Namtichi Indiyaa waan isa dhalchaniif maatii isaa himate

Madda suuraa, Nihilanand
Namtichi lammii Indiyaa ganna 27 kun hayyama isaa maalee maatiin isaa waan isa dhalchaniif isaan himachuuf jira.
Magaalaa Mumbaay keessatti daldalaa kan ta'e Raafaa'eel Saamu'eel BBC'tti akka himetti daa'imman dhalchanii addunyaatti fiduun sirrii miti. Sababni isaas dararama jireenya guutuuf isaan saaxiluudha jedha.
Obbo Saamu'eel dhalachuun dura hayyama daa'ima tokkoo gaafachuun akka hin danda'amne ni hubata garuu "fedha keenyaan miti kan dhalanne" jedhuun morma.
Hayyama keenya malee waan dhalanneef, jireenya keenya guutuu nuuf kaffalamuu qaba jechuunis falma.
Abbaafi haati Samu'eel lamaan isaaniituu ogeeyyii seeraati.
Haati isaa Aadde Kavitaa Karnaad, "ilmi keenya ogeeyyii seeraa ta'uu keenya osoo beekuu, waan isa dhalchineef nu himachuuf ka'uu isaatiin isan dinqisiifadha" jedhaniiru.
"Osoo inni hin dhalatiin dura akkamiin hayyama isaa gaafachuu akka dandeenyu yoo nuuf ibsuu danda'e, dogoggora koo nan fudhadha," jedhan.
Yaadni Obbo Saamu'eel hundeen isaa falaasama 'Anti-natalism' jedhamu kan jireenyi dararaan guutame waan ta'eef dhalli namaa ilmoo godhachuu dhaabuu qaba jedhudha.

Madda suuraa, Nihilanand
Kuni suuta suuta dhala namaa addunyaa irraa dhabamsiisa kan jedhu Samu'eel, kun pilanetii kanaaf waan toludha jedha.
"Namummaan hiikaa homaatuu hin qabu. Namni hedduun dararamaa jira. Dhalli namaa yoo dhabame, dacheefi bineensoti gammadoo ta'u. Kun waan fooyya'aadha, namni dararamu hin jiraatu."
Waggaa tokko dura fuula 'Facebook' banatee poostaroota suuraa isaafi ergaa barreeffamaa yaada isaa kana ibsan qabu maxxansaa ture.
Wantoota inni maxxansu keessaa, "Daa'ima addunyaa kanatti fidun garbummaatti fiduudha, Maatii kee akka ashaangullitii ykn saree sitti bohaaruuf si dhalchan" kan jedhanfaatu jira.

Yaadni kun yeroo duraaf wayita daa'ima ganna shanii sammuu isaa kessatti akka uumame dubbata.
"Akkuma daa'imman kaaniin ture. Gaaf tokko jireenyi baay'ee na nuffisiisee, mana barumsaa deemuunf fedhiin dhabe. Maatiin koo garuu akkan deemu na dirqisiisaa turan. Kanaaf maaliif na dhalchitan jedhee gaafachuun eegale. Abbaan koo deebii naaf deebisu dhabe, osoo yeroos deebii naaf kenneera ta'ee tarii amma akka kanatti hin yaadun ture."
Yaadichi sammuu isaa keessatti wayita bilchaataa deemu maatii isaatti himuuf murteesse. Maatiin isaas yaada isaa kana xiinxaluu eegalan.

Madda suuraa, Nihilanand
"Haati koo osoon ani hin dhalatiin osoo na bartee silaa sin dahu ture naan jette" jechuun kolfaa dubbata. Yaadni isaa sababa akka qabu garuu ni hubatti jedha.
Obbo Samu'eel maatii isaa mana murtii dhaabuuf karoorfachuun isaa, yaada osoo dhalli namaa jiraachuu baate addunyaan nagaa qabaatti jedhurraa qofa akka ta'e hima.
Obbo Samu'eel abukaatoo barbaaddachaa jira garuu hamma yoonaa hin milkoofne.
"Dhimmi koo akka kufu nan beeka, abbaan murtii waan kana dhaga'uu barbaadu hin jiru. Ta'us garuu ergaan dabarsuu barbaadu waanan qabuuf himata banuu hin dhiisu."
Wanti inni 'Facebook' irratti maxxansu falmii hedduu kaasa, yaada gaarii kan kennaniif akkuma jiran, kan arrabsaniis jiru. "Beenu of ajjeesi" kan jedhaniinis hin dhabamne.
Haadholiin tokko tokko ijoolleen keenya waan ati barreessitu yoo argan akkam ta'u jedhanii na gaafatu, sun na yaaddessa jedha.
Warri isa qeeqan beekamtii barbaadetu akkana godha jedhuun.
"Ani kana beekamtiif jedhee miti kanan godhu" jedha. "Yaadichi uummata bira akka gahu nan barbaada. Yaadni kun salphaafi daa'imman dhalchuu dhiisuun sirrii akka ta'e akka hubatamuufi."
Dhalachuu isaatti gammachuu akka hin qabne gaafatamee, "Osoon dhalachuu baadhe jedheen hawwa" jedha.
"Kuni garuu jireenya kootti gammachuu waanan hin qabneef miti. Jireenyi koo gaariidha, garuu as jirachuu hin fedhun ture. Kana jechuun mana bareedaa tokkotu jira garuu mana sana keessa jiraachuu hin barbaadu akka jechuuti" jechuun ibsa.













