qorannoon haaraan saayinstistoota Indiyaatiin gaggeeffamne tokko ammoo, haala qulqullina naannoo, hanqinni bishaan qulqulluufi haalli jireenyaa qulqullina hin qabne tarii lubbuun namoota hedduu Covid-19 irraa olcheera jedha.

Kana jechuun, namoonni biyyoonni dinaagde gadaanaa keessa jiraatan sababa ijoollummaa irraa eegalanii dhibee hedduuf saaxilamanii irraa baayyannachuu danda’aniif, Covid-19 caalatti akka damdamatan taasiseera jedhu.

Haa ta'u malee, qorannoon lamaanu kan haalaan hinqoratamnee yoo ta'u, du'aatiin miliyona keessaa mudate baayyina du'aatiin wal bira qabamee ilaalamu qabaata.

Dharavi is one of the world's most congested slums

Madda suuraa, Reuters

Qorannoon inni tokko odeeffannoo biyyoonni 106 irraa argate uulagaalee lakkoofsa uummataa, dimoograafii, tatamsa’ina dhukkubaafi hanga qulqullinaa irratti hundaa’uun maadaallii gaggeesse.

Saayinstistoonni kunneen lakkoofsi namoota du’aanii biyyootii guddatan keessatti akka baayyatu argataniiru.

“Namoonni biyyoota hiyyeeyyi keessa jira kanneen biyyoota dinaagdeen guddatan caalaa dandeettii dhukkuba dandamachuu olaanaa kan qaban fakkaata,” jedhu barreessaa qorannoo kana keessa tokko kan ta’e Dr Mandee.

Qorannoon inni biraan ammoo tatamsa’ina Covid-19 keessatti gahee maaykroobiyoom irratti kan xiyyeeffateedha.

Maaykroobiyoomiin baakteeriyaa, vaayirasii fi fungaayii qama namaa keessa jiran nyaata daakuuf, baakteriyaa dhibee fidan ittisuu, dandeetti dhibee ofirraa ittisuu qama maadaluufi vaaytaminii uumuuf kan gargaaran of keessatti qabata.

People are seen at a crowded market amidst the spread of the coronavirus disease (COVID-19) in Mumbai, India, October 29, 2020.

Madda suuraa, Reuters

Kolleejii Mootummaa Dr Rajendra Pirasaad irraa Piraveen Kumaar fi Bal Chander biyyooti diinagdee olaanoo fi giddugaleessa 80 dabalatee ragaalee biyyootii 120 madaalaniiru.

Lakkoofsi namoota Covid-19 biyyooti uummati isaanii gosa maaykroobiyoom kan “gram-negative bakteriyaa’ jedhamn hedduuf saaxilamanii qabanii keessatti gadi aanaadha.

Gargaaraan piroofeesara qorannoo dhibee daddarbanii Yunivarsitii Kibba Karolaayinaa Kirutika Kuppalli qorannoowwaan haaraa kun yaadoota adda addaa kan ilaalan malee kan saayinsiin mirkaneeffaman miti jedhu.

Dabalataanis saayintistoonni lakkoofsi namoota du’aani biyyoota akka Indiyaa keessatti xiqqaanchuun isaan lakkoofsi dargaggootaa waan bayyatuufi jedhu.

Ta’us sababooti biroon kan akka dhibee biroo keessa darbuu irraa kan ka’ee dandeettiin dhibee dandammachuu danda’uu waliin waliin wal qabataa kan jedhu ifa miti.

Ifatti lakkoofsi du’aa xiqqaachuu isaaf sababootiin adda addaa jiraachuu danda’u.

“Reefuu weerarichi baatii 10 qofa waan ta’eef ammayyuu waa’ee vaayirasichaa wanti baruu qabnu jira," jetti Pirof Kuppalii.

Dhugaan jiru ammayyuu wanti nuti hin beekne hedduutu jira.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa