Koronaavaayiras: 'Sirni fayyaa Indiyaa dadhabaa waan ta’eef maatii kiyya dhabe’-Gaazexeessaa BBC

Indiyaa keessatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabalaa dhufuun sirni fayyaa biyyattii kufaatiirra jiraachuusaa mul’isa jechuun gaazexeessaan BBC Rooksii Gadgekaar akkaataa maatiisaa sababa koronaavaayirasiitiin itti dhabe ibsa.
Gaafa guyyaa Caamsaa 11 obboleettiin kiyya naa bilbiltee abbaan warraashee Umeesh sababa harganuu dadhabeen gara hospitaalaa geessa akka jiran natti himte san baay’ee nahe. Innis koronaavaayirasiidhaan qabamee ture.
Umeesh guyyoota shan booda dhibee kanaan du’e. Duuti isaas sirni fayyaa biyyattii sababa Covid-19 kufaatiirra akka jiru hubanne.
Lubbuu Umeesh baraaruuf yeroo oliifi gadi jechaa turretti namoota turtii ogummaa gaazexeessummaa koo waggoota 20 fayydamuun maaltu akka ta'aa jiru baruuf yaaleera.
Maaltu akka ta'aa jiru baruuf yaaliin taasifamullee, hospitaalli lubbuunsaa itti darbe akkamitti akka du’e maatiisaaf hin ibsine yookiin gaaffii BBCn dhiyeesseefis hin deebisne.
‘Umeesh hospitaala ciisee yaala argachuu qaba’
Hospitaalli haati warraa Umeesh, Shefaaliin geessite Anaand jedhamu lixa naannoo Gujaraat keessatti hospitaala dhuunfaa beekkamuudha.
Guyyoota muraasa dura dhukkubsattoota Covid-19 akka yaaluu filatamee ture.
Ta’us garuu yeroon bilbiluuf kutaa adda baasanii itti yaalan akka hin qabne natti himan. Veentileetarri yookiin doktorooonni dhukkubsattoota Covid-19 yaalanillee hin jiran.

Obboleettii tiyyaan gara hospitaala biraatti geessitu itti hime. Ta’us garuu hospitaalonni dhuunfaa kutaa hin qabnu jechuun didan.
Sheefaaliin hospitaala dhuunfaa biraatti ‘x-ray’ akka kaafamu eega gootee ogeessi raadiyooloojistiis Covid-19 qabamuu hin oolle jedhee shakkiisaa itti hime.
Umeesh Tamaa’ichii nama umuriin ganna 44 ture yoo ta’u ogeess seeraa ture. Obboleettiin tiyya dhaabbata IT beekamaa keessatti hoggantuudha. Maatiin kun magaalaa naannoo tajaajilli hawaasummaa gahaan hin jirre keessa jiraatu ture.
Doktaroonni erga ‘x-ray’ Umeesh ilaalanii booda hospitaala ciisee yaalamuu akka qabu nutti himan.
Indiyaa keessatti hospitaalonni mootummaa dhukkubsattoota hedduu qabaachuufi ogeeyii muraasaa qabaachuusaaniitiin hin jaallataman.
Namoonni hedduun yaala argachuuf sa’aatii dheeraa eeguu qabu. Hanqinni qulqullinnaafi bakka gaha dhabuun rakkoo biraati.
‘Magaalattii keessatti sireen tokkollee hin jiru’
Umeesh yaala gaarii hin argatu sodaa jedhuun ministira fayyaa Niitiinbaa’I Paateelittin dhiyaadhe. Isaanis yaala isa baay’ee gaarii akka argatuuf doktrootatti himan.
Guyyaa itti aanuu waaree booda haallisaa baay’ee hammaatee jennaan gara kutaa yaala addaatti jijjiirame. Anis gara hospitaalaa dhuunfaa biraatti isa jijjiiruu yaale. Hospitaalota hedduu bilbiluus kutaa siree akka hin qabne natti himan.
Guutuu magaalattii keessatti sireen tokkollee hin jiru.
Boodarra doktora isaa naaf bilbilee tajaajila veentileetaraa argachuu akka qabu natti hime. Yeroo bilbila gama viidiyootiin dubbachuufillee rakkataa akka ture argeera.
Wanni godhuu danda’u harkasaatiin harganuu akka hin dandeenyee mul’isuu qofa ture.
Umeesh nama jabaa ture. Haadha warraa isaa Sheefaalii walin ta'uudhaan ijoollee dura lama qaban barnoota gaarii barsiisuuf karoora qabu ture. Intalli isaa tokko Medikaal Doktorii barachuuf qorumsa fudhachuuf qophiitti kan jirtu yoo taa'u, isheen tokko ammoo akkuma abbaa ishee ogeettii seeraa ta'uu barbaaddi.
Haati warraasaa Sheefaalii kophaashee ijoollee durbaa lamaa waliin rakkinna kana keessatti hafte.
Isheenis qorannoo taasisuu akka qabu beekti. Sheefaaliin dhukkuba sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa qabdi. Haalli Umeesh yaala argachuu hammam ulfaataa akka ta’e itti mul’iseera.

‘Na amantee turte – amantiishee eeguu hin dandeenye’
Sheefaalii qorannoo akka taasiftuuf hospitaalaa hedduu deemnus milkaa’uu hin dandeenye ture. Dhumarratti ogeessa laabiraatoorii tokko argannus mootummaa saamuuda qorachuu dhaabaa akka jedheen nutti hime.
Boodarratti gargaarsa waahili kiyyaatiin Caamsaa 15 akka qoratamtu goone.
Qorannoon guyyaa itti aanuu nu dhaqabe Sheefaaliifi intallishee quxxisuun vaayirasichaan qabamuusaanii nuu mirkaneesse.
Ammallee gargaarsa waahila kiyyaatiin hospitaa dhuunfaa yaala akka argataniif geessine.
Karaarra osoo jiru firri kiyya tokko bilbilee Umeesh akka hubadhu natti hime. Ganamarraa jalqabee hospitaalarraa odeeffannoo argachuuf yaalus deebii akka hin arganne itti hime. Innis Umeesh akka du’e natti himan naan jedhe.
Baay’een nahe – maal akkan godhuu qabu wallaale.
Jabina kiyya walitti sassaabee doktora isaa biratti bilbile. Innis yeroo san hojiirra waan hin turreef odeeffannoo homaa akka hin qabne natti hime.
Boodarra doktorri tokko Umeesh sa’aatii dheera dura akka du’e natti hime. Eenyullee garuu nutti himuuf hin muddamne.
Hospitaalli gaaffii BBC maatii waa’ee du’asaa maaf akka hin beekne gaafateef deebii hin kennine.
Haala jiru beekuu waan qabduuf hospitaala akka hin ciisneef Sheefaalii nan dhorkeen. Waa’ee galmee hospitaalaa sobee akka gara manaa deebitun godhe.
Erga mana geenyee booda namni jireenyasaa keessatti ishee jaallatu lubbuunsaa akka darben itti hime.
Miira dhukkubbii keessatti iyyite.
“Umeesh gara manaatti akka deebi’u waadaa naa seentee turte. Umeesh kiyya mitii amma?”
Abbaa warraashee gara manaatti deebista jettee na amantee turte. Ani garuu amantiishee eeguufii hin dandeenye. Wanti hundi nama qaanessa.
Hamma ammaatti waa’ee du’asaa wanti beeku hin jiru. Du’asaa booda akkamitti bilbillisaa, Siim Kaardiinsaafi sa’aatiinsaa bade? Hospitaalli gaaffii BBC'n gaafate kanneeniif deebii hin kennine.
Ahimaadabaad magaalota Indiyaa tajaajila fayyaa haala hin kennine keessaa ishee tokkodha, lakkoofsi sirees gad bu’aa jira.
Inni kun mudannoo kiyya yoo ta’e, namoota miiliyoonatti laaka’aman carraa ani qabu kana hin qabne hoo maaltu isaan mudataara laata?

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















