Seerri haaraan Indiyaa amantaa bu'uureffate hokkora kaase

Madda suuraa, AFP
Magalaa guddoo Indiyaa Niiw Delhiitti Seera haaraa kana mormuun hiriira gaggeefamaa tureen Poolisiifi hiriirtonni walitti bu'anii midhaa guddaan gaheera.
Seerri haaraan Indiyaa kun lammiilee biyyoota ollaa harki caalaan isaanii Musliima ta'an keessaa sababa amantaa isaaniin lammiilee ariyatamuun irra gaheef lammummaan akka kennamuuf, Musliima yoo ta'an garuu akka hin kennamneef ajaja.
Walitti bu'iinsa Poolisiifi hiriirtootaa guyyoota shanan darbaniin lubbuun namoota jahaa darbeera.
Seerichi maaliif falmisiisaa ta'e?
Seerri kun baqattoota Musliima hin ta'iin Baangilaadesh, Paakistaaniifi Afgaanistaan keessaa baqatanii karaa seeraan alaa Indiyaa galaniif carraa lammummaa argachuu kennaaf.
Paartiin Indiyaa bulchaa jiru BJP'n kana kan godheef kanneen sababa amantaa isaaniin, Musliimaa waan hin taneef, ariyatamni irra gahe ofitti qabachuufii jedheera.
Haata'u malee qeeqxotni seerri kun qaama ajandaa mootummaan Musliimota qollifachuuf qabateeti, qajeelfama heera biyyaa keessatti mootummaan amantaa keessa hin galu jedhus ni sarbaa jedhu.
Torbee darbe gara jalqabaa Waajirri Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii seera haaraa ragga'e kanaan cunqursaadha jedheera.
Mormitootni baqattootni lammummaan kennamuuf kun carraa hojiifi lafa keenya fudhatanii boodas aadaafi eenyummaa keenyarraan dhibbaa geessisuu jechuun seericha balaaleffatu.
Mootummaan gama isaan loogii amantaa kamuu akka hin qabneefi Musliimonni seera haaraa kanarraa fayyadamoo kan hin taaneef lakkoofsa amantootaan xiqqoo(minority) waan hin taaneef deeggarsa Indiyaa hin barbaadan kan jedhurraayii jedheera.
Seerrii kun erga ragga'een booda kutaalee Indiyaa hedduu keessatti hokkorri dhalateera. UK, US fi Kaanaadaan Lammiilee isaanii gara Kaaba Baha Indiyaatti imalaniin ofeeggadhaa jedhaniiru.












